Saturday, July 12, 2025

Seenaa Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos. 

 Miidiyaa Waldaa Sillaasee || Finfinnee, Itoophiyaa 
Adoolessa 5,2017 B.A 
  1. Qulqulluu Pheexiroos 
 Qulqulluu Pheexiroos qarqara galaana Galiilaa Betasaayidaatti dhalate. Maqaan abbaa isaa Yoonaas jedhama. Umurii isaa waggaa shanii kaasee magaalaa Qifirinaahoom keessatti kan guddate yoo taʼu, dargaggummaa isaatti obboleessa isaa Indiriyaas wajjiin galaana Galiilaa irratti qurxummii kiyyeessuu jalqabe. Yeroo duuka bu’aa ta’ee filatamu umuriin isaa waggaa 65 akka ture himama; gara Gooftaa keenyatti kan isa fides obboleessa isaa Indiriyaas ture. Qulqulluun Pheexiroos Barnaabaasii fi lallabaa Wangeelaa Maarqoos wajjiin firooma qaba ture. Abbaan Maarqoos, Aristoobuloosii fi Barnaabaas karaa haadha isaanii obbolaa turan. Qulqulluun Pheexiroos obboleettii Barnaabaasii fi Aristoobulos fuudhe waan ta’eef gaa’elaan firooma qabu. Qulqulluun Pheexiroos gara duuka bu'ummaatti yeroo waamame kiyyoo, bidiruu fi abbaa isaa dhiisee Gooftaa isaa duukaa bu’e.
Qulqulluun Pheexiroos utubaa ykn duuka butoota iccitii Yohaannisiifi Yaa'iqoob waliin kan lakkaa’amudha. Gooftaan halkan galaana Xibriyaadoos irra yeroo deemu argee, “Gara kee akkan dhufu na ajaji” jedhe gaafate. Gooftaanis eeyyama erga kenneefi booda gidduutti shakkuu jalqabee bishaan keessa lixuu jalqabe. Gooftaanis, “Amanaa malee kan hin amanin hin ta'iin” jechuun isaati lole (dhekkaame) bishaan keessa lixu irra fayye.(Maat. 14:22-33) Yaa’ii Qiffirinaahoomitti yeroo gooftaan waa’ee icciiti Qurbaana barsiisu Ayuudonnii baay’een waan hin galleef duubaatti deebi’anii turan. Duuka buutonnis, “Baay’een isaanii gara duubaatti deebi’an.” Yeroo kanatti Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka buutonni, “Isin illee deemuu ni barbaadduu?” jedhee gaafateen. Yeroo kanattis, “Gooftaa, gara eenyuutti deemna? ati jecha jireenya bara baraa qabda.Ati immoo Kiristoos ilma Waaqayyoo isa jiraataa ta’uu kee ni amanna” jechuun duuka buutota kan bakka bu’ee kan deebisee isa.(Yohaannis 6:66-68) Qulqulluun Pheexiroos Gooftaa ni jaalata ture. Garuu jaalalli isaa inaaffaan waan makameef, Gooftaan keenya duursee waa’ee du'a isaa yeroo itti himus irratti hin ta'in jedhee falmee ture.( Maatiwoos 16:23 ). Boodarra ofitti amanamummaadhaan, “Hundi yoo siin dogoggoran iyyuu, ani gonkuumma si hin ganu” jedhee dubbate. Gooftaanis, “Dhugaan siin jedhaa osoo lukkuun hin iyyiin si’a sadii na ganta” jedheen, garuu “Si waliin du’uun yoo barbaachisellee yoomiyyuu si hin ganu” jedheera. (Maatiwoos 26:34) Pheexiroosis jecha isaa eeguuf yaalee ture, garuu akkuuma Gooftaan jedheen yeroo sadii jecha ganiinsaa dubbateen booda gaabbiidhaan deebi’ee, Gooftaanis har’as akka isa jaalatu itti agarsiisuuf Galaana Xiberiyaasitti itti mul’ate. (Yohaannis 21:1) Yeroo sadii isa gane waan tureef, qajeelfama kenneef. Amma, Qulqulluu Pheexiroos ofitti amanamummaan isaa bu’aa akka hin arganne waan beekuuf, “Na jaalattaa?” beekumsi ofii isaa garamitti akka isa geesse waan beekuuf, Gooftaan keenyas inni haaloo bahuu (kan haaloo bahuu dhiisuu) ta’e, har’as akka isa jaaladhu, kabaja har’as itti kenne akka hin dhabne, sababni isaas gaabbiidhaan waan deebi’eef itti hime. Innis “ilmoolee koo bobbaasi, hoolota koo eegi, hoolota koo bobbaasi” jedhee imaanaa itti kenne. Kanumaanis akkaataa boqonnaa isaa akkamitti Waaqayyoon ulfina akka kennuuf itti himee gara samiitti ol baʼe.(Yohaannis 21:15-17) Qulqulluun Pheexiroos kanaan dura Mana Murtii Angafa Lubaa Qayyaafaatti Gooftaa isaa ganee ture, humna Afuura Qulqulluu erga fudhatee booda, waa’ee Kiristoos Fayyisaa Addunyaa yeroo mana yaa’ii Yihuudootaa nama dhukkubsate fayyise jedhamee himatame ija jabinaan ragaa ba’eera. Qulqulluu Pheexiroos duuka bu'aa jalqaba Qorneeliyoosiin cuuphuudhaan ormootaaf wangeela lallabe ture. Duuka bu'aan kun ayyaana Waaqayyo isa hundumaa danda’uun dhukkubsattoota illee fayyiseedha.(Hojii Duuka Buutotaa 5:15). Akka seenaan Mana Kiristaanaa ibsutti Qulqulluun Pheexiroos Filiisxeemiin, Sooriyaa, Beephantoon, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Biitaaniyaa fi Roomaa keessatti lallabaa ture.Qulqulluun Pheexiroos Qulqulluu Phaawuloos waliin waggaa tokkoof Roomaa keessatti erga barsiisee booda lakkoofsi Kiristaanota Roomaa baay’achuun Kiristaanummaan aangawoota Roomaa bira ga’e. Haadhotii manaa Albinoosii fi Agiriiphaa, aangawoota dhiyoo Neeroo turan, amantii Kiristaanaa fudhatan. Yeroo kanatti Neeroon mootiin Roomaa baayʼee isaanitti aaree ture. Neeroon bara 64 Dh.K.D.tti Roomaa keessatti mootii ta’e. Jalqaba bulchiinsa isaatti nama gaarii ture. Garuu bara bulchiinsa isaa keessa gara jabummaan isaa mul'achuu waan jalqabeef ilma abbaa isaa ajjeese. Bara 69 Dh.K.D, haadha isaas summiin ajjeese. 

63 Dh.K.Bara , barsiisaa isaa isa barsiise ajjeesee, bara 62 Dh.K.D, haadha warraa ijoollummaa isaa Agtaasiyaa ajjeese. Ishee booda haadha manaa isaa Paapiyaa ajjeese. Bara 64 Dh.K.D. Neeroon magaalaa Roomaa masaraa isaa magaalaattiin ala jiru keessatti ibidda qabsiise. Ummanni Roomaa balaa kanaan baayʼee aaraniiru. Neeroon Kiristaanota ariʼata ture. Kanarraa kan ka’e oduun gosa lamaa Magaalaa Roomaa keessatti naanna’uu jalqabe. Inni tokkoffaan Waaqoliin Roomaa amantii kiristaanaatti aaree magaalaattii irratti ibidda roobsuun, inni lammaffaan immoo Kiristaanonni itti yaadanii magaalattii ibidda qabsiisuu isaaniiti. Ummanni Roomaa gubbaachu magaalattii kanaan kan aare, namoota Kiristaanota taʼan hunda baasee ajjeesu jalqabe. Qulqulluun Phaawuloos yeroo kanatti mana hidhaa keessa waan tureef billaadhaan ajjeefame. Kana dhaga’anii haadhellen manaa Aginuus fi Agriphaa funyoo dallaa magaalaattii irraa isa hidhanii gadi buusuun Roomaa akka bahu isa dirqisiisan. Ergamaan Qulqulluu Pheexiroos imala itti fufe. Roomaa dhiisee deeme. Miila isaa dulloomaatiin suuta jedhee osoo deemaa jiruu dargaggeessi diimaa tokko gara isaatti dhufaa jiru arge. Yeroo itti dhiyaatu Gooftaa keenya ta’uu hubate. Achumaan fuula isaa duratti kufee, “Gooftaa, ati eessa deemta?” jedhee gaafate, Innis, “Roomaatti deebi’ee fannifamuun barbaada” jedheen. Yeroo kanatti Qulqulluun Pheexiroos gaddee gara Roomaa deebi’e. Loltoonni Neeroon isa barbaadaa turan. "Kunoo na fannisa" jedheen Qulqulluun Pheexiroos. Sana booda Qulqulluu Pheexiroos hidhan. Guyyoota muraasa booda warri Roomaa fannoo isaaf fidan. Qullqulluun Pheexiroosiis, "Akka Gooftaa kootti fannifamuun naaf hin malu" jedhee gadi garagalchanii akka isa fannisan isaan kadhate. Isaanis akkuma itti himame godhan. Adoolessa 5, 67 Dh.K.B wareegamaa ta'ee boqate. Eebbi Qulqulluu Pheexiroos hunduma keenyarra haa bulu! 

