Saturday, April 5, 2025

Niqoodimoos

 

Wangeela Yohaannis 3:1-21

Gooftaan keenya Fayyisaan keenya iyyasuus Kiristoos yero fooniin biyya lafaa kanarratti dhukkubsattoota foonii raajii isaatiin;dhukkubsattoota Lubbuu jecha isaatiin fayyisaa, barsiisaa fi mootummaa samii seenuun karaa isaatiin malee akka hin jirre hubachiisaa, Ilma waaqayyoo ta’uu isaa, akkasumas Namni isatti amane tasumaa kan hin banne ta’uusaa ibsaa turetti; Namoonni amalaan, gosaan (saba Israa’eel fi Saba ormoota ), beekumsaa fi Ilaalchaan garaa gara ta’an bakka inni oolutti isa faana oolanii; Bakka inni bulutti isa faana bulanii kaan sagaleesaa soorachaa kaan immoo ajaayiba isaatiin nyaataa fi fayyina irraa argachuuf isa hordofu turan. (Yoh 6:5-15, Mat 14:13-21, Mat 9:18-xumuraa fi kkf) 

Magaalaa iyyerusaalem keessa garuu namni tokko ni jira. Seera tokko lama jedhee kan barate; Kan eegu fi kan eegsisu nama kabajamaa fi ulfaataa “FARIISICHA”. Inni akka namoota kaanii bakka Iyyesuus argamu hundatti argamee barachuu hin danda’u ture sababni isaas FARIISI waan tureef.

FARIISII- Jechuun kan adda bahe, seera barachuuff akkasumas barsiisuuf kan filatame jechuudha. Fariisonni akka namni seera eeguuf haa barsiisaniyyuu malee ofii isaaniif gaafa ilaalaman garuu seera sanaaf amanamoo hin turre. Inumaayyuu namoonni biroon amantaan xuraawoo akka ta’anitti lakkaa’u. Ofii isaaniif garuu qulqulluu ofiin jedhu. Seera muse eeguu irratti baayyee ilaalcha jabaa fi wantoota xixiqqoo irratti xiyyeeffachuun beekamu. (Mat 9:14, 23:15, Luq 11:39, 18:12). Gooftaanis waa’ee isaanii wangeela keessatti dubbateera. (Mat 23:13, Luq 11, Mat 23:27-28). Fariisonni beekamoon  maqaan isaani kitaaba qulqulluu keessatti barreeffaman Niqoodimoos, Gamaaliyaal isa saa’oliin barsiise fi Saa’ol isa boodarra duuka bu’aa Phaawuloos jedhame fa’a. (Yoh 3:1, HoE 5:34, HoE 9:1-30, 22:6-16, 26:12-18)

Egaa fariisichi Niqoodimoos seers caalaa dhugaan tokko akka jiru keessa isaatti barbaadaa ture. Jireenyi seera qofaa keessa akka hin jirre ni beeka ture. Namni kun Iyyesuus Masihii akka ta’e dhugaa baheera. Haa ta’uuti garuu ammallee iccitiin isa jalaa dhokate ni jira ture. Saayinsiin kan mirkanaa’uu hin dandeenye, Falaasamaan kan hin ibsamne Iccitiin fayyina namaa isaaf hin galle ture.

Guyyaan isaa geenyaan galgalaan gara Gooftaa deeme. Gooftaanis isa hin leeyyaasifne iccitii isa guddaa kana ifa godheef. Dhoksaan akka kanaa sababa Niqoodimoosiin har’a hunduma keenyaaf ife. Kan beeknu ni dubbanna , Kan argines dhugaa ni baana. Kan isatti amane hunduu jireenya barabaraa akka argataniifi malee akka hin banneef waaqayyo tokkicha ilmasaa dabarsee hanga kennutti Addunyaa jaalateerawoo. Addunyaan isaan haa fayyuuf malee, addunyaatti akka murteessuuf Ilma isaa gara biyya lafaatti hi ergine. Isatti kan amane itti hin murtaa’u. Isatti kan hin amanne garuu amma itti murtaa’eera, tokkicha ilma waaqayyootti hin amanne waan ta’eef.

