Seenaa Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos.
Miidiyaa Waldaa Sillaasee || Finfinnee, Itoophiyaa
Adoolessa 5,2017 B.A
- Qulqulluu Pheexiroos
Qulqulluu Pheexiroos qarqara galaana Galiilaa Betasaayidaatti dhalate. Maqaan abbaa isaa Yoonaas jedhama. Umurii isaa waggaa shanii kaasee magaalaa Qifirinaahoom keessatti kan guddate yoo taʼu, dargaggummaa isaatti obboleessa isaa Indiriyaas wajjiin galaana Galiilaa irratti qurxummii kiyyeessuu jalqabe. Yeroo duuka bu’aa ta’ee filatamu umuriin isaa waggaa 65 akka ture himama; gara Gooftaa keenyatti kan isa fides obboleessa isaa Indiriyaas ture.
Qulqulluun Pheexiroos Barnaabaasii fi lallabaa Wangeelaa Maarqoos wajjiin firooma qaba ture. Abbaan Maarqoos, Aristoobuloosii fi Barnaabaas karaa haadha isaanii obbolaa turan. Qulqulluun Pheexiroos obboleettii Barnaabaasii fi Aristoobulos fuudhe waan ta’eef gaa’elaan firooma qabu. Qulqulluun Pheexiroos gara duuka bu'ummaatti yeroo waamame kiyyoo, bidiruu fi abbaa isaa dhiisee Gooftaa isaa duukaa bu’e.
Qulqulluun Pheexiroos utubaa ykn duuka butoota iccitii Yohaannisiifi Yaa'iqoob waliin kan lakkaa’amudha. Gooftaan halkan galaana Xibriyaadoos irra yeroo deemu argee, “Gara kee akkan dhufu na ajaji” jedhe gaafate. Gooftaanis eeyyama erga kenneefi booda gidduutti shakkuu jalqabee bishaan keessa lixuu jalqabe. Gooftaanis, “Amanaa malee kan hin amanin hin ta'iin” jechuun isaati lole (dhekkaame) bishaan keessa lixu irra fayye.(Maat. 14:22-33) Yaa’ii Qiffirinaahoomitti yeroo gooftaan waa’ee icciiti Qurbaana barsiisu Ayuudonnii baay’een waan hin galleef duubaatti deebi’anii turan. Duuka buutonnis, “Baay’een isaanii gara duubaatti deebi’an.” Yeroo kanatti Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Duuka buutonni, “Isin illee deemuu ni barbaadduu?” jedhee gaafateen. Yeroo kanattis, “Gooftaa, gara eenyuutti deemna? ati jecha jireenya bara baraa qabda.Ati immoo Kiristoos ilma Waaqayyoo isa jiraataa ta’uu kee ni amanna” jechuun duuka buutota kan bakka bu’ee kan deebisee isa.(Yohaannis 6:66-68)
Qulqulluun Pheexiroos Gooftaa ni jaalata ture. Garuu jaalalli isaa inaaffaan waan makameef, Gooftaan keenya duursee waa’ee du'a isaa yeroo itti himus irratti hin ta'in jedhee falmee ture.( Maatiwoos 16:23 ). Boodarra ofitti amanamummaadhaan, “Hundi yoo siin dogoggoran iyyuu, ani gonkuumma si hin ganu” jedhee dubbate. Gooftaanis, “Dhugaan siin jedhaa osoo lukkuun hin iyyiin si’a sadii na ganta” jedheen, garuu “Si waliin du’uun yoo barbaachisellee yoomiyyuu si hin ganu” jedheera. (Maatiwoos 26:34)
Pheexiroosis jecha isaa eeguuf yaalee ture, garuu akkuuma Gooftaan jedheen yeroo sadii jecha ganiinsaa dubbateen booda gaabbiidhaan deebi’ee, Gooftaanis har’as akka isa jaalatu itti agarsiisuuf Galaana Xiberiyaasitti itti mul’ate. (Yohaannis 21:1)