 2. Qulqulluu Phaawuloos

 Qulqulluun Phaawuloos hidda dhaloota Ibrootaa, gosa Biiniyaam irraa kan dhufe yoo ta’u, Magaalaa Tarsees keessatti dhalate. Tarsees Magaalaa guddoo Qiliqiyaa, daldala isheetiin beekamtu turte. Qulqulluun Phaawuloos umurii isaa waggaa kudha shanitti gara biyya isaatti deebi’ee mana barumsaa beekamaa Gamali’eel Iyyarusaalemitti argamu seene. Achittis hanga waggaa soddomaatti seera fi aadaa Yihudootaa barate. Umurii isaa waggaa soddomaatti akka miseensa Mana Maree Yihudootaatti ilaalama ture. Qulqulluun Phaawuloos bara Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos Iyyarusaalem keessa waan tureef, haala jiru hunda ni beeka ture. Qulqulluun Phaawuloos waggoota lamaan miseensa Mana Maree Yaa’ii Yihudootaa ta’ee ture keessatti amantii bara Ooriitii isaatiif inaaffaa kan qabu yoo ta’u, carraa hundatti kiristaanota mormaa ture. Dhugaa dubbachuuf, yeroo Angafni Daaqonootaa, Wareegamaa Isxifaanoos barsiise jedhamee himatametti Mana Maree Yihudootaa duratti dhiyaate kan falme isa ture. Gaafa dhagaadhaan rukutamee wareegamu uffata jara dhagaadhan rukkuutanii kan eegu isa ture. Qulqulluun Awugustiin, “Kadhannaa Isxifaanoosiin Manni Kiriistaanaa Phaawuloos argatte” jedheera. Umurii isaa waggaa 32tti, Magaalaa Damaasqoo, Iyyarusaalem irraa gara kaabaatti kiilo meetira 223 (Dhibba lamaa fi digdamii sadii) fagaattee argamtu keessatti kiristaanonni baay’een akka jiran dhaga’e. Gara Angafa Lubootaa dhaqee xalayaa hayyamaa argate Kiristaanota balleessuuf ka'e. Qulqulluun Phaawulos Magaalaattii seenuuf utuu jiruu ifni samii irraa naannoo isaatti balaqqeessa’ee sagalee “Saa’ool, Saa’ool, maaliif na ari’atta?” jedhu dhagga’e. Phaawulosiis, “Yaa Gooftaa ati eenyu?” jedhee gaafate. Gooftaanis, “Ati kan na ari’attu, Ani Iyyasuusidha” jedheen. Yeroo sanatti kufee raafamee, “Gooftaa, maal akkan siif godhu barbaadda?” jedhee gaafate. Kana booda ka’ee gara Damaasqootti akka seenu itti himame. (Hojii Duuka Buutotaa 9:1-6). Qulqulluu Phaawuloos ija isaa dhabee gara Damaasqootti geeffame; guyyaa sadiif hin nyaannes hin dhugnes. Waaqayyo duuka bu'aa Anaaniyaa jedhamutti abjuun itti mul'ate, Anaaniyaanis isa cuuphe. Namoonni Damaasqoo fi Anaaniyaan duraan Phaawuloos beeku turan. Ari’atamni kun gidiraa Qulqulluu Isxifaanoos irra ga’e irraa ka’e, Phaawuloos ammoo wareegama Isxifaanoos irratti qooda guddaa qaba ture. Anaaniyaas Waaqayyo waliin falmuu jalqabe; akka Waaqayyo isa hin beekneetti waa’ee Qulqulluu Phaawuloos ibsuu jalqabe. Garuu Waaqayyo, “Kun meeshaa maqaa koo Ormoota, Moototaa fi ijoollee Israa’eel duratti ba’uuf naaf filatameedha; kanaaf dhaqi” jedhee Anaaniyaa erge. Anaaniyaanis Phaawuloos cuuphee barsiise, Phaawuloos immoo gara biyya Arabaa deeme (Gal.1:17). Waggaa sadii gammoojjii Arabaa keessatti erga dabarsee booda gara Magaalaa Damaasqootti deebi'e. Achittis, Iyyasuus Kiristoos isa kanaan dura isa ariʼachaa ture Yihudoota gidduutti lallabuu jalqabe. Sana dura Phaawulos inni Fariisummaa fi inaaffaa seera Yihudootaatiif qabuun beekamu, Yihudoonni har’a isaa Wangeela lallabu argaan irraati ka’an. Kanaan kan kaʼes, Kiristaanonni Damaasqoo gara Iyyarusaalemitti isa ergan. Qulqulluun Phaawuloos Iyyarusaalem yeroo gahu rakkoon lama isa mudate. Tokkoffaa, Yihuudoonni Phaawuloos akka beekanii fi baratanitti hin beekne ajjeesuuf ka’an. Lammaffaa, Kiristaanonni Qulqulluun Phaawuloos deebi’uu isaa amanuu hin dandeenye. Dhumarratti, Barnaabaas gara duuka bu’oota isa geessee waaʼee deebiʼee dhufuu Phaawulos isaanitti hime. Qulqulluu Phaawuloos, Iyyarusaalemitti ija jabinaan barsiisaa ture, Yihudootaan mormiin waan irraa gaheef, Magaalatti dhiisee gara biyya isaa Tarsees Qiisaariyaatti deebi’e. Ergasiin boodaas qulqulluun Phaawuloos biyyota addaa addaa deemuu Wangeela barsiisera. Dhumarratti bara 64 Dh.K.B Neeroon quufuu isaatiin Magaalaa Roomaa gaafa gubatu maal akka fakkaattu ilaaluu barbaada jedhee gube. Ummanni Roomaa gubachuu magaalattii irratti gaddaa fi fincila kaasuun waan hundaaf kiristaanota komate. Kanaan kan ka’e, namni Kiristaana ofiin jedhu hundi ari’atamaa, dararamaa fi ajjeefamaa ture. Qulqulluu Phaawuloos bara 65 Dh.K.B Magaalaa Niqoophoolis keessatti osoo barsiisaa jiruu qabamee mana hidhaatti gale. Waggaa lamaa fi ji’a ja'aaf mana dukkanaa keessatti erga hidhamee booda umrii isaa waggaa 94tti karaa Osiishiyaa Roomaa irratti mataan muramee Adoolessa 5, bara 67tti Dh.K.B wareegama ta’ee boqate. 

Qulqulluu Pheexiroos Ergaa lama kan barreesse yoo ta’u, Qulqulluu Phaawuloos Ergaa kudha afur barreesse. 
Gargaarsi fi eebbi Ergamoota Qulqullootaa hunda keenya waliin haa ta'u; Ameen. 

