"Horiiisaa itti laate." Mat 25:14
Kutaa 1ffaa
Baga Torbee 6ffaa Sooma Guddaa Nagaan geessan.
Torbanoota Sooma Guddaa hunda akka moggaasa maqaa isaanitti barreessitoota garaagaraan waliin dubbisaafii Qo'achaa turuun keenya ni yaadatama.
Torbeen 6ffaan Sooma Guddaa ammoo Tajaajilaa Gaarii yookaan Tajaajilaa Amanamaa jedhamuun beekama.
Torbe kanas akkuma torbanoota darbanii Qulqullichi Yaareed icciitii kitaaba Qulqulluu waliin walqabsiisee moggaasa kan kenne yoo ta'u, Torban kunwaa'ee Waadaa nutti kennamee kan ittiin of ilaalludha.
Seenan kunis Wangeela Mat 25:14 - 30 irratti argama.
Iccitii Fakkeenyichaa
Dureessa kan jedhame, Waaqayyoo dha. 1ffaa Qor 12:8
Waaqayyoon Uumama isaa hundaaf akkaata dandeettifi humna isaaniitiin kennaatokkoon tokkoon dhala namaatif kennee jira. kennaan kun kan bitamu,filannoodhan kan fo'amu, kan walcaalu osoo hin taane hanga nutti kennameirratti qofa amanamaafi ittiin hojjachuu kan nu gaafatuudha.
Hojjattootni fakkeenya Amantootati. Amantootni kun akka humna fi dandeetti isaanitti kennaa kana ni fudhatu. Amantootni kun waqtiin isaanittikennaan kun kenname jira yeroon isaan harkaas fudhatame ni jira. Hundaafuu akka irraa barbaadamutti malee qixa itti hin kennamne qixa irraa hin eegamnes.
Meetii kan jedhame qooda yookan ga'ee kenna/tajaajiladhala namaaf kennameedha. Kennaan kun namaa namatti garaagar yoo ta’u, kennichi daangaa qaba. Kennaan kun kan yoo ittiin hojjanne buufachuu dandeenyudha maleekan ittii kasaarru miti. Uumamni kennaa hin qabne hin jiru. Hundi namaa kennaa mataa isaa danda’e kana qaba. Kennaa isaaf kenname kana irratti yoo hojjate isacaalutti guddachaa deema.
Gammachuu Gooftaa kan jedhamte bakka jalqaba dhalli namaa akka jiratuuf kan qophoofte Gannatadha. Gammachuun Gooftaa namoonni hundumtu bakkaganama isaanif qophoofte gannata keessa galanii anii jiraachudha. Akkuma kitaaba irraa dubbifnu nama firii gaarii buuse sanaan ati tajaajilaa gaarii waan taatefiddoo Gammachuu gooftaa knatti gali jedhenii waaqayyoo gatii dadhabbii isaatii kenneef. Gatiin Boqonnaa Kiristaanotaa gannata galuudha.
Dukkana isa alaa kan jedhame bakka abidda barabaraa hin dhaabneSi’ooliidha. Namni kennaa isaaf kenname irratti amanamummaa dhabee firii argamsiisuu dide mindaa kanaa argatta.
Ergaa wangeelichaa.
Hunda kan qabu Waaqayyoo uumamaisaa hundaaf akka dandeetti dandeettii isaanitti humna tajaajilaa yookaan humna hojii isaanif kenneera. Safartuun humnaa kun gargar ta’us bu’aan inniargamsiisu qabuuf kan isa irraa eegamu hanga isaaf safarame sana malee isaa ol akka hojjatu irraa hin eegamu. Inni Shan fudhate bu’aa shanii ol akka fiduufhin gaafatamu, inni lama argates akka humna isaatti lama akka fidu irraa eegama. Inni tokko fudhates ammo akkasuma tokko buusuu qaba.
Dhimmi kun dhimma daldalaa miti,kennaan kunis qarshii miti tajaajila akka ittiin hojjannuuf nutti kennamuudha malee. Gooftaan keenya yeroo wangeela barsiisu fakkeenyan barsiisun duudhaaisaa akkuma ta’e dhimma kana fakkeenya daldalaatin fudhate. Daldalli gosa garaagaraa qaba. Humni isaas addaa addaa. Inni kaan meeshaa gurguddaa daldala inni kanisammoo akka humna isaatti baala mukaa illee gurguruu danda’a ta.a. bu’aan isa konkolaata gurguruufi nama soft gurguru gidduutti argamu walumattuu hindhiyaatu. Inni konkolaata gurguru qarshii guddaa baasee bu’aa guddaa argachuuf akkasitti dhama’uun isa irraa eegama. Inni sooftii gurgurus akka gatii isaattiargachuuf hin dhama.a.
