Saturday, March 29, 2025

Tajaajilaa Gaarii

 "Horiiisaa itti laate." Mat 25:14 


Kutaa 1ffaa

Baga Torbee 6ffaa Sooma Guddaa Nagaan geessan.

Torbanoota Sooma Guddaa hunda akka moggaasa maqaa isaanitti barreessitoota garaagaraan waliin dubbisaafii Qo'achaa turuun keenya ni yaadatama. 

Torbeen 6ffaan Sooma Guddaa ammoo Tajaajilaa Gaarii yookaan Tajaajilaa Amanamaa jedhamuun beekama. 

Torbe kanas akkuma torbanoota darbanii Qulqullichi Yaareed icciitii kitaaba Qulqulluu waliin walqabsiisee moggaasa kan kenne yoo ta'u, Torban kunwaa'ee Waadaa nutti kennamee kan ittiin of ilaalludha. 

Seenan kunis Wangeela Mat 25:14 - 30 irratti argama. 

Iccitii Fakkeenyichaa 

Dureessa kan jedhame, Waaqayyoo dha. 1ffaa Qor 12:8

Waaqayyoon Uumama isaa hundaaf akkaata dandeettifi humna isaaniitiin kennaatokkoon tokkoon dhala namaatif kennee jira. kennaan kun kan bitamu,filannoodhan kan fo'amu, kan walcaalu osoo hin taane hanga nutti kennameirratti qofa amanamaafi ittiin hojjachuu kan nu gaafatuudha.  

 Hojjattootni fakkeenya Amantootati. Amantootni kun akka humna fi dandeetti isaanitti kennaa kana ni fudhatu. Amantootni kun waqtiin isaanittikennaan kun kenname jira yeroon isaan harkaas fudhatame ni jira. Hundaafuu akka irraa barbaadamutti malee qixa itti hin kennamne qixa irraa hin eegamnes. 

Meetii kan jedhame qooda yookan ga'ee kenna/tajaajiladhala namaaf kennameedha. Kennaan kun namaa namatti garaagar yoo ta’u, kennichi daangaa qaba. Kennaan kun kan yoo ittiin hojjanne buufachuu dandeenyudha maleekan ittii kasaarru miti. Uumamni kennaa hin qabne hin jiru. Hundi namaa kennaa mataa isaa danda’e kana qaba. Kennaa isaaf kenname kana irratti yoo hojjate isacaalutti guddachaa deema.

Gammachuu Gooftaa kan jedhamte bakka jalqaba dhalli namaa akka jiratuuf kan qophoofte Gannatadha. Gammachuun Gooftaa namoonni hundumtu bakkaganama isaanif qophoofte gannata keessa galanii anii jiraachudha. Akkuma kitaaba irraa dubbifnu nama firii gaarii buuse sanaan ati tajaajilaa gaarii waan taatefiddoo Gammachuu gooftaa knatti gali jedhenii waaqayyoo gatii dadhabbii isaatii kenneef. Gatiin Boqonnaa Kiristaanotaa gannata galuudha.

Dukkana isa alaa kan jedhame bakka abidda barabaraa hin dhaabneSi’ooliidha. Namni kennaa isaaf kenname irratti amanamummaa dhabee firii argamsiisuu dide mindaa kanaa argatta.

Ergaa wangeelichaa.

Hunda kan qabu Waaqayyoo uumamaisaa hundaaf akka dandeetti dandeettii isaanitti humna tajaajilaa yookaan humna hojii isaanif kenneera. Safartuun humnaa kun gargar ta’us bu’aan inniargamsiisu qabuuf kan isa irraa eegamu hanga isaaf safarame sana malee isaa ol akka hojjatu irraa hin eegamu. Inni Shan fudhate bu’aa shanii ol akka fiduufhin gaafatamu, inni lama argates akka humna isaatti lama akka fidu irraa eegama. Inni tokko fudhates ammo akkasuma tokko buusuu qaba. 

Dhimmi kun dhimma daldalaa miti,kennaan kunis qarshii miti tajaajila akka ittiin hojjannuuf nutti kennamuudha malee. Gooftaan keenya yeroo wangeela barsiisu fakkeenyan barsiisun duudhaaisaa akkuma ta’e dhimma kana fakkeenya daldalaatin fudhate. Daldalli gosa garaagaraa qaba. Humni isaas addaa addaa. Inni kaan meeshaa gurguddaa daldala inni kanisammoo akka humna isaatti baala mukaa illee gurguruu danda’a ta.a. bu’aan isa konkolaata gurguruufi nama soft gurguru gidduutti argamu walumattuu hindhiyaatu. Inni konkolaata gurguru qarshii guddaa baasee bu’aa guddaa argachuuf akkasitti dhama’uun isa irraa eegama. Inni sooftii gurgurus akka gatii isaattiargachuuf hin dhama.a.

