Saturday, February 22, 2025

ዘወረደ/Mul'achuu/Bu'iinsa/

Misbaakii
Bitamaafi waaqayyoodhaf sodaadhan
Rom'aadhanis Gammadaa
Abboommiisaa fudhadhaa Gooftaan akka hin dheekkamneef






Wangeela
            Yoh. 3:10-24 *Dubbisaa Diyaaqonii 1ffaa
            Ibr. 13:7-17 *Dubbisa Diyaaqonii 2ffaa
             Ya'iq. 4:6-dhumaa *Dubbisa luba gargaaraa
             HDB. 25:13-dhumaa



Gooftan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus kiristoos erga cuuphamee osoo hin oolin osoo hin bulin Kawaala Qoronxoos seenun guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama soome; sagadee nuufis fakkeenya nuuf ta'e.
Bu'uuruma kanaan akka mana kiristiyaanaa keenyatti guyyaan 55 labsiidhan sooma guddaa(ዓብይ ፆም) jedhamuun ni Soomama. Soomni kuni maalif guddaa jedhame?
1. Fageenya yerootin guddaa waan ta'eef
2. Inni guddaa ta'e uumaan lafaa fi samiiwwanii ofii isaa soomera waan ta'eef
3. Qormaatni seexanaa gurguddoon kan itti deebii argateefi kan daabiloos itti moo'ame waan ta'eef.
Sooma kanas Hayyuu mana kiristiyaanaa keenya kan ta'e qulqullichi Yaared torbee torbeedhan qoqqoodee torbee saddeettaniifuu barsiifataa fi seenaa isaanii waliin kan wal siman maqaa itti mogaasun teessiseera.
Gal. 4:4 "Barri Beellamaa sun yeroo gahetti dubartii irraa kan dhalate mucaa isaa nuuf erge"

1. Zewerede/mul'achuu/bu'iinsa/

Waaqayyoon foon keenya uffatee nu gidduutti mul'achuu isaa "nuti garuu argineerra qaqqabneerra" akkuma jedhu kitaabni sirna galatoo akka namaatti deddeebi'uu isaa icciitiin foonummaa yeroo itti baratamuudha.
Ni bu'e yoo jennu nama ta'uu Waaqayyoo ibsuuf malee bu'uu fi bahuun kan itti jiraatu miti; inni iddoo hunda guutee jira waan ta'eef. Samiiwwan keessa olka'iisa isaanii kan beeku lafa gadi jedhaas dhuma qilee isaa kan beeku isa qofaadha hoo; kanaaf waaqa kanaan bu'e bahe hin jennu nama ta'uusaa ibsuuf garuu samiirraa bu'e jenna.


Yaa Abbaa keenya Saamiiwwanirra kan jiraattu yoo jennee kadhannus waaqayyoon samiirra teessoo isaa taasifatee yeroo ta'e immoo gara lafa dhufa jechuu osoo hin taane kabajni isaa olaanaa akka ta'e ibsuufidha malee inni iddoo hunda guutudha. Akkasuma Du'aa ka'umsa boodas ol bahe yoo jennu waaqummaa isaatiin teessoo isaarraa kan sokkee dhufe miti. Samiidhaa osoo hin hir'atin lafarrattis osoo hin dabalamin waaqni foon keenya uffatee nama ta'e.

Maalif moggaasni kun jalqaba ta'e?

Waa'ee soomuu Gooftaa keenya fi Fayyisaa keenya Iyyasuus kiristoos Raajiwwan inni hojjete; barumsa barsiise hunda dubbachuun dura waa'ee mul'achuu isaa nama ta'uu isaa lallabuun duursuu qaba waan ta'eefidha.

Kadhannaa hundee amantaa irratti akkas jennee akkuma kadhannu "Samiifi lafa kan uume, addunyaa mullatu kanaafi kan hin mul'anne osoo hin uumamin, isa wajjin kan ture Ilma Abbaa kan ta'u Waaqa tokko Iyyesuus Kiristositti ni amanna; Ifa Ifarraa argame, Waaqa Waaqa dhugaarraa argame, kan dhalate malee kan hin uumamne, amalummaa isaatin Abbaa wajjin kan walqixxaatu, hundumtuu kan isaan ta'e, samiirras lafarras kan jiru isaatiin malee homtuu kan ta'e hin jiru. Nuu fayyisuuf samiirraa gad bu'e, hojii Afuura Qulqulluutiin Qulqulleetti dubroo Maariyaamirraa nama ta'e"

Akkasumas waaqayyoon Biyya lafaa guutuf samii irraa gadi mul'ate; nageenya biyyi lafaa dhabe deebisuuf mul'ate; tasgabbii biyyi lafaa dhabe deebisuuf mul'ate; bilisummaa biyyi lafaa dhabe deebisuuf waaqayyoon dhalate. Efe. 4:10 "Inni bu'e kuni waan hunda guutuuf samii irraa kan dhufeedha'

Waa'ee mul'achuu/Bu'uu/ Abbootni maal jedhanii dubbatan?