Yeroo sadii isa gane waan tureef, qajeelfama kenneef. Amma, Qulqulluu Pheexiroos ofitti amanamummaan isaa bu’aa akka hin arganne waan beekuuf, “Na jaalattaa?” beekumsi ofii isaa garamitti akka isa geesse waan beekuuf, Gooftaan keenyas inni haaloo bahuu (kan haaloo bahuu dhiisuu) ta’e, har’as akka isa jaaladhu, kabaja har’as itti kenne akka hin dhabne, sababni isaas gaabbiidhaan waan deebi’eef itti hime. Innis “ilmoolee koo bobbaasi, hoolota koo eegi, hoolota koo bobbaasi” jedhee imaanaa itti kenne. Kanumaanis akkaataa boqonnaa isaa akkamitti Waaqayyoon ulfina akka kennuuf itti himee gara samiitti ol baʼe.(Yohaannis 21:15-17)
Qulqulluun Pheexiroos kanaan dura Mana Murtii Angafa Lubaa Qayyaafaatti Gooftaa isaa ganee ture, humna Afuura Qulqulluu erga fudhatee booda, waa’ee Kiristoos Fayyisaa Addunyaa yeroo mana yaa’ii Yihuudootaa nama dhukkubsate fayyise jedhamee himatame ija jabinaan ragaa ba’eera. Qulqulluu Pheexiroos duuka bu'aa jalqaba Qorneeliyoosiin cuuphuudhaan ormootaaf wangeela lallabe ture. Duuka bu'aan kun ayyaana Waaqayyo isa hundumaa danda’uun dhukkubsattoota illee fayyiseedha.(Hojii Duuka Buutotaa 5:15).
Akka seenaan Mana Kiristaanaa ibsutti Qulqulluun Pheexiroos Filiisxeemiin, Sooriyaa, Beephantoon, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Biitaaniyaa fi Roomaa keessatti lallabaa ture.Qulqulluun Pheexiroos Qulqulluu Phaawuloos waliin waggaa tokkoof Roomaa keessatti erga barsiisee booda lakkoofsi Kiristaanota Roomaa baay’achuun Kiristaanummaan aangawoota Roomaa bira ga’e. Haadhotii manaa Albinoosii fi Agiriiphaa, aangawoota dhiyoo Neeroo turan, amantii Kiristaanaa fudhatan. Yeroo kanatti Neeroon mootiin Roomaa baayʼee isaanitti aaree ture.
Neeroon bara 64 Dh.K.D.tti Roomaa keessatti mootii ta’e. Jalqaba bulchiinsa isaatti nama gaarii ture. Garuu bara bulchiinsa isaa keessa gara jabummaan isaa mul'achuu waan jalqabeef ilma abbaa isaa ajjeese. Bara 69 Dh.K.D, haadha isaas summiin ajjeese.
63 Dh.K.Bara , barsiisaa isaa isa barsiise ajjeesee, bara 62 Dh.K.D, haadha warraa ijoollummaa isaa Agtaasiyaa ajjeese. Ishee booda haadha manaa isaa Paapiyaa ajjeese. Bara 64 Dh.K.D. Neeroon magaalaa Roomaa masaraa isaa magaalaattiin ala jiru keessatti ibidda qabsiise. Ummanni Roomaa balaa kanaan baayʼee aaraniiru. Neeroon Kiristaanota ariʼata ture. Kanarraa kan ka’e oduun gosa lamaa Magaalaa Roomaa keessatti naanna’uu jalqabe. Inni tokkoffaan Waaqoliin Roomaa amantii kiristaanaatti aaree magaalaattii irratti ibidda roobsuun, inni lammaffaan immoo Kiristaanonni itti yaadanii magaalattii ibidda qabsiisuu isaaniiti. Ummanni Roomaa gubbaachu magaalattii kanaan kan aare, namoota Kiristaanota taʼan hunda baasee ajjeesu jalqabe. Qulqulluun Phaawuloos yeroo kanatti mana hidhaa keessa waan tureef billaadhaan ajjeefame. Kana dhaga’anii haadhellen manaa Aginuus fi Agriphaa funyoo dallaa magaalaattii irraa isa hidhanii gadi buusuun Roomaa akka bahu isa dirqisiisan.