Dhalli namaa kam iyyuu bifa Kanaan isaaf kenname. Kennaan Tajaajilaa kun wangeela barsiisuu ta’uu danda’a,kitaaba hiiku ta’uu danda’a … kennaawwan kunneen hundi garuu gatii walcaalaa hin qabaatan. Hunduu akkuma fudhatetti madaalama. Waaqayyoo kennaa kana ofiifnamaaf qooda. Akkuma dureessi hojjattoota isaa waamee maqaa maqaa isaanin isaanif qoode. Waaqayyoo ilmaan isaaf akka maqaa isaanitti bilisummaadhanisaanif qooda. Nuti hundi keenya kennaa ittiin hojjannee bu’aa buufnu ni qabna. Kennaa kana filannee osoo hin taane akka humna keenyatti waaqayyo nuuf hireera.

Qabeenya isaa kan ta’e fedha isaatin waaqayyo akka humna keenyatti waan nu barbaachisu hunda nuuf laate.Waaqayyoon gaafa nu uumu kennaa keenya waliin nu uume. Kennaa kana barbaadnee argachuudhan itti hojjachuun ga’ee keenyadha.

Hojjattoota akka fakkeenyattika’an kana yoo ilaallu inni shan isatti kenname yerosuma deemee hojii ittiin eegale, bu’ee ba’ee dadhabee gatii isaaf kenname kana irratti bu’aa gaarii isamadaalu sana argate. Nuti hoo teessoo irra jirufi Muudama qabnu irratti hangam buusaa jirra laata? … 

Inni lammaaffaanis akkasumattigatii isaatti kenname Sanaa argachuuf dhama’e. kan irraa eegamus sanas ni argate. Namni kun kennaa isa jalqabaa ilaaleekan koo maaf natti xinnate laata?Ani amanamaa miti moo hin jenne. Garuu waan isatti kenname kana guddifachuuf dhama’ee bu’aa ittiin argate. Waaqayyoon waanta namatti hin kennine deebii namairraa hin eegu. Hanguma siif kenne sana irratti madaallamta. Hundi keenyaa ga’ee/kennaa garaagaraa qabna. Inni tokko namoota fuulduratti beekamaa sitaasisa, inni kaan ammo dhokattee bu’uura akka taatuf dandeetti siif kenna.

Lachuu isaa garuu ilaalcha namaa biratti garaagarummaa kan qaban fakkaatanillee dureessa fuulduratti wal fakkaatadha. Abbaa qabeenya tokko hojjataa tokko waardiyyaa qacaree hojjataa biraa ammoo akka qulqulleessatti yoo qacarehojjattoota kana iddoo ramaddi isaanitti maal fakkaatu ga’ee itti kenname irratti hangam bu’aa argamsiisaniiru jedhee madaala.

Inni tokko argate garuu kennaaisa qaqqabe kana fudhatee bu’a argamsiisuf osoo hin taane akkamittan itti gaafatamummaa jala hafa laata jedhee itti yaade. Yaades hin dhiifne deemeekennaa kana ni awwaale. Kennaa kana awwaale jechuun itti gaafatamummaa isatti kenname kana ittii hojjachuu dhiise jechuudha. Namoonni baay’een kennaa ni qabukennaa isaanii Kanaan bu’aa argachuu caala kennaa sana irraa fagaachuu jaalattu. Dhalli namaa kennaa isaa awwaaluu osoo hin taane akka warra gubbaattikaasaa turre sanaa ittiin hojjachuu qaba.

Dureessis yeroo dheera booddee deebi’ee ni dhufe. Waaqayyoon kennaa keenya kana yeroo murtaa’aa waliin nutti kenna. Guyyaaninni deebi’ee itti dhufee kennaa kana nu gaafatu hin beekamu. Kennaa kana gaafaisaanif kennu guyyaa akkanaan dhufaa hanganatti qophaa’aa hin jenneen tasa ittidhufe. Nunis kennaa nuuf kenname kana guyyaa lakkaa’aa jiraachuu kan qabnu osoo hin taane har’a dhufee boru dhufee waan hin beeknef osoo addaan hin kutnikennaa keenyan itti fufnee hojjachuu qabna ...

Dn Daanyaachoo Hirphaasa

kutaa 2ffaa



Saturday, March 22, 2025

Tulluu Ejersaa(ደብረ ዘይት)

 Torbee 5ffaa

Dubbisa sirna galatoo
Dn :- 1ffaa Tesen 4:13
Dn Garg :- 2ffaa phex
Luba Garg:-
Misbaakii:-49(50):3
Luba:- Mat 24:1-24

 Far 49(50):3 waaqayyoon ifatti ni dhufa.