*Qulqulluu Efreem(Galata maariyaamii) "Jechi Abbaa Gaara Tulluu siinaatti bu'e muusedhaafis seera laate"Jecha Abbaa kan ta'e waaqayyoo ilmi muusedhaaf seera kenne bara booda immoo foonin muul'ate seericha cimse."
"ውእቱኬYaa tulluu gad-of qabinsaan dubbatte, kunis gara keetti kan bu'edha. Nama kan jaallate inni jijjiirama malee sirraa nama ta'e"
*Sirna galatoo "Nyaatichis kan bu'e samii irraatii kan kennu jireenya Addunyaa hundumaaf"

                                                                                                          Dn Fikaaduu Girmaa

Wednesday, February 19, 2025

ATI YAA NAMAA


✍️Sagalee Waaqayyoo baradhu.Yoo jijjiiramuu baattes callisii baradhu.Yeroo hunda baradhu.Of sirreessuu dhiisuu dandeessa, jijjiiramuu dhiisuus dandeessa, garuu baradhu.Yoo xiqqaate nama gaarii ta'uu baattus dandeettii ittiin of ceephaatu ni argatta. Yoo barachuu baatte garuu jijjiiramuu mitii of ceepha'uu iyyuu hin dandeessu.Kanaaf baradhu.Yoo baratte yoo xiqqaate yemmuu cubbuu hojjettu illee of ceepha'aa hojjetta. Kun immoo balbala gaabbii siif taati. Guyyaa tokko gara jireenya gaabbiitti si galchiti.(QulqulluuYohaannis Afaan-warqee)


Maddaa: Waldaa Sillaasee Wiirtuu

      Jimmaatti Kutaa Barreeffamaafi Hiik-Kuus-Miidiyaa  Yaa'ii Mooraa M/Guddichaafi Kollejjiiwwanii.

                   Waxabajjii , 01,2016  B.A

                                Jimmaa

Monday, February 10, 2025

GAD-OF-QABUMMAA(KASOOMINA)

 GAD-OF-QABUMMAA(KASOOMINA)


Gad-of qabummaan mallattoo yookiin agarsiistuu xiqqummaa sitti hin fakkaatin.Aangeffamaan guddichi Museen, Gooftaan Kiristoos guddichi kasoo(gad -of-qabdoota)turan yaadadhu.

Friday, February 7, 2025

Qulqulluu Abbaa Goorgooriyoos (Hojii Kee Hojjedhu!)

 Hojii Kee Hojjedhu!

"Gooftaan namootuma hundumaaf hojii kenneefii jira. Isa kennameef sana hojjechuun gahee isaati.Osoo danda'ameefii akka hin hojjetamne kan godhu gocha seexanaati.Akkuma Waaqayyo hojii sana akka hojjetuu siif eeyyame, seexanni ammoo si dhoorkuuf tattaafata. Wantoota biroo nama gammachiisan siif dhiheessuuf tattaafata.Abdii biyya kanaatinis si sossoba.Galaana hamaatis akka guutamtu si godha. Barreessitoonni akka si gaafatan,namoonni beekkamoonis waan kee irratti akka badaa dubbataniif

Qulqulluu Yohaannis Afaan waarqee

 JAAlATAMTOOTA 

✍ "Miidhaan namni bira na irraan gahe jettu maalidhaa? Dallanee na arabse,maqaa koon ala maqaa biraa naaf baase kan jedhudhaa? Egaa kuni miidhaa maal qabaa? Gonkumaa miidhaa hin qabu.Sababni isaa wantootni kuni miidhaa osoo hin taane obsaa yoo taatan faayidaan isaanii kan baay'ee guddaa ta'edha. Jalqabaayuu miidhaa isin irraan gahuu namni barbaadu wanta raawwatu hin beeku.

Thursday, February 6, 2025

Iccitii Utubaawwan Shananii


Baruumsaa Amantaa 




Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin Ameen!