 Maddi: Kitaaba Sinkisaarii ji’a Adoolessa 5; Macaafa Qulqulluu-Kakuu Haaraa, Waldaa Sillaasee

Saturday, April 12, 2025

𝗛𝐎𝐎𝐒𝐀'𝗜𝗡𝗔

Kuutaa 6ffaa

1 . 𝗛𝗜𝗜𝗞𝗞𝗔.
𝗛𝗢𝐎𝐒𝗔'𝗜𝗡𝗔  𝚓𝚎𝚌𝚑𝚞𝚞𝚗 𝚓𝚎𝚌𝚑𝚊  𝙸𝚋𝚛𝚊𝚊𝚢𝚒𝚜𝚡𝚒𝚒

" 𝗛𝗼𝘀𝗵𝗮𝗮'𝗶𝗻𝗮𝗵𝗶 " 𝚔𝚊𝚗 𝚓𝚎𝚍𝚑𝚞 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚔𝚊𝚗 𝚊𝚛𝚐𝚊𝚖𝚎𝚎 𝚢𝚘𝚘 𝚝𝚊'𝚞𝚞 𝚑𝚒𝚒𝚔𝚊𝚊𝚗 𝚒𝚜𝚊𝚊 " 𝗺𝗮𝗹𝗼𝗼 𝗮𝗺𝗺𝗮 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗶𝘀𝗶, 𝗮𝗺𝗺𝗮 𝗻𝘂 𝗲𝗲𝗯𝗯𝗶𝘀𝗶 "  𝚓𝚎𝚌𝚑𝚞𝚍𝚑𝚊𝚊.
➪𝙵𝚊𝚛𝚏 117/118 " 𝙸𝚗𝚗𝚒 𝚖𝚊𝚚𝚊𝚊 𝚆𝚊𝚊𝚚𝚊𝚢𝚢𝚘𝚘𝚝𝚒𝚗 𝚍𝚑𝚞𝚏𝚞 𝚎𝚎𝚋𝚋𝚒𝚏𝚊𝚖𝚊𝚍𝚑𝚊𝚊 "  𝚜𝚒𝚛𝚗𝚒 𝚊𝚢𝚢𝚊𝚊𝚗𝚊 𝚑𝚘𝚜𝚊𝚊'𝚒𝚗𝚊𝚊 𝚐𝚞𝚢𝚢𝚊𝚊 𝚛𝚘𝚘𝚋𝚒𝚒 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚎𝚎𝚐𝚊𝚕𝚎𝚎 𝚑𝚊𝚗𝚐𝚊𝚊 𝚐𝚞𝚢𝚢𝚊𝚊 𝚜𝚊𝚗𝚋𝚊𝚝𝚊𝚊 𝚐𝚞𝚍𝚍𝚊𝚊𝚝𝚝𝚒 𝚗𝚒 𝚢𝚊𝚊𝚍𝚊𝚝𝚊𝚖𝚊𝚊.

2. 𝙒𝙖𝙣𝙜𝙚𝙚𝙡𝙡𝙤𝙣𝙣𝙞 𝙖𝙧𝙛𝙖𝙣𝙪𝙪 𝙬𝙖𝙖'𝙚𝙚 𝙃𝙤𝙨𝙖𝙖'𝙞𝙣𝙖𝙖 𝙗𝙖𝙧𝙧𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙣𝙞𝙧𝙪𝙪.
➪𝙼𝚊𝚊𝚝 21 :1- 13, 𝙼𝚊𝚊𝚛𝚚 11 : 1, 𝚕𝚞𝚚 19: 1, 𝚈𝚘𝚑 12:13

3. 𝙃𝙖𝙧𝙧𝙚𝙚𝙣 𝙝𝙞𝙙𝙝𝙖𝙢𝙩𝙚𝙚 𝙁𝙖𝙠𝙠𝙚𝙚𝙣𝙮𝙖 𝙢𝙖𝙖𝙡𝙞𝙩𝙞 ?

𝘼. 𝚜𝚎𝚎𝚛𝚊 𝚘𝚘𝚛𝚒𝚝𝚒𝚒𝚍𝚑𝚊𝚗 𝚏𝚊𝚔𝚔𝚎𝚏𝚏𝚊𝚖𝚝𝚒.
𝙷𝚊𝚛𝚛𝚎𝚎𝚗 𝚑𝚊𝚊𝚍𝚑𝚘𝚘 ( 𝚐𝚞𝚍𝚍𝚒𝚝𝚒𝚒𝚗 ) 𝚋𝚊'𝚊𝚊 𝚔𝚊𝚗 𝚋𝚊𝚛𝚊𝚝𝚎𝚎𝚍𝚑𝚊, 𝚜𝚎𝚎𝚛𝚊 𝚘𝚘𝚛𝚒𝚝𝚒𝚒𝚍𝚑𝚊𝚗 𝚋𝚞𝚕𝚞𝚞𝚗 𝚔𝚊𝚗 𝚋𝚊𝚛𝚊𝚝𝚊𝚖𝚎𝚎𝚍𝚑𝚊.
𝘽.𝚏𝚊𝚔𝚔𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚒𝚜𝚒𝚛𝚊'𝚎𝚎𝚕𝚘𝚝𝚊𝚊𝚝𝚒.
𝙷𝚊𝚛𝚛𝚎𝚎𝚗 𝚑𝚊𝚊𝚍𝚑𝚘𝚘 ( 𝚐𝚞𝚍𝚍𝚒𝚝𝚒𝚒𝚗 ) 𝚋𝚊'𝚊𝚊 𝚋𝚊𝚌𝚑𝚊𝚊 𝚔𝚊𝚗 𝚝𝚞𝚛𝚝𝚎 𝚏𝚒 𝚋𝚊𝚌𝚑𝚞 𝚔𝚊𝚗 𝚍𝚊𝚗𝚍𝚎𝚎𝚜𝚜𝚞𝚍𝚑𝚊 , 𝚊𝚔𝚔𝚞𝚖𝚊 𝚔𝚊𝚗𝚊 𝚞𝚞𝚖𝚖𝚊𝚗𝚗𝚒 𝙸𝚜𝚒𝚛𝚊𝚊'𝚎𝚕𝚒𝚒𝚜 𝚜𝚎𝚎𝚛𝚊 𝚛𝚊𝚠𝚠𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞 , 𝚜𝚎𝚎𝚛𝚊𝚗 𝚝𝚊𝚛𝚔𝚊𝚊𝚗𝚏𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚔𝚊𝚗 𝚋𝚊𝚛𝚊𝚝𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒𝚍𝚑𝚊.
𝘾.𝚏𝚊𝚔𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝙰𝚍𝚍𝚊𝚊𝚖.
𝙷𝚊𝚛𝚛𝚎𝚎𝚗 𝚑𝚊𝚊𝚍𝚑𝚘𝚘 ( 𝚐𝚞𝚍𝚍𝚒𝚝𝚒𝚒𝚗 ) 𝚋𝚊'𝚊𝚊𝚗 𝚔𝚊𝚗 𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚋𝚊𝚢𝚢𝚊𝚌𝚑𝚊𝚊 𝚝𝚞𝚛𝚎𝚎𝚍𝚑𝚊 , 𝚊𝚔𝚔𝚞𝚖𝚊 𝚔𝚊𝚗𝚊 𝙰𝚍𝚍𝚊𝚊𝚖𝚒𝚜 𝚋𝚊'𝚊𝚊𝚗 𝚌𝚞𝚋𝚋𝚞𝚞 𝚔𝚊𝚗 𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚋𝚊𝚊𝚢𝚊𝚝𝚎𝚎𝚍𝚑𝚊.
𝘿. 𝙵𝚊𝚔𝚔𝚎𝚗𝚢𝚊𝚊 𝚗𝚊𝚖𝚘𝚘𝚝𝚊 𝚌𝚞𝚋𝚋𝚞𝚞𝚗 𝚑𝚒𝚒𝚍𝚑𝚊𝚖𝚊𝚊𝚗𝚒𝚝𝚒𝚒. 𝙳𝚞𝚞𝚔𝚊 𝚋𝚞'𝚘𝚘𝚗𝚗𝚒 𝚕𝚊𝚖𝚊𝚊𝚗 𝚍𝚎𝚎𝚖𝚊𝚗𝚒𝚒 𝚑𝚒𝚒𝚔𝚊𝚗 𝚏𝚊𝚔𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚕𝚞𝚋𝚘𝚘𝚝𝚊𝚝𝚒.

4. .𝗜𝗹𝗺𝗼𝗼𝗻 𝗛𝗮𝗿𝗿𝗲𝗲 ( 𝗕𝘂𝗸𝗸𝘂𝗿𝗿𝘂𝗻 ) 𝗙𝗮𝗸𝗸𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 𝗺𝗮𝗮𝗹𝗶𝘁𝗶𝗶 ?