Tullu Ejersaa jechuun lafa gaara mukni ejersaa irraatti argamu jechuudha. Iyyeeruusaaleem irraa karaa bahaatiin gaara argamudha. Guyyaa kun guyyaa gooftaan keenyaa Iyyeesuus Kiriistoos Duuka Bu'oota; waa'ee dhufaatii 2ffaa fi mallattoolee dhumaa addunyaa itti barsiiseedha.

Waaqayyoon ifatti ni dhufa, hin callisuus fuula isa fulduratti ibiddi ni labooba jedhamee raajii dubbatamees ni rawwatama. Dhufaatiin waaqayyo akkuma ol    bahiinsa isaa foon dubroo Maariyaamiin uffaate ol bahe ifatti deebi'e ni dhufa. Yeroo waaqni keenya Iyyeesuus kiriistoos dhufuu mallattooleen kunniin ni ta'u. uummanni ummata irraatti, mootuummaan mootuummaa irraatti ni ka'a. Biyyatti keessatti waraanni, kirkirri lafa, beelli, rakkinni, gidiraan, qorumsi ni baayyata. Isiin garuu hin rifatina, hin sodaatinaas.

Gooftaan keenya Iyyeesuus Kriistoos maaliif dhufa?

"Kunoo ariitiin nan dhufa, akka hojii isaaniitti kanfaluuf gatiin isaanii ana bira"  m.yoh 22:12

Guyyaan kun guyyaa murtiiti. Guyyaa galmeen keenya saqamee ilaalame murtii jireenya fi du'a itti murtaa'udha. Kabaja waaqummaa isaan yeroo dhufutti du'a ijaan ilaala ni dhufa. Amantoota isaaf kabaja ni laata. Cubbamtoonni ni boo'u, qulqulloonni ni gammadu, duuti ni du'a jireenyi ni moo'a. Namni jireenyaaf du'aa ni ka'a.

Yaa maatii kiriistoos dhufaatii  2ffaa kun  nuuf maal ta'a laata? jireenya baraa baraaf moo du'aa baraa baraati?
Waaqayyoo abbaan keenya du'a irraa nu haa oolchu. jireenya du'aan hin jijjiramne nuuf haa kennu. Ameen!!!

Dn Dekeba



Saturday, March 15, 2025

Matsaaguu/Dhukkubsataa

Torbee 4ffaa Sooma Guddichaa

 Yoh. 5:6 "Fayyuu Ni barbaaddaa?

Dubbisa
Diya.፦ Galaatiyaa 5:1-xummuraa
Diya. Garg.፦ Yaa'iqoob 5:14-xummuraa
Lub. Garg.፦ HDB.3:1-12
Luba.፦Yoh. 5:1-25

Misbaakii፦Far. 41:3-4

Matsaaguu jechuun dhukkubsataa jechuudha. Torbeen kuni guyyaa Gooftan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus kiristoos dhukkubsataa waggaa 38 irraa egalee siree isaarra cisaa ture dhukkubnisaa akka itti cime arguun nama akka hin qabne hubatee Haala ajaa'ba ta'een Fayyuu ni barbaaddaa jechuudhan gaafate. Dhukkubsataan kunis fayyuuf hangam akka ariifate ibsuun "Anoo nama hin qabu" jechuun deebise. Gooftanis  ka'i siree kee baachudhaan adeemi jedheen. Battaluma sanatti namichi waggaa hedduuf sireerraa ol jedhee hin beekne ol jedhee siree isaa baatee adeeme.

Waan nama gaddisiisu namichi kuni barootaf siree isaarra taa'ee namoota fayyanii deebi'an qofa ilaalaa ture. Guyyaa kana garuu bishaanin utuu hin taane raajidhaan namaan utuu hin taane uumadhaan yaadatamee dhukkuba isaarraas fayye.

Gooftan maalif gara Beetesaayidaa dhufe?

Beetesaayidaan iddoo namoonni itti cuuphaman yoo ta'u; cinaa sana immoo balbala hoolootni aarsadhaaf dhufan ittiin seenanitu jira. Hoolota keessaa filamuun gara kanatti aarsadhaaf galu ture. Gooftan keenya Iyyasuus kiristoos garuu Aarsan kakuu haaraa hoolan qaraaniyoo kan nama hunda bilisa baasu anadha jedhee nu barsiisuf gara sanatti dhufe.

1ffaa Phex. 1:18-19"Abboolii keessan irraa kan dhaaltan jireenya keessan waa'ee hin baasnerraa wanta darbu maallaqa yookin warqeedhan utuu hin taane xuraa'ummaa fi yarummaa kan hin qabne akka dhiiga hoolaa dhiiga kabajamaa kiristoosin akka bitamtan ni beektu."

Gooftan dhukkubsataa kanaan maalif fayyuu ni barbaaddaa jedheen?

Nama bishaan fayyinaa seenuf waggaa heddu taa'e akkamiin fayyuu ni barbaaddaa jedhee gaafate?