“Afaan hin beekamneen sagalee kuma kudhan dubbachuurra, warra kaan barsiisuudhaaaf qalbii kootiin sagalee hiikaa qaban shan duwwaa dubbachuu nan jaaladha”1Qor 14:19

Waa'ee keenyaa


 𝑊𝑎𝑙𝑑𝑎𝑎 𝑑ℎ𝑎𝑎𝑏𝑏𝑖𝑙𝑒𝑒 𝑏𝑎𝑟𝑛𝑜𝑜𝑡𝑎 𝑜𝑙𝑎𝑎𝑛𝑜𝑜 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑎𝑘𝑘𝑎 𝑡𝑎𝑗𝑎𝑎𝑗𝑖𝑙𝑢𝑢𝑓 𝑄𝑢𝑙𝑞𝑢𝑙𝑙𝑢𝑢 𝑆𝑖𝑛𝑜𝑜𝑑𝑜𝑠𝑖𝑖 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑒𝑦𝑦𝑎𝑚𝑎𝑚𝑒𝑒𝑓.


Soomaa fi Gosoota isaa

 Soomaa fi Gosoota isaa:



Waaqayyo Gooftaan dhala namaa uumama Isaa keessaa kan yaaduu fi jireenya bara baraa jiraatu taasiseetu uume. Kanaafis Waaqayyo “ Nama akka bifa keenyaatti; akka fakkeenya keenyaattis haa uumnu jechuudhaan fakkeenya Isaatiin of fakkeessee uume (Se. Um. 1:26)

Ilmi namaa garuu gorsa Saaxinaa’eel dhagahuun ajaja Waaqayyoon “Ija mukaa Jannata keessa jiru hunda ni nyaatta, ija mukaa hamaa fi gaarii ittiin beektan sana irraa garuu hin nyaatiinaa” (Uma. 2:17) jechuun abboome dagachuun kan Seexanni bofaan fakkaatee “Hin duutani isin mukichaa irraa yoo nyaattan ijji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo akka isin taatan ni beeka” (Uma. 3:2) jecha jedhu dhagahuun abboommii Waaqayyoo ni diigan.

Addaamii fi Heewaanis abboommii dagachuun (Sooma diiguun) ija mukaa “Hin nyaatinaa” jedhaman nyaachuun Waaqayyoo irraa adda bahan, sugni Isaas isaan irraa sokke, qullaa ta’an, burjaaja’anii biyya lafaa irratti abdii malee akka jiraatan ta’e.

Qabxiin asirratti ka’uu qabu, Addaamii fi Heewaan kan Jannataa hari’aman nyaata  nyaachuun cubbuu waan ta’eef miti, Ijji mukaa isaan nyaatanis mukeen kaan irraa adda ta’ee akka eeganii fi akka gara mukichaa hin ilaalle illee abboomamanii abboommii Waaqayyoo kan isaan uumamtoota, Waaqayyoon immoo Uumaa, isaan ajajamtoota Waaqayyo ammoo ajajaa taasiftu sana waan  diiganiif /darbaniifi) malee.

Egaa kanarraa kan hubannu Soomni abboommii Waaqayyootiin eegalamuu isaati.

Sooma jechuun:-

fedhii foonii hunda fedhii lubbuutiif bichisiisuu/abboomsisuu/,

- jaalala Waaqayyootiin bitamuun Fedhii/ajaja Waaqayyoo shaakaluu,

- Yeroo murtaa’eef nyaata soorachuu fi bishaan dhuguu irraa of qusachuu,

- Guyyoota ykn ji’oota murtaa’aniif nyaata bu’aalee horii (foon, aannan, dhadhaa, killee fi kkf.) irraa of qusachuu jechuudha.

Haa ta’u malee, Sooma guutuu kan taasisan kanneen armaan olii lagachuu qofaa miti. Qulqulluu Yaareed akka jedhetti “Miirri keenya hundi tsoomuu qabu:- ijji hamaa ilaaluu irraa, gurri hamaa dhagahuu irraa, arrabni hamaa dubbachuu irraa, harki waan hin malleef diriiruu irraa fi miilli iddoo hin malle dhaabbachuu irraa” lagachuu dabalata.

Faayidaa Soomaa

  • Fedhii foonii lubbuuf abboomsisuun tasgabbii lubbuu argamsiifti.
  • Ilma namaa uumamtoota kaan irraa kan adda taasiftuu fi Qulqulloota Ergamoota waliin wal fakkeessituudha.
  • Boqonnaa sammuu argamsiisa.

