Saturday, March 15, 2025

Matsaaguu/Dhukkubsataa

Torbee 4ffaa Sooma Guddichaa

 Yoh. 5:6 "Fayyuu Ni barbaaddaa?

Dubbisa
Diya.፦ Galaatiyaa 5:1-xummuraa
Diya. Garg.፦ Yaa'iqoob 5:14-xummuraa
Lub. Garg.፦ HDB.3:1-12
Luba.፦Yoh. 5:1-25

Misbaakii፦Far. 41:3-4

Matsaaguu jechuun dhukkubsataa jechuudha. Torbeen kuni guyyaa Gooftan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus kiristoos dhukkubsataa waggaa 38 irraa egalee siree isaarra cisaa ture dhukkubnisaa akka itti cime arguun nama akka hin qabne hubatee Haala ajaa'ba ta'een Fayyuu ni barbaaddaa jechuudhan gaafate. Dhukkubsataan kunis fayyuuf hangam akka ariifate ibsuun "Anoo nama hin qabu" jechuun deebise. Gooftanis  ka'i siree kee baachudhaan adeemi jedheen. Battaluma sanatti namichi waggaa hedduuf sireerraa ol jedhee hin beekne ol jedhee siree isaa baatee adeeme.

Waan nama gaddisiisu namichi kuni barootaf siree isaarra taa'ee namoota fayyanii deebi'an qofa ilaalaa ture. Guyyaa kana garuu bishaanin utuu hin taane raajidhaan namaan utuu hin taane uumadhaan yaadatamee dhukkuba isaarraas fayye.

Gooftan maalif gara Beetesaayidaa dhufe?

Beetesaayidaan iddoo namoonni itti cuuphaman yoo ta'u; cinaa sana immoo balbala hoolootni aarsadhaaf dhufan ittiin seenanitu jira. Hoolota keessaa filamuun gara kanatti aarsadhaaf galu ture. Gooftan keenya Iyyasuus kiristoos garuu Aarsan kakuu haaraa hoolan qaraaniyoo kan nama hunda bilisa baasu anadha jedhee nu barsiisuf gara sanatti dhufe.

1ffaa Phex. 1:18-19"Abboolii keessan irraa kan dhaaltan jireenya keessan waa'ee hin baasnerraa wanta darbu maallaqa yookin warqeedhan utuu hin taane xuraa'ummaa fi yarummaa kan hin qabne akka dhiiga hoolaa dhiiga kabajamaa kiristoosin akka bitamtan ni beektu."

Gooftan dhukkubsataa kanaan maalif fayyuu ni barbaaddaa jedheen?

Nama bishaan fayyinaa seenuf waggaa heddu taa'e akkamiin fayyuu ni barbaaddaa jedhee gaafate?

Nama fayyuuf jedhee utuu hin nuffin guyyaa kana hunda dabaree eegate akkamin fayyuu ni barbaaddaa jedhee gaafate?

Jabinni naafa kanaa ajaa'ibaadha: waggaa 38 guutuu guyyaa tokko nan fayya jedhee eeggachaa ture. Gooftan cimina namicha kanaa nu barsiisuf malee deebiin naafa kanaa maal akka ta'e wallaalee miti kan isa gaafate; Obsa nama kanaa akka barannuuf garuu gaafate 

Ayihuudonni sababa barbaadu waan ta'eef heeyyamsiisee fayyisuuf akkasumas guyyaa sanbataan fedhii koo malee na fayyise akka hin jenneef fayyuu ni barbaaddaa jedhee heeyyamasaa gaafate. Inni garuu ni fayyisa jedhee utuu hin taane gara bishaan cuuphaa sana na geessa yookin immoo warra achi jiran keessaa tokko naaf ajajee akka na geessan taasisa jedheeti. Gooftan keenya Iyyasuus kiristoos garuu jecha isaa tokkichaan ka'i yoo jedhu ni ka'e.

Nama hin qabu

Dhuguma dhukkubsataan kuni fayyuu ni barbaaddaa yeroo jedhametti deebin inni deebise baay'ee abishaanichi Deebii gaaffii gaafatame waliin hin deemne deebise. Namni fayyuu ni barbaaddaa yoo jedhamee gaafatame Eeyyeen yookin lakkii jedha ture inni garuu "Gooftaa koo yeroo bishaanichi socho'u nama na galchun dhabe" jedhe. Waan keessi isaa ittiin madaa'e Gooftatti dubbate. Gara bishaanitti seenun utuu hin taane dubbii uumaa isaatin; Eebba ergamaatin utuu hin taane waaqa ergamootatiin fayye.

Sireen

Sireen isaa siree sibiilaa ulfaataa ture namni waggaa 38f qaamni isaa hojii dhaabanii turan humna waaqatiin garuu ba'aa guddaa kana baachuun adeeme. 

Matsaagun kan isa fayyise dagate sobaanis itti murteesse

Matsaagun erga fayyee Rakkinaa fi dhiphina keessa ture sana ni dagate. Nama isa fayyises dagate. 

Yoh. 5:13 "Kan isa fayyise hin beekne"

Kan kana caalu akka sin arganne deebitee hin balleessin. Yoh. 5:14

Matsaagun nama isa fayyise utuu hin beekin Gooftaa wajjin mana qulqullummaatti wal argan. Gooftanis akkas jedheen "Egaa fayyiteetta kan kana caalu akka sitti hin dhufne kana booda cubbuu hin hojjetin" jedheen.

Namichi kuni garuu deemee kan isa fayyise Iyyasuus akka ta'e itti hime.

Boodarras Gaafa Gooftan murteedhaf mootota fuuldura dhaabbatu harka isaatin boquu isaa kabale.

Harki waggaa gedduuf Sireerraa ol jechuu dadhabe guyyaa sana garuu jabaatee kan isa fayyise Goofkan rukkute.

Waggaa hedduuf dhukkuba waliin kan ture Gooftan dhukkubarraa isa foo'e inni garuu didee dhukkubaan araarame. Dhukkuba foonii irraa fayyee ture. Deebi'ee cubbuu hojjechuu isaatin garuu sana kan caalu dhukkuba lubbuu dhukkubsate.

Waaqayyoon siree dhukkubbii irratti ni gargaara

Yeroo dhukkubbii isaas ciisicha isaa ni sirreessaf(Far. 41:3) akkuma jedhe qulqullichi nama dhukkubsatee gargaarsa hin qabne waaqayyoon akka akka gargaaru nu barsiisa. 

Kabajamtoota maatii kiristiyaanotaa hunda keenya waaqayyoon har'a nu gaafata; "fayyuu ni barbaadduu" cubbuu keessaa bahuu ni barbaadduu nuun jechuun nu gaafata. Dhukkuba fooni fi lubbuu keenyaa irraa akka nu fayyisuuf heeyyama waaqa keenyaa nuuf haa ta'u!!!



No comments:

Post a Comment