Nama fayyuuf jedhee utuu hin nuffin guyyaa kana hunda dabaree eegate akkamin fayyuu ni barbaaddaa jedhee gaafate?

Jabinni naafa kanaa ajaa'ibaadha: waggaa 38 guutuu guyyaa tokko nan fayya jedhee eeggachaa ture. Gooftan cimina namicha kanaa nu barsiisuf malee deebiin naafa kanaa maal akka ta'e wallaalee miti kan isa gaafate; Obsa nama kanaa akka barannuuf garuu gaafate 

Ayihuudonni sababa barbaadu waan ta'eef heeyyamsiisee fayyisuuf akkasumas guyyaa sanbataan fedhii koo malee na fayyise akka hin jenneef fayyuu ni barbaaddaa jedhee heeyyamasaa gaafate. Inni garuu ni fayyisa jedhee utuu hin taane gara bishaan cuuphaa sana na geessa yookin immoo warra achi jiran keessaa tokko naaf ajajee akka na geessan taasisa jedheeti. Gooftan keenya Iyyasuus kiristoos garuu jecha isaa tokkichaan ka'i yoo jedhu ni ka'e.

Nama hin qabu

Dhuguma dhukkubsataan kuni fayyuu ni barbaaddaa yeroo jedhametti deebin inni deebise baay'ee abishaanichi Deebii gaaffii gaafatame waliin hin deemne deebise. Namni fayyuu ni barbaaddaa yoo jedhamee gaafatame Eeyyeen yookin lakkii jedha ture inni garuu "Gooftaa koo yeroo bishaanichi socho'u nama na galchun dhabe" jedhe. Waan keessi isaa ittiin madaa'e Gooftatti dubbate. Gara bishaanitti seenun utuu hin taane dubbii uumaa isaatin; Eebba ergamaatin utuu hin taane waaqa ergamootatiin fayye.

Sireen

Sireen isaa siree sibiilaa ulfaataa ture namni waggaa 38f qaamni isaa hojii dhaabanii turan humna waaqatiin garuu ba'aa guddaa kana baachuun adeeme. 

Matsaagun kan isa fayyise dagate sobaanis itti murteesse

Matsaagun erga fayyee Rakkinaa fi dhiphina keessa ture sana ni dagate. Nama isa fayyises dagate. 

Yoh. 5:13 "Kan isa fayyise hin beekne"

Kan kana caalu akka sin arganne deebitee hin balleessin. Yoh. 5:14

Matsaagun nama isa fayyise utuu hin beekin Gooftaa wajjin mana qulqullummaatti wal argan. Gooftanis akkas jedheen "Egaa fayyiteetta kan kana caalu akka sitti hin dhufne kana booda cubbuu hin hojjetin" jedheen.

Namichi kuni garuu deemee kan isa fayyise Iyyasuus akka ta'e itti hime.

Boodarras Gaafa Gooftan murteedhaf mootota fuuldura dhaabbatu harka isaatin boquu isaa kabale.

Harki waggaa gedduuf Sireerraa ol jechuu dadhabe guyyaa sana garuu jabaatee kan isa fayyise Goofkan rukkute.

Waggaa hedduuf dhukkuba waliin kan ture Gooftan dhukkubarraa isa foo'e inni garuu didee dhukkubaan araarame. Dhukkuba foonii irraa fayyee ture. Deebi'ee cubbuu hojjechuu isaatin garuu sana kan caalu dhukkuba lubbuu dhukkubsate.

Waaqayyoon siree dhukkubbii irratti ni gargaara

Yeroo dhukkubbii isaas ciisicha isaa ni sirreessaf(Far. 41:3) akkuma jedhe qulqullichi nama dhukkubsatee gargaarsa hin qabne waaqayyoon akka akka gargaaru nu barsiisa. 

Kabajamtoota maatii kiristiyaanotaa hunda keenya waaqayyoon har'a nu gaafata; "fayyuu ni barbaadduu" cubbuu keessaa bahuu ni barbaadduu nuun jechuun nu gaafata. Dhukkuba fooni fi lubbuu keenyaa irraa akka nu fayyisuuf heeyyama waaqa keenyaa nuuf haa ta'u!!!



Thursday, March 6, 2025

Mikuraab (ምኩራብ)

Torbee 3ffaa Sooma Guddichaa

Seensa

Mikuraab jechuun mana Yihuudonni sirna waaqeffannaa isaanii itti gaggeeffatanidha. Kunis immoo Israa'eloonni (Yihuudonni) bara kakuu moofaatti sababa weerara Diyooqilxaanosiin manni qulqullummaan isaanii  inni guddaan Iyyarusaalem keessa jiru erga jalaa diigamee fi ofii isaaniis bakka garaagaraatti waan faca'aniif bakka faca'anii jiraatan hundatti mana sagadaa qabaachaa turan.

