Torbee 3ffaa Sooma Guddichaa
Seensa
Mikuraab jechuun mana Yihuudonni sirna waaqeffannaa isaanii itti gaggeeffatanidha. Kunis immoo Israa'eloonni (Yihuudonni) bara kakuu moofaatti sababa weerara Diyooqilxaanosiin manni qulqullummaan isaanii inni guddaan Iyyarusaalem keessa jiru erga jalaa diigamee fi ofii isaaniis bakka garaagaraatti waan faca'aniif bakka faca'anii jiraatan hundatti mana sagadaa qabaachaa turan.
“Kanaafis ati, "Waaqayyo gooftaan, 'Ani saba lafa irraa keessa biyya fagootti yoon isaan erge iyyuu, biyya garaa garaa keessa yoon isaan bittimse iyyuu, ani biyya isaan dhaqan hundumaa keessatti yeroo muraasaaf mana qulqullummaa isaaniif ta'eera' jedha" jedhii dubbadhu!” His. 11:16. Manni sagadaa sunis 'Mikuraab' jedhama ture. Moggaasa
Moggaasni torbee 3ffaa Sooma guddichaa Mikuraab jedhamuun isaa faarfannaa Qulqulluu Yaared torban kana faarfatamu, "Gooftaan keenya Iyyasuus gara Mikuraaba Yihuudotaa seene; dubbii amantaa barsiise; aarsaa caalaa dhiifama gochuun jaaladha; gooftaan Sanbataa, abbaan araaraas anadha; Ilmi namaa sanbataaf gooftaa isheeti. Mana Abbaa koo bakka daldalaa hin godhiinaa; manni koo mana kadhannaa jedhama. Gara Mikuraaba isaanii seenee akka callisaniif isaanitti dheekkame. Isaanis barumsa isaa, surraa jecha isaa, mi'aawina dubbii isaa fi collummaa dubbii afaan isaas ajaa'isiifatan. (Kitaaba Sooma Diggowaa irraa kan fudhatame)" jedhu irraa dhufe.
Barumsa
Torban kana addatti waa'ee ta'ii (event) mana sagadaaa Yihuudotaa (Mikuraab) keessatti ta'e tokkotu lallabama. Ta'iin kuni dhimmoota dubbii waaqummaa, dubbii fayyinaa, dhimma tajaajila afuurawaa fi afuurummaa Ortodoksawaa of keessaa qaba. Waan ta'e kana Q.Yohaannis wangeela isaarratti akkasitti ibsa; "Ayyaanni Faasikaa warra Yihuudootaa geenyaan, Iyyesuus gara Yerusaalemitti ol ba'e. Mana qulqullummaa keessattis namoota iddoo sana taa'anii sangoota, hoolota, gugees gurguran, warra horii callaa gegeddaranis arge. Yommus Inni quncee irraa qaccee dha'atee, hunduma isaanii hoolota isaanii fi sangoota isaanii wajjin gad isaan oofe; horii warra horii gegeddaranii in bittimse, gabatootas gad garagalche. Warra gugee gurguraniin immoo, “Kana keessaa gad baafadhaa! Mana abbaa kootiis mana bitaa gurgurtaa hin godhinaa!” jedheen. Yommus bartoonni isaa, “Hinaaffaan mana keetii na guba” jedhamee isa caafame yaadatan" Yoh. 2:13-17
Ta'iin Kun Eessatti Ta'e?
►Ta'iin kun Mikuraaba Yihuudotaa keessatti ta'e. Mikuraabni kun Waaqayyoo isa bakkaan hin daangeffamne, samii fi lafni illee isa baachuu hin dandeenye (1Mot 8:27) bakka wayiitti daangessuuf osoo hin taane bakka Waaqayyoo itti ijoollee isaa eebbaan, ayyaanaan isaan daawatudha. Kana ibsuuf, Solomoon yammuu mana qulqullummaa ijaaree xumuretti Waaqayyo samiirra taa'ee akkas jedhe, “Waaqayyos jedhe, kadhannaa fi iyyata kee fuula koo duratti taasiste dhagaheera; bara baraan maqaan koo akka as buluuf mana ati ijaarte kana eebbisee qulqulleesseera; ijoonni koo fi lapheen koos baroota hundumatti as ni ta'a” (1Mot 9:3). Asirratti wanti biraan ibsamee jiru eegumsi Waaqayyoo yeroo hunda mana kana irra ta'uu isaati. Kanatti aansuun dhimmoota ta'ii kana keessaa hubachuu dandeenyu gabaabsinee ilaaluu yaalla.
