Saturday, March 22, 2025

Tulluu Ejersaa(ደብረ ዘይት)

 Torbee 5ffaa

Dubbisa sirna galatoo
Dn :- 1ffaa Tesen 4:13
Dn Garg :- 2ffaa phex
Luba Garg:-
Misbaakii:-49(50):3
Luba:- Mat 24:1-24

 Far 49(50):3 waaqayyoon ifatti ni dhufa.

Tullu Ejersaa jechuun lafa gaara mukni ejersaa irraatti argamu jechuudha. Iyyeeruusaaleem irraa karaa bahaatiin gaara argamudha. Guyyaa kun guyyaa gooftaan keenyaa Iyyeesuus Kiriistoos Duuka Bu'oota; waa'ee dhufaatii 2ffaa fi mallattoolee dhumaa addunyaa itti barsiiseedha.

Waaqayyoon ifatti ni dhufa, hin callisuus fuula isa fulduratti ibiddi ni labooba jedhamee raajii dubbatamees ni rawwatama. Dhufaatiin waaqayyo akkuma ol    bahiinsa isaa foon dubroo Maariyaamiin uffaate ol bahe ifatti deebi'e ni dhufa. Yeroo waaqni keenya Iyyeesuus kiriistoos dhufuu mallattooleen kunniin ni ta'u. uummanni ummata irraatti, mootuummaan mootuummaa irraatti ni ka'a. Biyyatti keessatti waraanni, kirkirri lafa, beelli, rakkinni, gidiraan, qorumsi ni baayyata. Isiin garuu hin rifatina, hin sodaatinaas.

Gooftaan keenya Iyyeesuus Kriistoos maaliif dhufa?

"Kunoo ariitiin nan dhufa, akka hojii isaaniitti kanfaluuf gatiin isaanii ana bira"  m.yoh 22:12

Guyyaan kun guyyaa murtiiti. Guyyaa galmeen keenya saqamee ilaalame murtii jireenya fi du'a itti murtaa'udha. Kabaja waaqummaa isaan yeroo dhufutti du'a ijaan ilaala ni dhufa. Amantoota isaaf kabaja ni laata. Cubbamtoonni ni boo'u, qulqulloonni ni gammadu, duuti ni du'a jireenyi ni moo'a. Namni jireenyaaf du'aa ni ka'a.

Yaa maatii kiriistoos dhufaatii  2ffaa kun  nuuf maal ta'a laata? jireenya baraa baraaf moo du'aa baraa baraati?
Waaqayyoo abbaan keenya du'a irraa nu haa oolchu. jireenya du'aan hin jijjiramne nuuf haa kennu. Ameen!!!

Dn Dekeba



No comments:

Post a Comment