“Kanaafis ati, "Waaqayyo gooftaan, 'Ani saba lafa irraa keessa biyya fagootti yoon isaan erge iyyuu, biyya garaa garaa keessa yoon isaan bittimse iyyuu, ani biyya isaan dhaqan hundumaa keessatti yeroo muraasaaf mana qulqullummaa isaaniif ta'eera' jedha" jedhii dubbadhu!” His. 11:16. Manni sagadaa sunis 'Mikuraab' jedhama ture. 

Moggaasa

Moggaasni torbee 3ffaa Sooma guddichaa Mikuraab jedhamuun isaa faarfannaa Qulqulluu Yaared torban kana faarfatamu, "Gooftaan keenya Iyyasuus gara Mikuraaba Yihuudotaa seene; dubbii amantaa barsiise; aarsaa caalaa dhiifama gochuun jaaladha; gooftaan Sanbataa, abbaan araaraas anadha; Ilmi namaa  sanbataaf gooftaa isheeti. Mana Abbaa koo bakka daldalaa hin godhiinaa; manni koo mana kadhannaa jedhama. Gara Mikuraaba isaanii seenee akka callisaniif isaanitti dheekkame. Isaanis barumsa isaa, surraa jecha isaa, mi'aawina dubbii isaa fi collummaa dubbii afaan isaas ajaa'isiifatan. (Kitaaba Sooma Diggowaa irraa kan fudhatame)"  jedhu irraa dhufe. 

Barumsa

Torban kana addatti waa'ee ta'ii (event) mana sagadaaa Yihuudotaa (Mikuraab) keessatti ta'e tokkotu lallabama. Ta'iin kuni dhimmoota dubbii waaqummaa, dubbii fayyinaa, dhimma tajaajila afuurawaa fi afuurummaa Ortodoksawaa of keessaa qaba. Waan ta'e kana Q.Yohaannis wangeela isaarratti akkasitti ibsa; "Ayyaanni Faasikaa warra Yihuudootaa geenyaan, Iyyesuus gara Yerusaalemitti ol ba'e. Mana qulqullummaa keessattis namoota iddoo sana taa'anii sangoota, hoolota, gugees gurguran, warra horii callaa gegeddaranis arge. Yommus Inni quncee irraa qaccee dha'atee, hunduma isaanii hoolota isaanii fi sangoota isaanii wajjin gad isaan oofe; horii warra horii gegeddaranii in bittimse, gabatootas gad garagalche.  Warra gugee gurguraniin immoo, “Kana keessaa gad baafadhaa! Mana abbaa kootiis mana bitaa gurgurtaa hin godhinaa!” jedheen. Yommus bartoonni isaa, “Hinaaffaan mana keetii na guba” jedhamee isa caafame yaadatan" Yoh. 2:13-17

Ta'iin Kun Eessatti Ta'e?

►Ta'iin kun Mikuraaba Yihuudotaa  keessatti ta'e. Mikuraabni kun Waaqayyoo isa bakkaan hin daangeffamne, samii fi lafni illee isa baachuu hin dandeenye (1Mot 8:27) bakka wayiitti daangessuuf osoo hin taane bakka Waaqayyoo itti ijoollee isaa eebbaan, ayyaanaan isaan daawatudha. Kana ibsuuf,  Solomoon yammuu mana qulqullummaa ijaaree xumuretti Waaqayyo samiirra taa'ee akkas jedhe, “Waaqayyos jedhe, kadhannaa fi iyyata kee fuula koo duratti taasiste dhagaheera; bara baraan maqaan koo akka as buluuf mana ati ijaarte kana eebbisee qulqulleesseera; ijoonni koo fi lapheen koos baroota hundumatti as ni ta'a” (1Mot 9:3). Asirratti wanti biraan ibsamee jiru eegumsi Waaqayyoo yeroo hunda mana kana irra ta'uu isaati. Kanatti aansuun dhimmoota ta'ii kana keessaa hubachuu dandeenyu gabaabsinee ilaaluu yaalla. 

  1.  Dubbii Waaqummaa 

►Akkuma olitti ibsame Kiristoos, "Mana Abbaa koo mana bittaaf gurgurtaa hin godhiinaa" jedhee ture. Qulqulluun Qeerloos guddichi dubbii waaqummaa as keessa jiru yoo ibsu, "Abbaa koo" jedhe malee "abbaa keenya" hin jenne. Kanaanis Inni qofaa isaa amalummaadhaan Ilma Abbaa ta'uu isaa, kanaanis immoo waaqummaadhaan Abbaa waliin tokko akka ta'e ibse jechuudha. Warreen Inni isaan itti dubbachaa ture illee ijoolleedhuma Waaqayyooti; kuni garuu uumaa isaanii ta'uu isaatiin fi kennaadhaanidha malee kan amalummaa miti. Kanaaf Kiristoos kaan irraa adda of baasee, "Abbaa koo" jedhe jechuudha.