- Dubbii Waaqummaa
►Akkuma olitti ibsame Kiristoos, "Mana Abbaa koo mana bittaaf gurgurtaa hin godhiinaa" jedhee ture. Qulqulluun Qeerloos guddichi dubbii waaqummaa as keessa jiru yoo ibsu, "Abbaa koo" jedhe malee "abbaa keenya" hin jenne. Kanaanis Inni qofaa isaa amalummaadhaan Ilma Abbaa ta'uu isaa, kanaanis immoo waaqummaadhaan Abbaa waliin tokko akka ta'e ibse jechuudha. Warreen Inni isaan itti dubbachaa ture illee ijoolleedhuma Waaqayyooti; kuni garuu uumaa isaanii ta'uu isaatiin fi kennaadhaanidha malee kan amalummaa miti. Kanaaf Kiristoos kaan irraa adda of baasee, "Abbaa koo" jedhe jechuudha.
2. Dubbii Fayyinaa
►Wantoonni Kiristoos akka mana qulqullummaa keessaa akka bahan taasise sun (Sangaan, Gugeen, Hoolaan) beeyladoota aarsaa kakuu moofaa sanaaf oolan turanidha malee faayidaa biraaf achitti kan gurguraman hin turre. Aarsaa dhiiga warreen kanaatiin fayyinni akka hin argamne, nagaan akka hin buune ibsuuf fi warreen kun hunduu Hoolaa Waaqayyoo isa fayyina hundaaf aarsaa ta'uuf jiruuf fakkeenya (gaadidduu) akka turanii fi amma yeroon isaanii irra darbuutti jiraachuu isaa agarsiisuuf warreen kana mana qulqullummaa keessaa gadi baase jedhu abboonni barumsa isaaniin!
3. Tajaajila Mana Qulqullummaa
►Manni qulqullummaa kakuu haaraa Mana Kiristaanaati. Adeemsawwan tajaajila mana kiristaanaa maal akka fakkaachuu qabanii fi rakkoowwan tajaajila kesssa jiraachuu danda'an ta'ii kana keessaa arganna. Akkuma waliigalaatti manni qulqullummaa sun mana bittaaf gurgurtaa hamma fakkaatutti akka gahee ture dubbii Gooftaan isaanitti dubbate irraa waan hubatamudha. [Har'a hoo manni kiristaanaa akkamitti jirti laata? Dhuguma tajaajila dhugaatu ishee keessatti gaggeeffamaa jiraa?] Bittaaf gurgurtaan immoo jaalala maallaqaa fi faayidaa mataa ofii waliin kan wal qabatudha. Kunimmoo qulqullina tajaajilaa fi sirna waaqeffannaaf gufuu guddaadha. "Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latudha; namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa'atanii, amanticha (tajaajilicha) irraa badaniiru, waraansa baay'eedhaanis of waraananiiru" 1 Xim. 6:10
Warri Arii'aman Eenyu fa'a❓
👉Warra Hoolaa Gurguran;
►Warreen kun tajaajiltoota mana kiristaanaa warreen Hoolicha Waaqayyoo (Iyyesuus Kiristoos) gammachiisuuf tajaajiluu osoo qabanii faayidaan mataa isaanii fi jaalalli horii isaan mo'ee deebisanii Hoolicha gurguranidha; jechuunis missiraachoo fayyinaa akka lallabaniif isaanitti kenname faayidaa mataa isaaniif oolchan jechuudha jedhee ibsa Q.Qeerloos guddichi.
👉Sangoota fi Warra Sangoota Gurguran;
►Waa'ee warreen kanaa Awugisxinoos akkasitti ibsa; Sangoonni sun fakkeenya tajaajiltootaa (ergamtoota tajaajilaa) ti jedha. (1Qor. 9:9-10). Warreen Sangoota kana gurguran immoo kiristaanota warra Isa barsiisota/tajaajiltoota erge (Waaqayyoon) dhiisanii warreen tajaajiltoota duuka bu'anidha jedha. Kun rakkoo kiristaanonni Qoronxoos itti qoramaa turanii fi har'as mana kiristaanaa qoraa jirudha. (1Qor. 1:13). Amma amma, tajaajiltoonni ofii isaaniif hordoftoota fi deeggartoota walitti qabatan, sanuma keessa immoo daldala hojjetan baay'achaa dhufaniiru. Barumsi isaanii, faarfannaan isaanii waa'eedhuma mataa isaaniiti; walumaagalatti tajaajilli isaanii Kiristoosiin namootatti kan mul'isu osoo hin taane ofumaa namootatti of mul'isuuf kan itti fayyadaman ta'aa dhufeera. Dabalataan, akkuma warri Qoronxoos 'Ani kan Phaawuloos'; 'Ani immoo kan Aphooloos' jechaa turan sana har'as kiristanaonni 'ani barsiisaa abaluutu natti tola', 'Barsiisaa/phaaphaasii abaluu malee kaan tolumadha', 'faarfataa abaluu malee kaan akkanumaan iyyu'; 'tajaajilaa abaluuf qarshii walitti qabna'... jedhan baay'achaa jiru. Kuni hunduu daldala al-kiristaanummaa mana kiristaanaa keessa jirudha.