𝗔.𝚂𝚎𝚎𝚛𝚊 𝚆𝚊𝚊𝚚𝚊𝚢𝚢𝚘𝚘𝚗 𝚏𝚊𝚔𝚔𝚎𝚏𝚊𝚖𝚝𝚒𝚒.
𝙸𝚕𝚖𝚘𝚘𝚗 𝚑𝚊𝚛𝚛𝚎𝚎 ( 𝚋𝚞𝚔𝚔𝚞𝚛𝚛𝚞𝚗 ) 𝚋𝚊'𝚊𝚊𝚏 𝚑𝚊𝚊𝚛𝚊𝚊𝚍𝚑𝚊.𝙰𝚔𝚔𝚞𝚖𝚊 𝚔𝚊𝚗𝚊 𝚠𝚊𝚗𝚐𝚎𝚎𝚕𝚕𝚒 𝚐𝚘𝚘𝚏𝚝𝚊𝚗 𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝙸𝚢𝚢𝚊𝚜𝚞𝚞𝚜 𝙺𝚒𝚛𝚒𝚜𝚝𝚘𝚘𝚜 𝚔𝚊𝚗 𝚑𝚘𝚓𝚓𝚊𝚝𝚎, 𝚔𝚊𝚗 𝚋𝚞'𝚞𝚞𝚛𝚎𝚜𝚜𝚎 𝚜𝚎𝚎𝚛𝚊𝚊 𝚑𝚊𝚊𝚛𝚊𝚊𝚍𝚑𝚊.
𝗕.𝚘𝚛𝚖𝚘𝚘𝚝𝚊𝚊𝚗 𝙵𝚊𝚔𝚔𝚎𝚎𝚏𝚊𝚖𝚝𝚒.
𝙸𝚕𝚖𝚘𝚘𝚗 𝚑𝚊𝚛𝚛𝚎𝚎 ( 𝚋𝚞𝚔𝚔𝚞𝚛𝚛𝚞𝚗 ) 𝚜𝚞𝚗 𝚋𝚊'𝚊𝚊 𝚊𝚔𝚔𝚞𝚖𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝚋𝚎𝚎𝚔𝚗𝚎 , 𝚘𝚛𝚖𝚘𝚘𝚗𝚗𝚒𝚜 𝚜𝚎𝚎𝚛𝚊 𝚔𝚊𝚔𝚞𝚞 𝚑𝚊𝚊𝚛𝚊𝚊  𝚑𝚒𝚗 𝚋𝚎𝚎𝚔𝚊𝚗.
𝗖. 𝙳𝚞𝚋𝚛𝚘𝚔 𝙼𝚊𝚊𝚛𝚒𝚢𝚊𝚊𝚖𝚒𝚒𝚗 𝚏𝚊𝚔𝚔𝚎𝚏𝚊𝚖𝚝𝚒.
𝙸𝚕𝚖𝚘𝚘𝚗 𝚑𝚊𝚛𝚛𝚎𝚎 ( 𝚋𝚞𝚔𝚔𝚞𝚛𝚛𝚞𝚗 ) 𝚜𝚞𝚗 𝚊𝚔𝚔𝚞𝚖𝚊 𝚋𝚊'𝚊𝚊  ( 𝚏𝚎'𝚊𝚊 ) 𝚑𝚒𝚗 𝚋𝚎𝚎𝚔𝚗𝚎 , 𝙳𝚞𝚋𝚛𝚘𝚘𝚗 𝙼𝚊𝚊𝚛𝚒𝚢𝚊𝚊𝚖𝚒𝚒𝚜 𝚌𝚞𝚋𝚋𝚞𝚞 𝚋𝚒𝚢𝚢𝚊𝚊 𝚕𝚊𝚏𝚊𝚊 𝚔𝚊𝚗𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝚋𝚎𝚎𝚔𝚝𝚞.

5 .𝙂𝙤𝙤𝙛𝙩𝙖𝙖𝙣 𝙜𝙪𝙮𝙮𝙖𝙖 𝙃𝙤𝙨𝙖𝙖'𝙞𝙣𝙖𝙖 𝙢𝙖𝙖𝙡𝙞𝙛 𝙃𝙖𝙧𝙧𝙚𝙚 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙖 𝙩𝙖'𝙚𝙚.

𝗔.  𝚁𝚊𝚓𝚒𝚒 𝚍𝚞𝚋𝚋𝚊𝚝𝚊𝚖𝚎𝚎 𝚛𝚊𝚠𝚠𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞𝚏.
➪  𝚁. 𝚣𝚊𝚔 9:9 " 𝙰𝚝𝚒 𝚢𝚊𝚊 𝚖𝚞𝚌𝚊𝚊 𝚃𝚜𝚒𝚢𝚘𝚘𝚗 𝚋𝚊𝚊𝚢𝚒𝚜𝚒𝚒 𝚐𝚊𝚖𝚖𝚊𝚍𝚒, 𝙰𝚝𝚒𝚒𝚜 𝚢𝚊𝚊 𝚖𝚞𝚌𝚊𝚊 𝙸𝚢𝚢𝚊𝚛𝚞𝚜𝚊𝚊𝚕𝚎𝚎𝚖 𝚐𝚊𝚖𝚖𝚊𝚍𝚒, 𝚎𝚎𝚐𝚊 𝚖𝚘𝚘𝚝𝚒𝚒𝚗 𝚔𝚎𝚎 𝚚𝚊𝚓𝚎𝚎𝚕𝚊 𝚏𝚒 𝚏𝚊𝚢𝚢𝚒𝚜𝚊𝚊𝚍𝚑𝚊 , 𝚐𝚊𝚍𝚒 𝚘𝚏 𝚚𝚊𝚋𝚊 𝚝𝚊'𝚎𝚎 𝚑𝚊𝚛𝚛𝚎𝚎 𝚏𝚒 𝚒𝚕𝚖𝚘𝚘 𝚑𝚊𝚛𝚛𝚎𝚎 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚝𝚊'𝚎𝚎 𝚐𝚊𝚛𝚊 𝚔𝚎𝚎 𝚗𝚒 𝚍𝚑𝚞𝚏𝚊"

   𝙃𝙖𝙧𝙧𝙚𝙚 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙖 𝙩𝙖'𝙪𝙪𝙣 𝙞𝙨𝙖𝙖.

𝗔. 𝙶𝚊𝚍𝚒 𝚘𝚐 𝚚𝚊𝚋𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚗𝚞 𝚋𝚊𝚛𝚜𝚒𝚒𝚜𝚞𝚞𝚏
𝗕. 𝙱𝚊𝚛𝚛𝚒 𝚔𝚞𝚗 𝚋𝚊𝚛𝚊 𝚗𝚊𝚐𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊𝚝𝚒𝚒 𝚓𝚎𝚌𝚑𝚞𝚞𝚍𝚑𝚊𝚏.
𝚊𝚔𝚔𝚊 𝚊𝚊𝚍𝚊𝚊 𝙸𝚜𝚒𝚛𝚊𝚊'𝚎𝚕𝚘𝚘𝚝𝚊𝚝𝚒 𝚕𝚘𝚕𝚕𝚒, 𝚋𝚎𝚎𝚕𝚕𝚒 , 𝚓𝚎𝚎𝚚𝚞𝚖𝚜𝚒 𝚢𝚘𝚘 𝚓𝚒𝚛𝚊𝚊𝚝𝚎 𝚏𝚊𝚛𝚍𝚊𝚊 𝚢𝚊𝚋𝚋𝚊𝚝𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒 𝚖𝚊𝚐𝚊𝚊𝚕𝚊𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚍𝚎𝚎𝚖𝚞 , 𝚋𝚊𝚛𝚛𝚒 𝚜𝚞𝚗 𝚋𝚊𝚛𝚊 𝚗𝚊𝚐𝚊𝚊 𝚢𝚘𝚘 𝚝𝚊'𝚎𝚎 𝚑𝚊𝚛𝚛𝚎𝚎 𝚢𝚊𝚋𝚋𝚊𝚝𝚊𝚗𝚒𝚒 𝚍𝚎𝚎𝚖𝚞.