    2. Dubbii Fayyinaa

►Wantoonni Kiristoos akka mana qulqullummaa keessaa akka bahan taasise sun (Sangaan, Gugeen, Hoolaan) beeyladoota aarsaa kakuu moofaa sanaaf oolan turanidha malee faayidaa biraaf achitti kan gurguraman hin turre. Aarsaa dhiiga warreen kanaatiin fayyinni akka hin argamne, nagaan akka hin buune ibsuuf fi warreen kun hunduu Hoolaa Waaqayyoo isa fayyina hundaaf aarsaa ta'uuf jiruuf fakkeenya (gaadidduu) akka turanii fi amma yeroon isaanii irra darbuutti jiraachuu isaa agarsiisuuf warreen kana mana qulqullummaa keessaa gadi baase jedhu abboonni barumsa isaaniin!

  3. Tajaajila Mana Qulqullummaa

►Manni qulqullummaa kakuu haaraa Mana Kiristaanaati. Adeemsawwan tajaajila mana kiristaanaa maal akka fakkaachuu qabanii fi rakkoowwan tajaajila kesssa jiraachuu danda'an ta'ii kana keessaa arganna. Akkuma waliigalaatti manni qulqullummaa sun mana bittaaf gurgurtaa hamma fakkaatutti akka gahee ture dubbii Gooftaan isaanitti dubbate irraa waan hubatamudha. [Har'a hoo manni kiristaanaa akkamitti jirti laata? Dhuguma tajaajila dhugaatu ishee keessatti gaggeeffamaa jiraa?] Bittaaf gurgurtaan immoo jaalala maallaqaa fi faayidaa mataa ofii waliin kan wal qabatudha. Kunimmoo qulqullina tajaajilaa fi sirna waaqeffannaaf gufuu guddaadha. "Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latudha; namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa'atanii, amanticha (tajaajilicha) irraa badaniiru, waraansa baay'eedhaanis of waraananiiru" 1 Xim. 6:10

Warri Arii'aman Eenyu fa'a❓

  👉Warra Hoolaa Gurguran;

►Warreen kun tajaajiltoota mana kiristaanaa warreen Hoolicha Waaqayyoo (Iyyesuus Kiristoos) gammachiisuuf tajaajiluu osoo qabanii faayidaan mataa isaanii fi jaalalli horii isaan mo'ee deebisanii Hoolicha gurguranidha; jechuunis missiraachoo fayyinaa akka lallabaniif isaanitti kenname faayidaa mataa isaaniif oolchan jechuudha jedhee ibsa Q.Qeerloos guddichi. 

👉Sangoota fi Warra Sangoota Gurguran;

►Waa'ee warreen kanaa Awugisxinoos akkasitti ibsa; Sangoonni sun fakkeenya tajaajiltootaa (ergamtoota tajaajilaa) ti jedha. (1Qor. 9:9-10). Warreen Sangoota kana gurguran immoo kiristaanota warra Isa barsiisota/tajaajiltoota erge (Waaqayyoon) dhiisanii warreen tajaajiltoota duuka bu'anidha jedha. Kun rakkoo kiristaanonni Qoronxoos itti qoramaa turanii fi har'as mana kiristaanaa qoraa jirudha. (1Qor. 1:13). Amma amma, tajaajiltoonni ofii isaaniif hordoftoota fi deeggartoota walitti qabatan, sanuma keessa immoo daldala hojjetan baay'achaa dhufaniiru. Barumsi isaanii, faarfannaan isaanii waa'eedhuma mataa isaaniiti; walumaagalatti tajaajilli isaanii Kiristoosiin namootatti kan mul'isu osoo hin taane ofumaa namootatti of mul'isuuf kan itti fayyadaman ta'aa dhufeera. Dabalataan, akkuma warri Qoronxoos 'Ani kan Phaawuloos'; 'Ani immoo kan Aphooloos' jechaa turan sana har'as kiristanaonni 'ani barsiisaa abaluutu natti tola', 'Barsiisaa/phaaphaasii abaluu malee kaan tolumadha', 'faarfataa abaluu malee kaan akkanumaan iyyu'; 'tajaajilaa abaluuf qarshii walitti qabna'... jedhan baay'achaa jiru. Kuni hunduu daldala al-kiristaanummaa mana kiristaanaa keessa jirudha. 

