Hojii Kee Hojjedhu!
"Gooftaan namootuma hundumaaf hojii kenneefii jira. Isa kennameef sana hojjechuun gahee isaati.Osoo danda'ameefii akka hin hojjetamne kan godhu gocha seexanaati.Akkuma Waaqayyo hojii sana akka hojjetuu siif eeyyame, seexanni ammoo si dhoorkuuf tattaafata. Wantoota biroo nama gammachiisan siif dhiheessuuf tattaafata.Abdii biyya kanaatinis si sossoba.Galaana hamaatis akka guutamtu si godha. Barreessitoonni akka si gaafatan,namoonni beekkamoonis waan kee irratti akka badaa dubbataniifItti fayyadama.Philaaxoos, Heroodis,Hanaaniyaa,Qayaaffa hunduu si irratti ka'u.Yihuudaanis si maddii dhaabatee birrii 30 si gurgurachuuf kajeela.Kuni hundi akka sirra gahu kan godhu garuu seexanni hoji kee irraa si harkisuu fi Waaqayyoof ajajamuurra si gufachisuuf akka tahu hin hubattuuree? Yoo leenci baroodu homaa sitti hin fakkaatin;saroota seexanaas qaacaruuf hin dhaabatin;illeettiwwan ari'uudhaan yeroo kee hin gubin, hojii kee hojjedhu, sobduun haa sobdu, kan lola qabanis wal haa lolan, waldaanis haa murteessu, barreesitoonnis haa barreessan, seexannis waan fedhe haa godhu, ati garuu wanta tokkollee,hojii Waaqayyo akka hojjetuuf sitti kenne
hojjechuurraa akka hin dhaabanne of eeggadhu.Horii akka horattuuf hin ergamne, akka sooramtuufis hin abboomane, kabaja keetiifiis roorroo dhoowwadhu jedhamee sitti hin himamne, seexanni fi tajaajiltoonni isaa sobaan hojii si irratti haasa'an akka 'akkas miti jettuuf hin gaafatamne.
Qulqulluu Abbaa Goorgooriyoos

No comments:
Post a Comment