Daniel Mamo, [4/12/25, 6:44 AM]
QULQULLEETTII MANA AMANTAA, [4/12/25, 1:48 AM]
➪ 𝚁 . 𝚣𝚊𝚔 9:10 " 𝙴𝚏𝚒𝚛𝚎𝚎𝚖 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚐𝚊𝚊𝚛𝚒𝚒  , 𝙸𝚢𝚢𝚊𝚛𝚞𝚜𝚊𝚊𝚕𝚎𝚎𝚖 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 𝚏𝚊𝚛𝚍𝚎𝚎𝚗 𝚗𝚊𝚗 𝚋𝚊𝚕𝚕𝚎𝚎𝚜𝚜𝚊 , 𝚡𝚒𝚢𝚢𝚒 𝚕𝚘𝚕𝚊𝚊𝚜 𝚗𝚒 𝚌𝚊𝚋𝚊 , 𝚘𝚛𝚖𝚘𝚝𝚊𝚊𝚏 𝚗𝚊𝚐𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚗𝚒 𝚍𝚞𝚋𝚋𝚊𝚝𝚝𝚊 , 𝚋𝚞𝚕𝚌𝚑𝚒𝚗𝚜𝚒 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚜 𝙶𝚊𝚕𝚊𝚊𝚗𝚘𝚘𝚝𝚊 𝚑𝚊𝚗𝚐𝚊 𝙶𝚊𝚕𝚊𝚊𝚗𝚘𝚝𝚊𝚊𝚝𝚝𝚒 , 𝚕𝚊𝚐𝚐𝚎𝚎𝚗𝚒𝚒 𝚔𝚊𝚊𝚜𝚎 𝚑𝚊𝚗𝚐𝚊 𝚍𝚊𝚗𝚐𝚊𝚊 𝚍𝚊𝚌𝚑𝚎𝚎𝚝𝚝𝚒 𝚗𝚒 𝚝𝚊'𝚊𝚊.
𝗖.𝙷𝚊𝚛𝚛𝚎𝚎𝚍𝚑𝚊 𝚗𝚊𝚖𝚊 𝚓𝚊𝚕𝚊𝚊 𝚍𝚑𝚎𝚎𝚜𝚊𝚗𝚒𝚒 𝚑𝚒𝚗 𝚋𝚊'𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒.
𝚊𝚔𝚔𝚞𝚖𝚊 𝚔𝚊𝚗𝚊 𝚗𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚐𝚊𝚛𝚊 𝚠𝚊𝚊𝚚𝚊𝚢𝚢𝚘𝚘𝚝𝚝𝚒 𝚍𝚑𝚒𝚢𝚊𝚊𝚌𝚑𝚞 𝚋𝚊𝚛𝚋𝚊𝚍𝚞𝚞 , 𝚠𝚊𝚊𝚚𝚊𝚢𝚢𝚘𝚘 𝚒𝚜𝚊 𝚓𝚊𝚕𝚊𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝚏𝚊𝚐𝚊𝚝𝚞.
➪ 𝚁.𝙴𝚛𝚖 23:23 " 𝙰𝚗𝚒 𝚠𝚊𝚊𝚚𝚊 𝚍𝚑𝚒𝚢𝚘𝚘𝚝𝚒 𝚖𝚊𝚕𝚎𝚎 𝚠𝚊𝚊𝚚𝚊 𝚏𝚊𝚐𝚘𝚘𝚝𝚒 𝚖𝚒𝚝𝚒 ."

6. 𝗚𝗼𝗼𝗳𝘁𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮𝗳 𝗠𝗮𝗮𝗹𝗶𝗳 𝗺𝘂𝗸𝘁𝗶 𝗺𝗲𝗲𝘅𝘅𝗶 𝗵𝗮𝗳𝗮𝗺𝗲 ?

𝗔. 𝙼𝚞𝚔𝚝𝚒 𝙼𝚎𝚎𝚡𝚡𝚒 𝙼𝚊𝚕𝚕𝚊𝚝𝚝𝚘𝚘 𝙽𝚊𝚐𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 ( 𝙶𝚊𝚖𝚖𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞𝚝𝚒 )
➪ 𝚈𝚒𝚜𝚒𝚑𝚊𝚊𝚚 𝚢𝚎𝚛𝚘𝚘 𝚍𝚑𝚊𝚕𝚊𝚝𝚞𝚞 𝙰𝚋𝚒𝚛𝚒𝚑𝚊𝚊𝚖 𝚖𝚞𝚔𝚊 𝚖𝚎𝚎𝚡𝚡𝚒 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚝𝚎𝚎 𝚆𝚊𝚊𝚚𝚊𝚢𝚢𝚘𝚘𝚗 𝚐𝚊𝚕𝚊𝚊𝚝𝚎𝚏𝚏𝚊𝚝𝚎 𝚓𝚒𝚛𝚊.
➪ 𝚂.𝙻𝚊𝚠𝚠 23:40 " 𝙼𝚞𝚜𝚎𝚎𝚗 𝚐𝚊𝚏𝚊 𝚊𝚢𝚢𝚊𝚊𝚗𝚊 𝚔𝚊𝚋𝚊𝚓𝚞 𝚋𝚊𝚕𝚊𝚊 𝚖𝚞𝚔𝚊 𝙼𝚎𝚎𝚡𝚡𝚒 𝙷𝚊𝚛𝚔𝚊𝚊𝚝𝚝𝚒 𝚚𝚊𝚊𝚊𝚝𝚎 𝚠𝚊𝚊𝚚𝚊𝚢𝚢𝚘𝚘𝚗 𝚐𝚊𝚕𝚊𝚊𝚝𝚎𝚏𝚏𝚊𝚝𝚎 𝚓𝚒𝚛𝚊"
➪ 𝙼𝚞𝚕 7:9 "  𝚄𝚏𝚏𝚊𝚝𝚊𝚊 𝙰𝚍𝚒𝚒 𝚞𝚏𝚏𝚊𝚝𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒 𝚑𝚊𝚛𝚔𝚊𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚗𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚋𝚊𝚕𝚊𝚊 𝚖𝚎𝚎𝚡𝚡𝚒 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚝𝚊𝚗𝚒𝚒 𝚝𝚎𝚎𝚜𝚜𝚘𝚘 𝚒𝚜𝚊𝚊 𝚏𝚒 𝚑𝚘𝚕𝚕𝚒𝚌𝚑𝚊𝚊 𝚏𝚞𝚕𝚍𝚞𝚛𝚊𝚊 𝚍𝚑𝚊𝚋𝚋𝚊𝚝𝚊𝚊𝚗"
𝗕. 𝙱𝚊𝚕𝚕𝚒 𝚖𝚞𝚔𝚊 𝙼𝚎𝚎𝚡𝚡𝚒 𝚎𝚛𝚐𝚊 𝚐𝚘𝚐𝚎𝚎 𝚋𝚘𝚘𝚍𝚊 𝚗𝚒 𝚕𝚊𝚕𝚕𝚒𝚜𝚊.𝚔𝚊𝚗 𝚐𝚘𝚐𝚎𝚎 𝚜𝚒𝚝𝚞𝚞 𝚕𝚊𝚕𝚕𝚒𝚜𝚒𝚜𝚊𝚊 𝚢𝚎𝚛𝚘𝚘 𝚓𝚎𝚍𝚑𝚊𝚗𝚒𝚒𝚍𝚑𝚊.
𝗖. 𝙰𝚔𝚔𝚊 𝚊𝚊𝚍𝚊𝚊 𝙸𝚜𝚒𝚛𝚊𝚊'𝚎𝚎𝚕𝚒𝚝𝚝𝚒 𝚖𝚞𝚔𝚝𝚒 𝙼𝚎𝚎𝚡𝚡𝚒𝚗 𝚖𝚊𝚕𝚕𝚊𝚝𝚝𝚘 𝚗𝚊𝚐𝚊𝚊 , 𝚐𝚊𝚖𝚖𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚏𝚒 𝚖𝚘𝚘'𝚊𝚗𝚗𝚊𝚊𝚝𝚒.𝙽𝚊𝚊𝚑 8:14
𝗗. 𝙼𝚎𝚎𝚡𝚡𝚒𝚗 𝚚𝚘𝚛𝚎𝚎 𝚚𝚊𝚋𝚊, 𝚗𝚊𝚖𝚊𝚜 𝚗𝚒 𝚠𝚊𝚛𝚊𝚊𝚗𝚊. 𝙰𝚝𝚒 𝚠𝚊𝚊𝚚𝚊 𝚖𝚘𝚘'𝚊 𝚒𝚜𝚊 𝚓𝚒𝚛𝚊𝚊𝚝𝚊𝚍𝚑𝚊𝚊 𝚢𝚎𝚛𝚘𝚘 𝚓𝚎𝚗𝚗𝚞𝚞𝚍𝚑𝚊. 𝚂. 𝙱𝚊'𝚞𝚞 14:14
𝗘. 𝚏𝚒𝚛𝚒𝚒𝚗 𝚖𝚞𝚔𝚊 𝚖𝚎𝚎𝚡𝚡𝚒 𝚚𝚘𝚛𝚎𝚎𝚍𝚑𝚊𝚊𝚗 𝚔𝚊𝚗 𝚖𝚊𝚛𝚏𝚊𝚖𝚎𝚎𝚍𝚑𝚊𝚊 𝚋𝚒𝚛𝚊𝚊𝚜 𝚑𝚒𝚗 𝚐𝚊'𝚊𝚊𝚖𝚞. 𝙰𝚝𝚒𝚒𝚜 𝚊𝚔𝚔𝚎𝚗𝚢𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊𝚗 𝚔𝚎𝚎 𝚚𝚘𝚛𝚊𝚝𝚊𝚖𝚎 𝚋𝚒𝚛𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝚐𝚊'𝚊𝚖𝚞𝚞 𝚢𝚎𝚛𝚘𝚘 𝚓𝚎𝚗𝚗𝚞𝚞𝚍𝚑𝚊𝚊.
𝗙. 𝙼𝚎𝚎𝚡𝚡𝚒 𝙰𝚋𝚒𝚍𝚍𝚒 𝚑𝚒𝚗  𝚗𝚢𝚊𝚊𝚝𝚞 𝚡𝚞𝚚𝚎𝚎 𝚍𝚑𝚒𝚒𝚜𝚊𝚊𝚗 𝚖𝚊𝚕𝚎𝚎. 𝙰𝚝𝚒𝚒𝚜 𝚊𝚖𝚊𝚕𝚕𝚒 𝚆𝚊𝚊𝚚𝚞𝚖𝚖𝚊𝚊 𝚔𝚎𝚎𝚝𝚒𝚜 𝚑𝚒𝚗 𝚚𝚘𝚛𝚊𝚝𝚊𝚖𝚞𝚞 𝚢𝚎𝚛𝚘𝚘 𝚓𝚎𝚗𝚗𝚞𝚞𝚍𝚑𝚊.

