- Qulqulluu Pheexiroos
Waldaa Sillaasee
Fuulaa Maarsariti Waldaa Sillaasee, Waldaa dhaabbilee barnoota olaanoo irratti akka tajaajiluuf Qulqulluu Sinoodosii irraa eyyamameef. Waldaa Sillaasee.
Saturday, July 12, 2025
Saturday, April 12, 2025
𝗛𝐎𝐎𝐒𝐀'𝗜𝗡𝗔
Kuutaa 6ffaa
" 𝗛𝗼𝘀𝗵𝗮𝗮'𝗶𝗻𝗮𝗵𝗶 " 𝚔𝚊𝚗 𝚓𝚎𝚍𝚑𝚞 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚔𝚊𝚗 𝚊𝚛𝚐𝚊𝚖𝚎𝚎 𝚢𝚘𝚘 𝚝𝚊'𝚞𝚞 𝚑𝚒𝚒𝚔𝚊𝚊𝚗 𝚒𝚜𝚊𝚊 " 𝗺𝗮𝗹𝗼𝗼 𝗮𝗺𝗺𝗮 𝗳𝗮𝘆𝘆𝗶𝘀𝗶, 𝗮𝗺𝗺𝗮 𝗻𝘂 𝗲𝗲𝗯𝗯𝗶𝘀𝗶 " 𝚓𝚎𝚌𝚑𝚞𝚍𝚑𝚊𝚊.➪𝙵𝚊𝚛𝚏 117/118 " 𝙸𝚗𝚗𝚒 𝚖𝚊𝚚𝚊𝚊 𝚆𝚊𝚊𝚚𝚊𝚢𝚢𝚘𝚘𝚝𝚒𝚗 𝚍𝚑𝚞𝚏𝚞 𝚎𝚎𝚋𝚋𝚒𝚏𝚊𝚖𝚊𝚍𝚑𝚊𝚊 " 𝚜𝚒𝚛𝚗𝚒 𝚊𝚢𝚢𝚊𝚊𝚗𝚊 𝚑𝚘𝚜𝚊𝚊'𝚒𝚗𝚊𝚊 𝚐𝚞𝚢𝚢𝚊𝚊 𝚛𝚘𝚘𝚋𝚒𝚒 𝚒𝚛𝚛𝚊𝚊 𝚎𝚎𝚐𝚊𝚕𝚎𝚎 𝚑𝚊𝚗𝚐𝚊𝚊 𝚐𝚞𝚢𝚢𝚊𝚊 𝚜𝚊𝚗𝚋𝚊𝚝𝚊𝚊 𝚐𝚞𝚍𝚍𝚊𝚊𝚝𝚝𝚒 𝚗𝚒 𝚢𝚊𝚊𝚍𝚊𝚝𝚊𝚖𝚊𝚊.
Saturday, April 5, 2025
Niqoodimoos
Magaalaa iyyerusaalem keessa garuu namni tokko ni jira. Seera tokko lama jedhee kan barate; Kan eegu fi kan eegsisu nama kabajamaa fi ulfaataa “FARIISICHA”. Inni akka namoota kaanii bakka Iyyesuus argamu hundatti argamee barachuu hin danda’u ture sababni isaas FARIISI waan tureef.
FARIISII- Jechuun kan adda bahe, seera barachuuff akkasumas barsiisuuf kan filatame jechuudha. Fariisonni akka namni seera eeguuf haa barsiisaniyyuu malee ofii isaaniif gaafa ilaalaman garuu seera sanaaf amanamoo hin turre. Inumaayyuu namoonni biroon amantaan xuraawoo akka ta’anitti lakkaa’u. Ofii isaaniif garuu qulqulluu ofiin jedhu. Seera muse eeguu irratti baayyee ilaalcha jabaa fi wantoota xixiqqoo irratti xiyyeeffachuun beekamu. (Mat 9:14, 23:15, Luq 11:39, 18:12). Gooftaanis waa’ee isaanii wangeela keessatti dubbateera. (Mat 23:13, Luq 11, Mat 23:27-28). Fariisonni beekamoon maqaan isaani kitaaba qulqulluu keessatti barreeffaman Niqoodimoos, Gamaaliyaal isa saa’oliin barsiise fi Saa’ol isa boodarra duuka bu’aa Phaawuloos jedhame fa’a. (Yoh 3:1, HoE 5:34, HoE 9:1-30, 22:6-16, 26:12-18)
Egaa fariisichi Niqoodimoos seers caalaa dhugaan tokko akka jiru keessa isaatti barbaadaa ture. Jireenyi seera qofaa keessa akka hin jirre ni beeka ture. Namni kun Iyyesuus Masihii akka ta’e dhugaa baheera. Haa ta’uuti garuu ammallee iccitiin isa jalaa dhokate ni jira ture. Saayinsiin kan mirkanaa’uu hin dandeenye, Falaasamaan kan hin ibsamne Iccitiin fayyina namaa isaaf hin galle ture.