👉Warra Gugee Gurguran;
►Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo baay'ee Gugeen fakkeenya Afuura Qulqulluuti. Warreen kun tajaajiltootaa fi kiristaanota kennaa Afuura Qulqulluun akka tajaajilanii fi jireenya fayyina argamsiisu akka jiraatan isaaniif kenne gara qarshiitti/faayidaa lafarraatti jijjiiruun karaa Waaqayyoon gaddisiisuun ittiin daldalanidha. Kana keessatti kan gurguran qofa miti, kan bituuf yaalanis jiru. Akka fakkeenyaatti, Simoon isa seenaan isaa H.Erg 8:19-20 irratti barreeffame kaasuu dandeenya. Namichi kun nama kennaa Afuura Qulqulluu duuka bu'oota irraa Qr dhaan bituuf yaaledha. Q. Pheexiroos garuu nama kanatti dheekkame. Har'as hamma waan kennaan Afuura Qulqulluu qarshiidhaan argamu fakkaatutti hojiiwwan akka Simoon kana mana lubummaa keessatti argaa jirra. Tajaajiltoota daqiiqaa dubbatan lakkaawwatanii Qr gaafatan argaa jirra. Faarfattoota faaruu baasanii gurgurachuuf ariifatan malee warra waa'een qulqullina faaruu sanaa isaan hin dhiphisne argaa jirra.
Kennaa Afuura Qulqulluu bituuf ykn gurguruuf yaaluun akkuma Simoon nama dheekkamsiisa. Kitaaba Qulqulluu irrattis "...kan Afuura Qulqulluu arrabse dhiifamni hin godhamuuf" jedhameera. Maat.12:31.
►Warreen kun bittaaf gurgurtaan achi keessatti gaggeeffamu kun gufuu gama jijjiirraa maallaqaan dhufu tokko malee akka adeemsifamuuf warreen jijjiiraa maallaqa garaagaraa taasisaa turanidha. Isaan kallattiidhaan bittaaf gurgurtaa keessatti hirmaachuu baatan illee daldalichaaf warra haala mijeessaa turanidha. Warreen kana jechuun daldalawwan al-kiristaanummaa ta'an kanneen olitti ibsaman kanaaf kanneen haala mijeessanii fi dhaabbatanii harka rukutanidha; sababa garaagaraa irraa kan ka'e, ykn immoo nama sodaatanis ta'u, kallattiidhaan keessatti hirmaachuu baatanis garuu harka keessaa kan qaban jechuudha.
► Mee amma immoo ofumatti deebina; nuyi mana qulqullummaa Waaqayyooti. (1Qor. 3:16). Mana kana keessatti hoo guyyaa guyyaatiin maaltu raawwatamaa jira laata? Dhuguma hojii Waaqayyoon gammachiisudhamoo akkuma Yihuudonni godhan sana nuyis mana daldalaa taasisneerra laata? Obbboleessa koo, nuyi faayidaa lafa irraa isa darbuuf jennee cubbuu meeqaaf dabarsinee of hin kenninee? Obboleessa/obboleettii keenya irratti hammeenyaan hin kakaanee? Jecha Isaa yeroo hunda nurratti dhangala'uuf deebii kennineerraa?; salphisnee bira hin darbinee?! Kana caalaa daldala maaltu jiraree?! Yihuudonni sirumaayyuu mana keessatti daldalan; nuyi immoo lapheedhuma keenya keessatti daldalaa jirra mitii?! Anaaf si'i daldala kana keessa bahuu hin qabnuuree?! "Humna kan naaf kennu Kiristoosiin hundumaa nan danda'a" (Filph.4:13) jennee ammaa jalqabnee of haa qulqulleesinu!
Torban eebbifame nuuf haa ta'u. Ameeen!
✍️Lammeessaa T. (Dn)
No comments:
Post a Comment