7. 𝘂𝗳𝗳𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝗳𝗶𝗶𝘅𝗲  𝗯𝗮𝗮𝗹𝗮 𝗯𝗶𝗾𝗶𝗹𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗺𝘂𝗿𝘂𝘂𝗱𝗵𝗮𝗮𝗻 𝗴𝗼𝗼𝗳𝘁𝗮𝗮𝗳 𝗵𝗮𝗮𝗳𝗮𝗻𝗶𝗿𝘂𝘂
.
➪ 𝚄𝚏𝚏𝚊𝚝𝚊𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒 𝚑𝚊𝚏𝚞𝚞𝚗 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚗𝚒𝚒 𝚔𝚊𝚋𝚊𝚓𝚊 𝚞𝚕𝚏𝚒𝚗𝚊 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚝𝚒𝚒𝚏 𝚢𝚎𝚛𝚘𝚘 𝚓𝚎𝚍𝚑𝚊𝚊𝚗𝚒𝚍𝚑𝚊.
➪ 𝙺𝚘𝚛𝚊𝚊 𝚘𝚜𝚘𝚘 𝚝𝚊'𝚎𝚎 𝚗𝚊𝚖𝚊 𝚚𝚞𝚞𝚚𝚊, 𝚞𝚏𝚏𝚊𝚊𝚗𝚗𝚒 𝚐𝚊𝚛𝚞𝚞 𝚗𝚊𝚖𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝚚𝚞𝚞𝚚𝚞, 𝚊𝚝𝚒𝚒𝚜 𝚜𝚎𝚎𝚛𝚊 𝚗𝚊𝚖𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝚚𝚞𝚚𝚗𝚎 𝚗𝚞𝚞𝚏 𝚑𝚘𝚓𝚓𝚊𝚝𝚝𝚎 𝚢𝚎𝚛𝚘𝚘 𝚓𝚎𝚍𝚑𝚊𝚗𝚒𝚒𝚍𝚑𝚊.
➪ 𝚞𝚏𝚏𝚊𝚊𝚗𝚗𝚒 𝚚𝚊𝚖𝚗𝚒 𝚔𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝚚𝚞𝚕𝚕𝚊𝚊 𝚊𝚔𝚔𝚊 𝚑𝚒𝚗 𝚝𝚊𝚗𝚎𝚎 𝚗𝚞𝚞𝚏 𝚍𝚑𝚘𝚘𝚔𝚜𝚊 , 𝚊𝚝𝚒𝚒𝚜 𝚌𝚞𝚋𝚋𝚞𝚞 𝚗𝚊𝚖𝚊𝚊𝚏 𝚗𝚒 𝚍𝚑𝚘𝚔𝚜𝚒𝚝𝚊 𝚓𝚎𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚒𝚜𝚊𝚊𝚗𝚒𝚝𝚒.

Daniel Mamo

Saturday, April 5, 2025

Niqoodimoos

 

Wangeela Yohaannis 3:1-21

Gooftaan keenya Fayyisaan keenya iyyasuus Kiristoos yero fooniin biyya lafaa kanarratti dhukkubsattoota foonii raajii isaatiin;dhukkubsattoota Lubbuu jecha isaatiin fayyisaa, barsiisaa fi mootummaa samii seenuun karaa isaatiin malee akka hin jirre hubachiisaa, Ilma waaqayyoo ta’uu isaa, akkasumas Namni isatti amane tasumaa kan hin banne ta’uusaa ibsaa turetti; Namoonni amalaan, gosaan (saba Israa’eel fi Saba ormoota ), beekumsaa fi Ilaalchaan garaa gara ta’an bakka inni oolutti isa faana oolanii; Bakka inni bulutti isa faana bulanii kaan sagaleesaa soorachaa kaan immoo ajaayiba isaatiin nyaataa fi fayyina irraa argachuuf isa hordofu turan. (Yoh 6:5-15, Mat 14:13-21, Mat 9:18-xumuraa fi kkf) 

Magaalaa iyyerusaalem keessa garuu namni tokko ni jira. Seera tokko lama jedhee kan barate; Kan eegu fi kan eegsisu nama kabajamaa fi ulfaataa “FARIISICHA”. Inni akka namoota kaanii bakka Iyyesuus argamu hundatti argamee barachuu hin danda’u ture sababni isaas FARIISI waan tureef.

FARIISII- Jechuun kan adda bahe, seera barachuuff akkasumas barsiisuuf kan filatame jechuudha. Fariisonni akka namni seera eeguuf haa barsiisaniyyuu malee ofii isaaniif gaafa ilaalaman garuu seera sanaaf amanamoo hin turre. Inumaayyuu namoonni biroon amantaan xuraawoo akka ta’anitti lakkaa’u. Ofii isaaniif garuu qulqulluu ofiin jedhu. Seera muse eeguu irratti baayyee ilaalcha jabaa fi wantoota xixiqqoo irratti xiyyeeffachuun beekamu. (Mat 9:14, 23:15, Luq 11:39, 18:12). Gooftaanis waa’ee isaanii wangeela keessatti dubbateera. (Mat 23:13, Luq 11, Mat 23:27-28). Fariisonni beekamoon  maqaan isaani kitaaba qulqulluu keessatti barreeffaman Niqoodimoos, Gamaaliyaal isa saa’oliin barsiise fi Saa’ol isa boodarra duuka bu’aa Phaawuloos jedhame fa’a. (Yoh 3:1, HoE 5:34, HoE 9:1-30, 22:6-16, 26:12-18)

Egaa fariisichi Niqoodimoos seers caalaa dhugaan tokko akka jiru keessa isaatti barbaadaa ture. Jireenyi seera qofaa keessa akka hin jirre ni beeka ture. Namni kun Iyyesuus Masihii akka ta’e dhugaa baheera. Haa ta’uuti garuu ammallee iccitiin isa jalaa dhokate ni jira ture. Saayinsiin kan mirkanaa’uu hin dandeenye, Falaasamaan kan hin ibsamne Iccitiin fayyina namaa isaaf hin galle ture.