Sooma Bara Kakuu Moofaa keessatti

Akkuma armaan olitti eerame Soomni kan eegalame Waaqayyoon Addaamiin “Ija mukaa kana hin nyaatin” jechuun abboommii laate irraa eegaleeti. Sababni isaas Soomni Waaqayyoof abboomamuudha ijaa ta’eef. Addaam abboommii kana ijaa diigeef ayyaanni Waaqayyoo irraa fagaate. Innis baroota hedduuf addunyaa kanarratti jireenya burjaaja’aa jiraate. Namni abboommii Waaqayyoo yoo diige ayyaanni Waaqayyoo irraa fagaata, yoo sagalee Isaa dhagahee fi abboomame garuu ayyaannii fi sugni Waaqayyoo isa waliin jiraata.

Sooma Iyyaasuu fi jaarsota Israa’eel (Iyya. 7:6-9) Bara Iyyaasuun Israa’eel bulchaa ture Israa’elootni wanta hoodaa hin tuqinaa jedhaman ijaa tuqaniif Waaqayyo itti dheekkame. “Iyyaasuun uffata isaa tarsaasee jaarsota Israa’eel waliin Taabota Waaqayyoo fuulduratti ganamaa qabanii hanga galgalaatti adda isaaniitiin gadi gombifamanii  sagadani; gadda irraayis kan ka’e dhukkee mataatti of facaasan”. Iyyaasuu fi jaarsoleen Israa’eel balleessaa dalaganii fi kakuu cabsaniif Waaqayyo irraa araara argachuuf akka sooman hubanna.

Sooma Asteer fi Yihudootaa (Ast.4:16) Haamaan mootii biyya Arxeeks waliin ta’uun sanyiin yihudaa hundi akka dhumu labsee ture. Haadha manaa mootichaa kan turte Asteeris Mardookiyoosiin “dhaqii Yihudoota Suusaa keessa jiran walitti qabi, waa’ee kootiif soomaa, guyyoota sadiif halkaniif guyyaa hin nyaatinaa, hin dhuginaas, anii fi xomboreewwan koos akkasuma ni soomna; lafa mootichi jirutti ol seenuun seera mootummaa kanaan dhorkaa yoo ta’e iyyuu, akka kanatti ani yoon du’es du’inna, gara lafa mootichi jiruutti ol nan gala” jettee ol galte. Du’a lammii ishee irratti ajajames mootichatti himte. Mootiin labsii labsee ture labsii biroon bakka buuse, warri duuni itti murtaa’e jireenya argatan. Haamaan garuu, fannoo Mardookiyoosiif dhaabe irratti fannifame. Kanaaf soomuun badii nurratti labsame gara jireenyaatti jijjiira.

Sooma Daawit (2Saam. 12:17) Mootichi Daawit mucaan isaa dhukkubsannaan ni soome, nyaatas hin nyaanne. Dabalataanis “ani garuu yeroo isaan dhukkubsatan uffata gaddaa nan uffadhe, soomuudhaan namummaa koo gad nan deebise” jechuun faarfateera. (Faar. 34(35): 13)

Sooma Eeliyaas Raajichaa (1Moot. 19:6-10) Bara Elzaabeel Raajota Waaqayyoo albeedhaan fixxe, Raajichi Eeliyaas Elzaabeel jalaa utuu baqachaa jiruu dadhabee iddoo muka jala boqotee jirutti Waaqayyo isa rurrukutuun “ka’iitii nyaadhu jedheen, yemmuus Eeliyaas dammaqee asii fi achi ilaale, bixxillee barbadaa ibiddaa irra jiruu fi bishaan cuggee tokko mataa isaa duratti ni arge, ka’ees bixxillicha nyaatee bishaanichas dhugee deebi’ee rafe”. Kanaan booda guyyoota afurtamaaf gara Tulluu Waaqayyootti soomaan ture.

Soomanni fayyina ilmaan Waaqayyoof akka barbaachisu Raajaan Iyyu’eelis akkas jedheera (Iyyu. 2:15) “Tsiyoon keessa finnoo afuufaa sooma qulqullaa’aa labsaa, walga’ii qulqullaa’aas waamaa”

Bara rakkinaa fi hacuuccaan alagaa baay’ate Waaqayyoo waliin kan dubbannu karaa soomaatiin akka ta’e Raajaa Daani’eel akkas jechuun nuu katabeera. “Bara sana ani Daani’eel torban sadiif gaddaan ture, torban sadi hanga guututti ani nyaata addaa hin nyaanne, foon, daadhiin, wayiniinis afaan koo hin geenye, dibatas hin dibanne” (Dan. 10:2)

Daawiit ammoo akkas jedha “Soomuu irraan kan ka’e jilbi koo na hollate, foonkoos  dhadhaa dhabuu koorraa kan ka’es na dadhabe” (Faar. 108:24) jedhe.