  👉Warra Gugee Gurguran;

►Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo baay'ee Gugeen fakkeenya Afuura Qulqulluuti. Warreen kun tajaajiltootaa fi kiristaanota kennaa Afuura Qulqulluun akka tajaajilanii fi jireenya fayyina argamsiisu akka jiraatan isaaniif kenne gara qarshiitti/faayidaa lafarraatti jijjiiruun karaa Waaqayyoon gaddisiisuun ittiin daldalanidha. Kana keessatti kan gurguran qofa miti, kan bituuf yaalanis jiru. Akka fakkeenyaatti, Simoon isa seenaan isaa H.Erg 8:19-20 irratti barreeffame kaasuu dandeenya. Namichi kun nama kennaa Afuura Qulqulluu duuka bu'oota irraa Qr dhaan bituuf yaaledha. Q. Pheexiroos garuu nama kanatti dheekkame. Har'as hamma waan kennaan Afuura Qulqulluu qarshiidhaan argamu fakkaatutti hojiiwwan akka Simoon kana mana lubummaa keessatti argaa jirra. Tajaajiltoota daqiiqaa dubbatan lakkaawwatanii Qr gaafatan argaa jirra. Faarfattoota faaruu baasanii gurgurachuuf ariifatan malee warra waa'een qulqullina faaruu sanaa isaan hin dhiphisne argaa jirra.

Kennaa Afuura Qulqulluu bituuf ykn gurguruuf yaaluun akkuma Simoon nama dheekkamsiisa. Kitaaba Qulqulluu irrattis "...kan Afuura Qulqulluu arrabse dhiifamni hin godhamuuf" jedhameera. Maat.12:31.

►Warreen kun bittaaf gurgurtaan achi keessatti gaggeeffamu kun gufuu gama jijjiirraa maallaqaan dhufu tokko malee akka adeemsifamuuf warreen jijjiiraa maallaqa garaagaraa taasisaa turanidha. Isaan kallattiidhaan bittaaf gurgurtaa keessatti hirmaachuu baatan illee daldalichaaf warra haala mijeessaa turanidha. Warreen kana jechuun daldalawwan al-kiristaanummaa ta'an kanneen olitti ibsaman kanaaf kanneen haala mijeessanii fi dhaabbatanii harka rukutanidha; sababa garaagaraa irraa kan ka'e, ykn immoo nama sodaatanis ta'u, kallattiidhaan keessatti hirmaachuu baatanis garuu harka keessaa kan qaban jechuudha. 

► Mee amma immoo ofumatti deebina; nuyi mana qulqullummaa Waaqayyooti. (1Qor. 3:16). Mana kana keessatti hoo guyyaa guyyaatiin maaltu raawwatamaa jira laata? Dhuguma hojii Waaqayyoon gammachiisudhamoo akkuma Yihuudonni godhan sana nuyis mana daldalaa taasisneerra laata? Obbboleessa koo, nuyi faayidaa lafa irraa isa darbuuf jennee cubbuu meeqaaf dabarsinee of hin kenninee? Obboleessa/obboleettii keenya irratti hammeenyaan hin kakaanee? Jecha Isaa yeroo hunda nurratti dhangala'uuf deebii kennineerraa?; salphisnee bira hin darbinee?! Kana caalaa daldala maaltu jiraree?! Yihuudonni sirumaayyuu mana keessatti daldalan; nuyi immoo lapheedhuma keenya keessatti daldalaa jirra mitii?! Anaaf si'i daldala kana keessa bahuu hin qabnuuree?! "Humna kan naaf kennu Kiristoosiin hundumaa nan danda'a" (Filph.4:13) jennee ammaa jalqabnee of haa qulqulleesinu!

Torban eebbifame nuuf haa ta'u. Ameeen!

✍️Lammeessaa T. (Dn)

Saturday, March 1, 2025

QULQULLEETTI ቅድስት

Torbaan Lammaaffaa Sooma Gooftaa 

Torban 2ffaa sooma guddicha Qulqulleetti (qidisit) jedhama. Moggaasa maqaa kana kan kennefis Qulqullicha Yaareedidha. Qulqulleettii kan jedhameefis waa'ee Qulqullumma Waaqayyo, waa'ee qulqullummaa namaafi sanbataa waan dubbatuuf.

Qulqulluun Yaareed kitaaba sooma Digguwaa jedhu irratti torban kanaaf faarfannaa akkas jedhu kan inni faarfate.  "Waaqayyoof bitamaa, maqaa isaas waamaa, hojii isaas ormatti himaa, maqaa isaatiifis galata dhiheessaa, sanbata kabaja, waan gaariis godhaa, kan nyaattuun hin balleessine kan hattuun hin agarre galmee samiirraatti walitti qabadhaa, kan qophooftan tahaa, gara kiristoos jiru gara oliis yaadaa" jedha.  