Guyyaan isaa geenyaan galgalaan gara Gooftaa deeme. Gooftaanis isa hin leeyyaasifne iccitii isa guddaa kana ifa godheef. Dhoksaan akka kanaa sababa Niqoodimoosiin har’a hunduma keenyaaf ife. Kan beeknu ni dubbanna , Kan argines dhugaa ni baana. Kan isatti amane hunduu jireenya barabaraa akka argataniifi malee akka hin banneef waaqayyo tokkicha ilmasaa dabarsee hanga kennutti Addunyaa jaalateerawoo. Addunyaan isaan haa fayyuuf malee, addunyaatti akka murteessuuf Ilma isaa gara biyya lafaatti hi ergine. Isatti kan amane itti hin murtaa’u. Isatti kan hin amanne garuu amma itti murtaa’eera, tokkicha ilma waaqayyootti hin amanne waan ta’eef.

Niqoodimoos ni amane Waa’ee Iyyasuusiif fuula abboota firdiitti falmuu eegale,(Yoh 7:50-51). Yoseef isa Armaatiyaa faana ta’uun qaama (foon) Iyyasuus Fannoo irraa buusee awwaalcha haaraa keessa kaa’e.(Yoh 19:38-42, Mat 27:57-60). Ilaalchi seeraa inni duraan qabu jijjiiramee dhaloota lammaffaatiin uumama haaraa ta’e. iyyesuus madda dhugaa hundumaa fi hiika jireenyaa ta’uu bare.

Yeroo ammaa kanatti iccitii barachuu fi barsiisuu caalaa, seeraaf inaftuu ta’uun geggeessitootaa fi tajaajiltoota bara kanaa kan taanu biratti bal’inaan mul’ata. Seerri barbaachisaa dha , garuu kiristaanonni seerri keenya inni hunda caalu “Jaalala”. (1Yoh 4:18-xumuraa). Kanaaf jaalalarraa kan ka’e waa’ee waaqayyoo wal barsiisuu fi amantaatti wal jabeessuun nurraa eegama. Seera namni hordofu garuu cubbuutti kufa waan ta’eef. (Rom 7:1-xumuraa).

Asirratti wanti biraan beekuu qabnu namni waan amanu beekuu akka qabudha. Maatiin keenya amantaa keenya kana keessatti nu guddisaniiru ta’a. kaan immoo obboloonni keenya , abboonni keenyaa fi karaa gara garaan dhugaa nutti ba’amee amanneerra ta’a. Garuu wanti nuti amannee jirru kun maatiin keenya waan gochaa turaniif, yookiin hiriyyoonni keenya waan raawwataniif yookiin immoo abboonni keenya waan nu ajajaniif wantoota gaaffii nutti ta’an waliin walitti qabnee amanaa jirramoo waan amannu beekna laata? Noqoodimoos “Akkamitti?” jedhee gaafate. Barnoonni amantaa , sirnootni gara garaa, aadaan fi taatewwan mana kiristaanaa keessatti raawwataman maalidha jennee gaafachuu qabna. Yoo ta’uu baate garuu yeroo ammaa kanatti waa’ee Masihii isa sobaa kan barsiisan Wangeela addaa isa duuka bu’aa qulqullu Phaawuloos jedhe (Gal 1:6-9) kan barsiisan baayyataniiru waan ta’eef waa’ee amantaa keenyaa “Maaliif?, Akkamitti?, Yoom?, Eessatt?, Eenyu?” Jennee gaafachuun dirqama. Tajaajiltoonnis Amantoota barumsaa fi gorsaan jabeessuun dirqama.

Akka walii galaatti kitaaba qulqulluu keessatti gaaffii gaafachuun barbaachisaadha. Kanas fakkeenyota armaan gadiitiin ilaallee xumurra.

1.  Museen , “…. Ani Eenyu?” Seera ba’uu 3:11

2.  Philaaxoos, “…. Dhugaan maali?” Yoh 18:38

3.  Namoota 3000, “… maal haa goonu?” HoE 2:37

4.  Baakoos, “…Akkan hin cuuphamneef maaltu na dhorka?” HoE 8:36 fi kkf 

Namoonni olitti ibsaman gaaffii gafachuu isaaniin jireenyi isaanii hanga xumuraatti gaarummaan jijjiirameera. Nutis gaafachuu keenyaan hubannaa akka argannuuf waaqni nu haa gargaaru.

Ammas obboloota koo Gammadaa, Jabaadhaa, Obsaa, yaada tokko ta’aa, nagaatti jiraadhaa, Waaqayyo inni jaalalaa fi nagaa isinii wajjin haa ta’u. Yaada qulqullaa’aatiin nagaa wal gaafadhaa, warri qulqullaa’oon hundi nagaa isiniif dhaamu. Ayyaanni gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos, Jaalalli Waaqayyoo, Tokkummaan Afuura Qulqulluu Hunduma Keessani wajjin Haa ta’u.  2Qor 13:11

 Ameen!

Dn Eebba

Saturday, March 29, 2025

Tajaajilaa Gaarii

 "Horiiisaa itti laate." Mat 25:14 


Kutaa 1ffaa

Baga Torbee 6ffaa Sooma Guddaa Nagaan geessan.

Torbanoota Sooma Guddaa hunda akka moggaasa maqaa isaanitti barreessitoota garaagaraan waliin dubbisaafii Qo'achaa turuun keenya ni yaadatama. 

Torbeen 6ffaan Sooma Guddaa ammoo Tajaajilaa Gaarii yookaan Tajaajilaa Amanamaa jedhamuun beekama. 

Torbe kanas akkuma torbanoota darbanii Qulqullichi Yaareed icciitii kitaaba Qulqulluu waliin walqabsiisee moggaasa kan kenne yoo ta'u, Torban kunwaa'ee Waadaa nutti kennamee kan ittiin of ilaalludha. 

Seenan kunis Wangeela Mat 25:14 - 30 irratti argama. 

Iccitii Fakkeenyichaa 

Dureessa kan jedhame, Waaqayyoo dha. 1ffaa Qor 12:8

Waaqayyoon Uumama isaa hundaaf akkaata dandeettifi humna isaaniitiin kennaatokkoon tokkoon dhala namaatif kennee jira. kennaan kun kan bitamu,filannoodhan kan fo'amu, kan walcaalu osoo hin taane hanga nutti kennameirratti qofa amanamaafi ittiin hojjachuu kan nu gaafatuudha.  

 Hojjattootni fakkeenya Amantootati. Amantootni kun akka humna fi dandeetti isaanitti kennaa kana ni fudhatu. Amantootni kun waqtiin isaanittikennaan kun kenname jira yeroon isaan harkaas fudhatame ni jira. Hundaafuu akka irraa barbaadamutti malee qixa itti hin kennamne qixa irraa hin eegamnes. 

Meetii kan jedhame qooda yookan ga'ee kenna/tajaajiladhala namaaf kennameedha. Kennaan kun namaa namatti garaagar yoo ta’u, kennichi daangaa qaba. Kennaan kun kan yoo ittiin hojjanne buufachuu dandeenyudha maleekan ittii kasaarru miti. Uumamni kennaa hin qabne hin jiru. Hundi namaa kennaa mataa isaa danda’e kana qaba. Kennaa isaaf kenname kana irratti yoo hojjate isacaalutti guddachaa deema.

Gammachuu Gooftaa kan jedhamte bakka jalqaba dhalli namaa akka jiratuuf kan qophoofte Gannatadha. Gammachuun Gooftaa namoonni hundumtu bakkaganama isaanif qophoofte gannata keessa galanii anii jiraachudha. Akkuma kitaaba irraa dubbifnu nama firii gaarii buuse sanaan ati tajaajilaa gaarii waan taatefiddoo Gammachuu gooftaa knatti gali jedhenii waaqayyoo gatii dadhabbii isaatii kenneef. Gatiin Boqonnaa Kiristaanotaa gannata galuudha.

Dukkana isa alaa kan jedhame bakka abidda barabaraa hin dhaabneSi’ooliidha. Namni kennaa isaaf kenname irratti amanamummaa dhabee firii argamsiisuu dide mindaa kanaa argatta.

Ergaa wangeelichaa.