Sooma Raajaa Daani’eelii fi Faarfataa Daawit kana irraa qabxiin barannu soommanni barbaachisaa ta’uu caala iyyuu maal maal irraa soomuu akka qabnuudha.

Sooma Saba Nanawee:- Sabni Nanawee bara Waaqayyo isaanitti dheekkame guddaa fi xiqqaan, sa’aa fi namni isaanii hundi guyyoota sadiif ijaa soomaniif dheekkamsi Waaqayyoo gara araaraatti jijjiirameefii fayyina argataniiru. (Yoon. 3:5)

Sooma Kakuu Haaraa Keessatti

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos gara dachee kanaa kan dhufe seeraa fi tumaa kakuu moofaa haquuf ykn jijjiiruuf ijaa hin taaneef gochootni kakuu moofaa keessatti raawwatamaa turan bara kakuu haaraa keessattis inumaayyuu daran cimuun itti fufanii jira. Soomnis akkuma bara kakuu moofaa, bara kakuu haaraas itti fufee jiru. Sooma kakuu haaraa kan eegale immoo, soomuu osoo Isa hin barbaachisin dhala namaaf fakkeenya ta’uuf, Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosidha.

Gooftaan sooma kakuu haaraa kan eegale ‘soomaa’ jechuun qofa osoo hin taane gara Kuwaala (gadaamii) Qoronxoos deemuun guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf soomuudhaani. (Maat. 4:2) Gooftaan kan soome kaayyoo gara dachee kanaa itti dhufe (dhala namaa fayyisuu) osoo hin eegalin, hangafa tajaajila/fayyina dhala namaa taasiseetu. Kanaaf tajaajila afuuraa kamiyyuu eegaluu dura soomni barbaachisaa ta’uu hubanna.

Sooma kan soomnu utuu nyaachuu fi dhuguu dandeenyuu fedhii keenya daangessuudhaani. Wangeelli akkas jedha mitiiree! “gammadaa isin amma kan beeloftan quufuudhaaf jirtu” (Luq.6:21) kana jechuun utuu nyaachuu dandeenyuu Waaqayyoof abboomamuuf soomni soomnu boru gammachuu daangaa hin qabne argachuufidha. Kanaaf beela keessan ammaa hin ilaalinaa, boru gooftaa keessan wajjin gammachuu qabduuti! (Maat. 6:16, Maat. 9:15, Maar. 9:29, Hoj. 13:3, Hoj. 27:21)

Akka seera Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti soomni bakka lamatti qoodama:-

  • 1.     Sooma Dhuunfaa

Sooma dhuunfaa kan jedhamu kan luba abbaa gaabbii waliin mar’ichuun soomamuudha. Kuni dhoksaatti kan soomamuudha. Inni biroo immoo soomni akka abaaboo (Tsiggees) as sooma dhuunfaa jalatti kan ramadamuudha. Soomni kun fedhii nama soomuu irratti kan hundaa’udha.

  • 2.   Sooma Ajajaa
  • Kuni kiristaanni kamiyyuu sooma soomuu qabuudha.
  • Soomni ajajaa gosa torba qaba

2.1           Sooma Guddaa (Sooma Gooftaa)

2.2          Sooma Duuka Bu’ootaa

2.3         Sooma Raajotaa

2.4         Sooma Filchataa

2.5         Sooma Ifaa (gahaadii)

2.6         Sooma Warra Nanawee

2.7         Sooma Fayyinaa (kan Roobii fi Jimaata soomamu)

Kunneen sooma ajajaa kiristaanni kamiyyuu soomuu qabu yoo ta’an, sooma Gooftaa kana turban torbaniin qoonnee kan ilaallu waan ta’eef nu hordofaa jechaa soomnee akka eebbifamnu Waaqayyoon Gooftaan keenya nu haa gargaaru, araarri Haadha Keenyaa Qulqulleetti Dubroo Maariyaam, eegumsi Ergamootaa nu waliin haa ta’u. Ameen!