Niqoodimoos ni amane Waa’ee Iyyasuusiif fuula abboota firdiitti falmuu eegale,(Yoh 7:50-51). Yoseef isa Armaatiyaa faana ta’uun qaama (foon) Iyyasuus Fannoo irraa buusee awwaalcha haaraa keessa kaa’e.(Yoh 19:38-42, Mat 27:57-60). Ilaalchi seeraa inni duraan qabu jijjiiramee dhaloota lammaffaatiin uumama haaraa ta’e. iyyesuus madda dhugaa hundumaa fi hiika jireenyaa ta’uu bare.

Yeroo ammaa kanatti iccitii barachuu fi barsiisuu caalaa, seeraaf inaftuu ta’uun geggeessitootaa fi tajaajiltoota bara kanaa kan taanu biratti bal’inaan mul’ata. Seerri barbaachisaa dha , garuu kiristaanonni seerri keenya inni hunda caalu “Jaalala”. (1Yoh 4:18-xumuraa). Kanaaf jaalalarraa kan ka’e waa’ee waaqayyoo wal barsiisuu fi amantaatti wal jabeessuun nurraa eegama. Seera namni hordofu garuu cubbuutti kufa waan ta’eef. (Rom 7:1-xumuraa).

Asirratti wanti biraan beekuu qabnu namni waan amanu beekuu akka qabudha. Maatiin keenya amantaa keenya kana keessatti nu guddisaniiru ta’a. kaan immoo obboloonni keenya , abboonni keenyaa fi karaa gara garaan dhugaa nutti ba’amee amanneerra ta’a. Garuu wanti nuti amannee jirru kun maatiin keenya waan gochaa turaniif, yookiin hiriyyoonni keenya waan raawwataniif yookiin immoo abboonni keenya waan nu ajajaniif wantoota gaaffii nutti ta’an waliin walitti qabnee amanaa jirramoo waan amannu beekna laata? Noqoodimoos “Akkamitti?” jedhee gaafate. Barnoonni amantaa , sirnootni gara garaa, aadaan fi taatewwan mana kiristaanaa keessatti raawwataman maalidha jennee gaafachuu qabna. Yoo ta’uu baate garuu yeroo ammaa kanatti waa’ee Masihii isa sobaa kan barsiisan Wangeela addaa isa duuka bu’aa qulqullu Phaawuloos jedhe (Gal 1:6-9) kan barsiisan baayyataniiru waan ta’eef waa’ee amantaa keenyaa “Maaliif?, Akkamitti?, Yoom?, Eessatt?, Eenyu?” Jennee gaafachuun dirqama. Tajaajiltoonnis Amantoota barumsaa fi gorsaan jabeessuun dirqama.

Akka walii galaatti kitaaba qulqulluu keessatti gaaffii gaafachuun barbaachisaadha. Kanas fakkeenyota armaan gadiitiin ilaallee xumurra.

1.  Museen , “…. Ani Eenyu?” Seera ba’uu 3:11

2.  Philaaxoos, “…. Dhugaan maali?” Yoh 18:38

3.  Namoota 3000, “… maal haa goonu?” HoE 2:37

4.  Baakoos, “…Akkan hin cuuphamneef maaltu na dhorka?” HoE 8:36 fi kkf 

Namoonni olitti ibsaman gaaffii gafachuu isaaniin jireenyi isaanii hanga xumuraatti gaarummaan jijjiirameera. Nutis gaafachuu keenyaan hubannaa akka argannuuf waaqni nu haa gargaaru.

Ammas obboloota koo Gammadaa, Jabaadhaa, Obsaa, yaada tokko ta’aa, nagaatti jiraadhaa, Waaqayyo inni jaalalaa fi nagaa isinii wajjin haa ta’u. Yaada qulqullaa’aatiin nagaa wal gaafadhaa, warri qulqullaa’oon hundi nagaa isiniif dhaamu. Ayyaanni gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos, Jaalalli Waaqayyoo, Tokkummaan Afuura Qulqulluu Hunduma Keessani wajjin Haa ta’u.  2Qor 13:11

 Ameen!

Dn Eebba

No comments:

Post a Comment