Hunda kan qabu Waaqayyoo uumamaisaa hundaaf akka dandeetti dandeettii isaanitti humna tajaajilaa yookaan humna hojii isaanif kenneera. Safartuun humnaa kun gargar ta’us bu’aan inniargamsiisu qabuuf kan isa irraa eegamu hanga isaaf safarame sana malee isaa ol akka hojjatu irraa hin eegamu. Inni Shan fudhate bu’aa shanii ol akka fiduufhin gaafatamu, inni lama argates akka humna isaatti lama akka fidu irraa eegama. Inni tokko fudhates ammo akkasuma tokko buusuu qaba. 

Dhimmi kun dhimma daldalaa miti,kennaan kunis qarshii miti tajaajila akka ittiin hojjannuuf nutti kennamuudha malee. Gooftaan keenya yeroo wangeela barsiisu fakkeenyan barsiisun duudhaaisaa akkuma ta’e dhimma kana fakkeenya daldalaatin fudhate. Daldalli gosa garaagaraa qaba. Humni isaas addaa addaa. Inni kaan meeshaa gurguddaa daldala inni kanisammoo akka humna isaatti baala mukaa illee gurguruu danda’a ta.a. bu’aan isa konkolaata gurguruufi nama soft gurguru gidduutti argamu walumattuu hindhiyaatu. Inni konkolaata gurguru qarshii guddaa baasee bu’aa guddaa argachuuf akkasitti dhama’uun isa irraa eegama. Inni sooftii gurgurus akka gatii isaattiargachuuf hin dhama.a.

Dhalli namaa kam iyyuu bifa Kanaan isaaf kenname. Kennaan Tajaajilaa kun wangeela barsiisuu ta’uu danda’a,kitaaba hiiku ta’uu danda’a … kennaawwan kunneen hundi garuu gatii walcaalaa hin qabaatan. Hunduu akkuma fudhatetti madaalama. Waaqayyoo kennaa kana ofiifnamaaf qooda. Akkuma dureessi hojjattoota isaa waamee maqaa maqaa isaanin isaanif qoode. Waaqayyoo ilmaan isaaf akka maqaa isaanitti bilisummaadhanisaanif qooda. Nuti hundi keenya kennaa ittiin hojjannee bu’aa buufnu ni qabna. Kennaa kana filannee osoo hin taane akka humna keenyatti waaqayyo nuuf hireera.

Qabeenya isaa kan ta’e fedha isaatin waaqayyo akka humna keenyatti waan nu barbaachisu hunda nuuf laate.Waaqayyoon gaafa nu uumu kennaa keenya waliin nu uume. Kennaa kana barbaadnee argachuudhan itti hojjachuun ga’ee keenyadha.

Hojjattoota akka fakkeenyattika’an kana yoo ilaallu inni shan isatti kenname yerosuma deemee hojii ittiin eegale, bu’ee ba’ee dadhabee gatii isaaf kenname kana irratti bu’aa gaarii isamadaalu sana argate. Nuti hoo teessoo irra jirufi Muudama qabnu irratti hangam buusaa jirra laata? … 

Inni lammaaffaanis akkasumattigatii isaatti kenname Sanaa argachuuf dhama’e. kan irraa eegamus sanas ni argate. Namni kun kennaa isa jalqabaa ilaaleekan koo maaf natti xinnate laata?Ani amanamaa miti moo hin jenne. Garuu waan isatti kenname kana guddifachuuf dhama’ee bu’aa ittiin argate. Waaqayyoon waanta namatti hin kennine deebii namairraa hin eegu. Hanguma siif kenne sana irratti madaallamta. Hundi keenyaa ga’ee/kennaa garaagaraa qabna. Inni tokko namoota fuulduratti beekamaa sitaasisa, inni kaan ammo dhokattee bu’uura akka taatuf dandeetti siif kenna.

Lachuu isaa garuu ilaalcha namaa biratti garaagarummaa kan qaban fakkaatanillee dureessa fuulduratti wal fakkaatadha. Abbaa qabeenya tokko hojjataa tokko waardiyyaa qacaree hojjataa biraa ammoo akka qulqulleessatti yoo qacarehojjattoota kana iddoo ramaddi isaanitti maal fakkaatu ga’ee itti kenname irratti hangam bu’aa argamsiisaniiru jedhee madaala.

Inni tokko argate garuu kennaaisa qaqqabe kana fudhatee bu’a argamsiisuf osoo hin taane akkamittan itti gaafatamummaa jala hafa laata jedhee itti yaade. Yaades hin dhiifne deemeekennaa kana ni awwaale. Kennaa kana awwaale jechuun itti gaafatamummaa isatti kenname kana ittii hojjachuu dhiise jechuudha. Namoonni baay’een kennaa ni qabukennaa isaanii Kanaan bu’aa argachuu caala kennaa sana irraa fagaachuu jaalattu. Dhalli namaa kennaa isaa awwaaluu osoo hin taane akka warra gubbaattikaasaa turre sanaa ittiin hojjachuu qaba.

Dureessis yeroo dheera booddee deebi’ee ni dhufe. Waaqayyoon kennaa keenya kana yeroo murtaa’aa waliin nutti kenna. Guyyaaninni deebi’ee itti dhufee kennaa kana nu gaafatu hin beekamu. Kennaa kana gaafaisaanif kennu guyyaa akkanaan dhufaa hanganatti qophaa’aa hin jenneen tasa ittidhufe. Nunis kennaa nuuf kenname kana guyyaa lakkaa’aa jiraachuu kan qabnu osoo hin taane har’a dhufee boru dhufee waan hin beeknef osoo addaan hin kutnikennaa keenyan itti fufnee hojjachuu qabna ...

Dn Daanyaachoo Hirphaasa

kutaa 2ffaa



Saturday, March 22, 2025

Tulluu Ejersaa(ደብረ ዘይት)

 Torbee 5ffaa

Dubbisa sirna galatoo
Dn :- 1ffaa Tesen 4:13
Dn Garg :- 2ffaa phex
Luba Garg:-
Misbaakii:-49(50):3
Luba:- Mat 24:1-24

 Far 49(50):3 waaqayyoon ifatti ni dhufa.

Tullu Ejersaa jechuun lafa gaara mukni ejersaa irraatti argamu jechuudha. Iyyeeruusaaleem irraa karaa bahaatiin gaara argamudha. Guyyaa kun guyyaa gooftaan keenyaa Iyyeesuus Kiriistoos Duuka Bu'oota; waa'ee dhufaatii 2ffaa fi mallattoolee dhumaa addunyaa itti barsiiseedha.

Waaqayyoon ifatti ni dhufa, hin callisuus fuula isa fulduratti ibiddi ni labooba jedhamee raajii dubbatamees ni rawwatama. Dhufaatiin waaqayyo akkuma ol    bahiinsa isaa foon dubroo Maariyaamiin uffaate ol bahe ifatti deebi'e ni dhufa. Yeroo waaqni keenya Iyyeesuus kiriistoos dhufuu mallattooleen kunniin ni ta'u. uummanni ummata irraatti, mootuummaan mootuummaa irraatti ni ka'a. Biyyatti keessatti waraanni, kirkirri lafa, beelli, rakkinni, gidiraan, qorumsi ni baayyata. Isiin garuu hin rifatina, hin sodaatinaas.

Gooftaan keenya Iyyeesuus Kriistoos maaliif dhufa?

"Kunoo ariitiin nan dhufa, akka hojii isaaniitti kanfaluuf gatiin isaanii ana bira"  m.yoh 22:12

Guyyaan kun guyyaa murtiiti. Guyyaa galmeen keenya saqamee ilaalame murtii jireenya fi du'a itti murtaa'udha. Kabaja waaqummaa isaan yeroo dhufutti du'a ijaan ilaala ni dhufa. Amantoota isaaf kabaja ni laata. Cubbamtoonni ni boo'u, qulqulloonni ni gammadu, duuti ni du'a jireenyi ni moo'a. Namni jireenyaaf du'aa ni ka'a.

Yaa maatii kiriistoos dhufaatii  2ffaa kun  nuuf maal ta'a laata? jireenya baraa baraaf moo du'aa baraa baraati?
Waaqayyoo abbaan keenya du'a irraa nu haa oolchu. jireenya du'aan hin jijjiramne nuuf haa kennu. Ameen!!!

Dn Dekeba