Torban kun egaa torban Gooftaan keenyaa  Iyyasuus Kiristoos isaa kufe ol kaasuf kan dhadhabe utubuf kan Abdii kute abdii itti hooruuf gara addunyaa kanatti erga dhufe booda nu barsiisuf gara gadaamii Qorontoos seenun guyyaa inni sooma itti eegaledha (Maat 4:1_)

Torban kana keessaatti Qulqulleettin mana kiristaanaa keenyaa waa'ee Waaqayyoof bitamu, sagadu, galateeffachuun akka ta'uf fi Qulqulluumma isaa ni barsiisifti. Kana malees amantoota ijoolleeshee waa’ee qulqullummaa gadi fageenyaan yeroo bira caalaa torban kana keessa ni barsiifti. Sirna Qulqulleessa (“qiddaasee”) irrattis lallabni lallabamu, ergawwan dubbifamanis, hojii Ergamootaa fi wangeelli dubbifamanis waa’ee qulqullummaa kan barsiisanii dha. 

Akka walii galaatti torban kana:-  Waa'ee Qulqullummaa amala Waaqayyo, Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara lafaa kanaatti kan dhufe furii ta'ee dhiiga isaan nu qulqulleessuuf  akka ta'eefi nutis jireenya Qulqulluumman deddeebi'uu akka qabnu bal'inaan kan itti lallabamudha. 

A. Waaqayyo Amalummaa isaan qulqulluudha. 

Waaqayyo amalummaa isaan Qulqulluudha yoo ta'u qulqullummaan isaa eenyu irrayyuu kan hin arganne qulqullummaan amalaa isaan qabeenya isaati. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo amalummaa isaa  Qulqulluu akka ta'e irra deddeebi'uun ni dubbatu. Isa 6:1-3 Waaqayyo Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluun jedhame  akka galateeffamu nuuf heeraa. 

Qulqulluun Yohaanis "Si duwwatu qulqulluudha" jechuun Ergamoonni sammiirratti faarfanna garbicha isaa Muusedhan akka galatefatan barreesera (mul 14:3_5).  Waaqayyon kan dhageesse  Haannaanis "Akka waaqayyo qulqulluun hin jiru... Isa irraa kan hafee qulqulluun hin jiru"  jechuun faarfatteti.(1ffaa.Sam. 2:2). 

B. Kiristoos gara addunyaa kanatti kan dhufe nuyiif furii ta'e Dhiiga isan nu qulqulleessuf ture. 

Bu'uruma raajiin dubbatameefin barichi yeroo gahu gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos walooman nama ta'uun  dhiiga isaa kabajamaan nu bite, yakka keenya irraas nu qulqulleesse. Kitaabni Qulqulluus

" Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa." (1 Yoh 1: 7) jedhuun dhugaa kan mirkaneessa. Duuka bu'aan Qulqulluu Phaawuloosis haqama cubbu kan arganne garummaa Kiristoosiin akka ta'e erga warra Efesooniif erge irratti akkas jechuun caqaseera. "Akka badhaadhummaa ayyaana isaattis Kiristos dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin furamne, dhiifama cubbuus arganne." (Ef 1: 7) 

C. Jireenya Quqlullaa'aa akka jiraannuuf waamamne. 

"Inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta'aa! Inni caaffata qulqullaa'aa keessatti, "Ani qulqulluu waanan ta'eef, isinis qulqulloota ta'aa!" jedheera. (1Phe 1:15-16) jedhamuun bu'uruma barreeffame jireenya qulqullummaan deddeebi'uufi jiraachuuf dirqama afuura qabna.

Qulqulluun Phaawuloos " Xuraa'ummaatti utuu hin ta'in, qullaa'ummaatti akka jiraannuuf Waaqayyo nu waame." (1 Tasa: 4: 7) jechuun dubbateera. Waan kan ta'eef kan waamamneef xuraa’ummaaf osoo hin taane qulqullummaa, du'aaf osoo hin taane jireenyaaf, qaana'uuf osoo hin taane kabajaaf akka ta'e yeroo kamiyyuu dagachuu hinqabnu.

Waaqayyo gooftaan keenya qaama keenyan cubbuufi hammeenya akka raawwannu hin heyyamu. "Ammas cubbuun warra kajeellaa fooniitiif abboomaman akka isin hin godhannetti, dhagna keessan isa du'e keessatti isa hin moosisinaa! Bu'aa dhagna keessanii mi'a jal'inaa gochuudhaaf harka cubbuu jala hin galchinaa! Garuu akka namoota warra du'a keessaa ba'anii jireenya argataniitti, Waaqayyoof of kennitanii, bu'aa dhagna keessanii mi'a qajeelinaa gochuudhaaf harka Waaqayyoo jala galchaa! (Room 6:12-13) jechuun cubbuu akka jibbinu nu ajajaa.

Dhuma irratti kan waamamnef jireenya Qulqullaa'aa akka jiraannu akka ta'ee beekne yeroo hunda amantii jabadhaan gaabbii gallee jireenya jiraachuun nurra jira.

Galanni Waaqayyof haa ta'u! 


B/saa Guutamaa Goobanaa