Guyyaan isaa geenyaan galgalaan gara Gooftaa deeme. Gooftaanis isa hin leeyyaasifne iccitii isa guddaa kana ifa godheef. Dhoksaan akka kanaa sababa Niqoodimoosiin har’a hunduma keenyaaf ife. Kan beeknu ni dubbanna , Kan argines dhugaa ni baana. Kan isatti amane hunduu jireenya barabaraa akka argataniifi malee akka hin banneef waaqayyo tokkicha ilmasaa dabarsee hanga kennutti Addunyaa jaalateerawoo. Addunyaan isaan haa fayyuuf malee, addunyaatti akka murteessuuf Ilma isaa gara biyya lafaatti hi ergine. Isatti kan amane itti hin murtaa’u. Isatti kan hin amanne garuu amma itti murtaa’eera, tokkicha ilma waaqayyootti hin amanne waan ta’eef.
Niqoodimoos ni amane Waa’ee Iyyasuusiif fuula abboota firdiitti falmuu eegale,(Yoh 7:50-51). Yoseef isa Armaatiyaa faana ta’uun qaama (foon) Iyyasuus Fannoo irraa buusee awwaalcha haaraa keessa kaa’e.(Yoh 19:38-42, Mat 27:57-60). Ilaalchi seeraa inni duraan qabu jijjiiramee dhaloota lammaffaatiin uumama haaraa ta’e. iyyesuus madda dhugaa hundumaa fi hiika jireenyaa ta’uu bare.
Yeroo ammaa kanatti iccitii barachuu fi barsiisuu caalaa, seeraaf inaftuu ta’uun geggeessitootaa fi tajaajiltoota bara kanaa kan taanu biratti bal’inaan mul’ata. Seerri barbaachisaa dha , garuu kiristaanonni seerri keenya inni hunda caalu “Jaalala”. (1Yoh 4:18-xumuraa). Kanaaf jaalalarraa kan ka’e waa’ee waaqayyoo wal barsiisuu fi amantaatti wal jabeessuun nurraa eegama. Seera namni hordofu garuu cubbuutti kufa waan ta’eef. (Rom 7:1-xumuraa).
Asirratti wanti biraan beekuu qabnu namni waan amanu beekuu akka qabudha. Maatiin keenya amantaa keenya kana keessatti nu guddisaniiru ta’a. kaan immoo obboloonni keenya , abboonni keenyaa fi karaa gara garaan dhugaa nutti ba’amee amanneerra ta’a. Garuu wanti nuti amannee jirru kun maatiin keenya waan gochaa turaniif, yookiin hiriyyoonni keenya waan raawwataniif yookiin immoo abboonni keenya waan nu ajajaniif wantoota gaaffii nutti ta’an waliin walitti qabnee amanaa jirramoo waan amannu beekna laata? Noqoodimoos “Akkamitti?” jedhee gaafate. Barnoonni amantaa , sirnootni gara garaa, aadaan fi taatewwan mana kiristaanaa keessatti raawwataman maalidha jennee gaafachuu qabna. Yoo ta’uu baate garuu yeroo ammaa kanatti waa’ee Masihii isa sobaa kan barsiisan Wangeela addaa isa duuka bu’aa qulqullu Phaawuloos jedhe (Gal 1:6-9) kan barsiisan baayyataniiru waan ta’eef waa’ee amantaa keenyaa “Maaliif?, Akkamitti?, Yoom?, Eessatt?, Eenyu?” Jennee gaafachuun dirqama. Tajaajiltoonnis Amantoota barumsaa fi gorsaan jabeessuun dirqama.
Akka walii galaatti kitaaba qulqulluu keessatti gaaffii gaafachuun barbaachisaadha. Kanas fakkeenyota armaan gadiitiin ilaallee xumurra.
1. Museen , “…. Ani Eenyu?” Seera ba’uu 3:11
2. Philaaxoos, “…. Dhugaan maali?” Yoh 18:38
3. Namoota 3000, “… maal haa goonu?” HoE 2:37
4. Baakoos, “…Akkan hin cuuphamneef maaltu na dhorka?” HoE 8:36 fi kkf
Namoonni olitti ibsaman gaaffii gafachuu isaaniin jireenyi isaanii hanga xumuraatti gaarummaan jijjiirameera. Nutis gaafachuu keenyaan hubannaa akka argannuuf waaqni nu haa gargaaru.