Dhalli namaa kam iyyuu bifa Kanaan isaaf kenname. Kennaan Tajaajilaa kun wangeela barsiisuu ta’uu danda’a,kitaaba hiiku ta’uu danda’a … kennaawwan kunneen hundi garuu gatii walcaalaa hin qabaatan. Hunduu akkuma fudhatetti madaalama. Waaqayyoo kennaa kana ofiifnamaaf qooda. Akkuma dureessi hojjattoota isaa waamee maqaa maqaa isaanin isaanif qoode. Waaqayyoo ilmaan isaaf akka maqaa isaanitti bilisummaadhanisaanif qooda. Nuti hundi keenya kennaa ittiin hojjannee bu’aa buufnu ni qabna. Kennaa kana filannee osoo hin taane akka humna keenyatti waaqayyo nuuf hireera.
Qabeenya isaa kan ta’e fedha isaatin waaqayyo akka humna keenyatti waan nu barbaachisu hunda nuuf laate.Waaqayyoon gaafa nu uumu kennaa keenya waliin nu uume. Kennaa kana barbaadnee argachuudhan itti hojjachuun ga’ee keenyadha.
Hojjattoota akka fakkeenyattika’an kana yoo ilaallu inni shan isatti kenname yerosuma deemee hojii ittiin eegale, bu’ee ba’ee dadhabee gatii isaaf kenname kana irratti bu’aa gaarii isamadaalu sana argate. Nuti hoo teessoo irra jirufi Muudama qabnu irratti hangam buusaa jirra laata? …
Inni lammaaffaanis akkasumattigatii isaatti kenname Sanaa argachuuf dhama’e. kan irraa eegamus sanas ni argate. Namni kun kennaa isa jalqabaa ilaaleekan koo maaf natti xinnate laata?Ani amanamaa miti moo hin jenne. Garuu waan isatti kenname kana guddifachuuf dhama’ee bu’aa ittiin argate. Waaqayyoon waanta namatti hin kennine deebii namairraa hin eegu. Hanguma siif kenne sana irratti madaallamta. Hundi keenyaa ga’ee/kennaa garaagaraa qabna. Inni tokko namoota fuulduratti beekamaa sitaasisa, inni kaan ammo dhokattee bu’uura akka taatuf dandeetti siif kenna.
Lachuu isaa garuu ilaalcha namaa biratti garaagarummaa kan qaban fakkaatanillee dureessa fuulduratti wal fakkaatadha. Abbaa qabeenya tokko hojjataa tokko waardiyyaa qacaree hojjataa biraa ammoo akka qulqulleessatti yoo qacarehojjattoota kana iddoo ramaddi isaanitti maal fakkaatu ga’ee itti kenname irratti hangam bu’aa argamsiisaniiru jedhee madaala.
Inni tokko argate garuu kennaaisa qaqqabe kana fudhatee bu’a argamsiisuf osoo hin taane akkamittan itti gaafatamummaa jala hafa laata jedhee itti yaade. Yaades hin dhiifne deemeekennaa kana ni awwaale. Kennaa kana awwaale jechuun itti gaafatamummaa isatti kenname kana ittii hojjachuu dhiise jechuudha. Namoonni baay’een kennaa ni qabukennaa isaanii Kanaan bu’aa argachuu caala kennaa sana irraa fagaachuu jaalattu. Dhalli namaa kennaa isaa awwaaluu osoo hin taane akka warra gubbaattikaasaa turre sanaa ittiin hojjachuu qaba.
Dureessis yeroo dheera booddee deebi’ee ni dhufe. Waaqayyoon kennaa keenya kana yeroo murtaa’aa waliin nutti kenna. Guyyaaninni deebi’ee itti dhufee kennaa kana nu gaafatu hin beekamu. Kennaa kana gaafaisaanif kennu guyyaa akkanaan dhufaa hanganatti qophaa’aa hin jenneen tasa ittidhufe. Nunis kennaa nuuf kenname kana guyyaa lakkaa’aa jiraachuu kan qabnu osoo hin taane har’a dhufee boru dhufee waan hin beeknef osoo addaan hin kutnikennaa keenyan itti fufnee hojjachuu qabna ...
Dn Daanyaachoo Hirphaasa
kutaa 2ffaa