Ammas obboloota koo Gammadaa, Jabaadhaa, Obsaa, yaada tokko ta’aa, nagaatti jiraadhaa, Waaqayyo inni jaalalaa fi nagaa isinii wajjin haa ta’u. Yaada qulqullaa’aatiin nagaa wal gaafadhaa, warri qulqullaa’oon hundi nagaa isiniif dhaamu. Ayyaanni gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos, Jaalalli Waaqayyoo, Tokkummaan Afuura Qulqulluu Hunduma Keessani wajjin Haa ta’u. 2Qor 13:11
Ameen!
Dn Eebba
Saturday, March 29, 2025
Tajaajilaa Gaarii
"Horiiisaa itti laate." Mat 25:14
Kutaa 1ffaa
Baga Torbee 6ffaa Sooma Guddaa Nagaan geessan.
Torbanoota Sooma Guddaa hunda akka moggaasa maqaa isaanitti barreessitoota garaagaraan waliin dubbisaafii Qo'achaa turuun keenya ni yaadatama.
Torbeen 6ffaan Sooma Guddaa ammoo Tajaajilaa Gaarii yookaan Tajaajilaa Amanamaa jedhamuun beekama.
Torbe kanas akkuma torbanoota darbanii Qulqullichi Yaareed icciitii kitaaba Qulqulluu waliin walqabsiisee moggaasa kan kenne yoo ta'u, Torban kunwaa'ee Waadaa nutti kennamee kan ittiin of ilaalludha.
Seenan kunis Wangeela Mat 25:14 - 30 irratti argama.
Iccitii Fakkeenyichaa
Dureessa kan jedhame, Waaqayyoo dha. 1ffaa Qor 12:8
Waaqayyoon Uumama isaa hundaaf akkaata dandeettifi humna isaaniitiin kennaatokkoon tokkoon dhala namaatif kennee jira. kennaan kun kan bitamu,filannoodhan kan fo'amu, kan walcaalu osoo hin taane hanga nutti kennameirratti qofa amanamaafi ittiin hojjachuu kan nu gaafatuudha.
Hojjattootni fakkeenya Amantootati. Amantootni kun akka humna fi dandeetti isaanitti kennaa kana ni fudhatu. Amantootni kun waqtiin isaanittikennaan kun kenname jira yeroon isaan harkaas fudhatame ni jira. Hundaafuu akka irraa barbaadamutti malee qixa itti hin kennamne qixa irraa hin eegamnes.
Meetii kan jedhame qooda yookan ga'ee kenna/tajaajiladhala namaaf kennameedha. Kennaan kun namaa namatti garaagar yoo ta’u, kennichi daangaa qaba. Kennaan kun kan yoo ittiin hojjanne buufachuu dandeenyudha maleekan ittii kasaarru miti. Uumamni kennaa hin qabne hin jiru. Hundi namaa kennaa mataa isaa danda’e kana qaba. Kennaa isaaf kenname kana irratti yoo hojjate isacaalutti guddachaa deema.
Gammachuu Gooftaa kan jedhamte bakka jalqaba dhalli namaa akka jiratuuf kan qophoofte Gannatadha. Gammachuun Gooftaa namoonni hundumtu bakkaganama isaanif qophoofte gannata keessa galanii anii jiraachudha. Akkuma kitaaba irraa dubbifnu nama firii gaarii buuse sanaan ati tajaajilaa gaarii waan taatefiddoo Gammachuu gooftaa knatti gali jedhenii waaqayyoo gatii dadhabbii isaatii kenneef. Gatiin Boqonnaa Kiristaanotaa gannata galuudha.
Dukkana isa alaa kan jedhame bakka abidda barabaraa hin dhaabneSi’ooliidha. Namni kennaa isaaf kenname irratti amanamummaa dhabee firii argamsiisuu dide mindaa kanaa argatta.
Ergaa wangeelichaa.
Hunda kan qabu Waaqayyoo uumamaisaa hundaaf akka dandeetti dandeettii isaanitti humna tajaajilaa yookaan humna hojii isaanif kenneera. Safartuun humnaa kun gargar ta’us bu’aan inniargamsiisu qabuuf kan isa irraa eegamu hanga isaaf safarame sana malee isaa ol akka hojjatu irraa hin eegamu. Inni Shan fudhate bu’aa shanii ol akka fiduufhin gaafatamu, inni lama argates akka humna isaatti lama akka fidu irraa eegama. Inni tokko fudhates ammo akkasuma tokko buusuu qaba.
Dhimmi kun dhimma daldalaa miti,kennaan kunis qarshii miti tajaajila akka ittiin hojjannuuf nutti kennamuudha malee. Gooftaan keenya yeroo wangeela barsiisu fakkeenyan barsiisun duudhaaisaa akkuma ta’e dhimma kana fakkeenya daldalaatin fudhate. Daldalli gosa garaagaraa qaba. Humni isaas addaa addaa. Inni kaan meeshaa gurguddaa daldala inni kanisammoo akka humna isaatti baala mukaa illee gurguruu danda’a ta.a. bu’aan isa konkolaata gurguruufi nama soft gurguru gidduutti argamu walumattuu hindhiyaatu. Inni konkolaata gurguru qarshii guddaa baasee bu’aa guddaa argachuuf akkasitti dhama’uun isa irraa eegama. Inni sooftii gurgurus akka gatii isaattiargachuuf hin dhama.a.
Dhalli namaa kam iyyuu bifa Kanaan isaaf kenname. Kennaan Tajaajilaa kun wangeela barsiisuu ta’uu danda’a,kitaaba hiiku ta’uu danda’a … kennaawwan kunneen hundi garuu gatii walcaalaa hin qabaatan. Hunduu akkuma fudhatetti madaalama. Waaqayyoo kennaa kana ofiifnamaaf qooda. Akkuma dureessi hojjattoota isaa waamee maqaa maqaa isaanin isaanif qoode. Waaqayyoo ilmaan isaaf akka maqaa isaanitti bilisummaadhanisaanif qooda. Nuti hundi keenya kennaa ittiin hojjannee bu’aa buufnu ni qabna. Kennaa kana filannee osoo hin taane akka humna keenyatti waaqayyo nuuf hireera.
Qabeenya isaa kan ta’e fedha isaatin waaqayyo akka humna keenyatti waan nu barbaachisu hunda nuuf laate.Waaqayyoon gaafa nu uumu kennaa keenya waliin nu uume. Kennaa kana barbaadnee argachuudhan itti hojjachuun ga’ee keenyadha.
Hojjattoota akka fakkeenyattika’an kana yoo ilaallu inni shan isatti kenname yerosuma deemee hojii ittiin eegale, bu’ee ba’ee dadhabee gatii isaaf kenname kana irratti bu’aa gaarii isamadaalu sana argate. Nuti hoo teessoo irra jirufi Muudama qabnu irratti hangam buusaa jirra laata? …
Inni lammaaffaanis akkasumattigatii isaatti kenname Sanaa argachuuf dhama’e. kan irraa eegamus sanas ni argate. Namni kun kennaa isa jalqabaa ilaaleekan koo maaf natti xinnate laata?Ani amanamaa miti moo hin jenne. Garuu waan isatti kenname kana guddifachuuf dhama’ee bu’aa ittiin argate. Waaqayyoon waanta namatti hin kennine deebii namairraa hin eegu. Hanguma siif kenne sana irratti madaallamta. Hundi keenyaa ga’ee/kennaa garaagaraa qabna. Inni tokko namoota fuulduratti beekamaa sitaasisa, inni kaan ammo dhokattee bu’uura akka taatuf dandeetti siif kenna.
Lachuu isaa garuu ilaalcha namaa biratti garaagarummaa kan qaban fakkaatanillee dureessa fuulduratti wal fakkaatadha. Abbaa qabeenya tokko hojjataa tokko waardiyyaa qacaree hojjataa biraa ammoo akka qulqulleessatti yoo qacarehojjattoota kana iddoo ramaddi isaanitti maal fakkaatu ga’ee itti kenname irratti hangam bu’aa argamsiisaniiru jedhee madaala.
Inni tokko argate garuu kennaaisa qaqqabe kana fudhatee bu’a argamsiisuf osoo hin taane akkamittan itti gaafatamummaa jala hafa laata jedhee itti yaade. Yaades hin dhiifne deemeekennaa kana ni awwaale. Kennaa kana awwaale jechuun itti gaafatamummaa isatti kenname kana ittii hojjachuu dhiise jechuudha. Namoonni baay’een kennaa ni qabukennaa isaanii Kanaan bu’aa argachuu caala kennaa sana irraa fagaachuu jaalattu. Dhalli namaa kennaa isaa awwaaluu osoo hin taane akka warra gubbaattikaasaa turre sanaa ittiin hojjachuu qaba.
Dureessis yeroo dheera booddee deebi’ee ni dhufe. Waaqayyoon kennaa keenya kana yeroo murtaa’aa waliin nutti kenna. Guyyaaninni deebi’ee itti dhufee kennaa kana nu gaafatu hin beekamu. Kennaa kana gaafaisaanif kennu guyyaa akkanaan dhufaa hanganatti qophaa’aa hin jenneen tasa ittidhufe. Nunis kennaa nuuf kenname kana guyyaa lakkaa’aa jiraachuu kan qabnu osoo hin taane har’a dhufee boru dhufee waan hin beeknef osoo addaan hin kutnikennaa keenyan itti fufnee hojjachuu qabna ...
Dn Daanyaachoo Hirphaasa
kutaa 2ffaa
Saturday, March 22, 2025
Tulluu Ejersaa(ደብረ ዘይት)
Torbee 5ffaa
Far 49(50):3 waaqayyoon ifatti ni dhufa.