Ergamaan Qulqulluu Pheexiroos imala itti fufe. Roomaa dhiisee deeme. Miila isaa dulloomaatiin suuta jedhee osoo deemaa jiruu dargaggeessi diimaa tokko gara isaatti dhufaa jiru arge. Yeroo itti dhiyaatu Gooftaa keenya ta’uu hubate. Achumaan fuula isaa duratti kufee, “Gooftaa, ati eessa deemta?” jedhee gaafate, Innis, “Roomaatti deebi’ee fannifamuun barbaada” jedheen.
Yeroo kanatti Qulqulluun Pheexiroos gaddee gara Roomaa deebi’e. Loltoonni Neeroon isa barbaadaa turan. "Kunoo na fannisa" jedheen Qulqulluun Pheexiroos. Sana booda Qulqulluu Pheexiroos hidhan. Guyyoota muraasa booda warri Roomaa fannoo isaaf fidan. Qullqulluun Pheexiroosiis, "Akka Gooftaa kootti fannifamuun naaf hin malu" jedhee gadi garagalchanii akka isa fannisan isaan kadhate. Isaanis akkuma itti himame godhan. Adoolessa 5, 67 Dh.K.B wareegamaa ta'ee boqate. Eebbi Qulqulluu Pheexiroos hunduma keenyarra haa bulu!
2. Qulqulluu Phaawuloos
Qulqulluun Phaawuloos hidda dhaloota Ibrootaa, gosa Biiniyaam irraa kan dhufe yoo ta’u, Magaalaa Tarsees keessatti dhalate. Tarsees Magaalaa guddoo Qiliqiyaa, daldala isheetiin beekamtu turte.
Qulqulluun Phaawuloos umurii isaa waggaa kudha shanitti gara biyya isaatti deebi’ee mana barumsaa beekamaa Gamali’eel Iyyarusaalemitti argamu seene. Achittis hanga waggaa soddomaatti seera fi aadaa Yihudootaa barate. Umurii isaa waggaa soddomaatti akka miseensa Mana Maree Yihudootaatti ilaalama ture.
Qulqulluun Phaawuloos bara Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos Iyyarusaalem keessa waan tureef, haala jiru hunda ni beeka ture. Qulqulluun Phaawuloos waggoota lamaan miseensa Mana Maree Yaa’ii Yihudootaa ta’ee ture keessatti amantii bara Ooriitii isaatiif inaaffaa kan qabu yoo ta’u, carraa hundatti kiristaanota mormaa ture. Dhugaa dubbachuuf, yeroo Angafni Daaqonootaa, Wareegamaa Isxifaanoos barsiise jedhamee himatametti Mana Maree Yihudootaa duratti dhiyaate kan falme isa ture. Gaafa dhagaadhaan rukutamee wareegamu uffata jara dhagaadhan rukkuutanii kan eegu isa ture. Qulqulluun Awugustiin, “Kadhannaa Isxifaanoosiin Manni Kiriistaanaa Phaawuloos argatte” jedheera.
Umurii isaa waggaa 32tti, Magaalaa Damaasqoo, Iyyarusaalem irraa gara kaabaatti kiilo meetira 223 (Dhibba lamaa fi digdamii sadii) fagaattee argamtu keessatti kiristaanonni baay’een akka jiran dhaga’e. Gara Angafa Lubootaa dhaqee xalayaa hayyamaa argate Kiristaanota balleessuuf ka'e. Qulqulluun Phaawulos Magaalaattii seenuuf utuu jiruu ifni samii irraa naannoo isaatti balaqqeessa’ee sagalee “Saa’ool, Saa’ool, maaliif na ari’atta?” jedhu dhagga’e. Phaawulosiis, “Yaa Gooftaa ati eenyu?” jedhee gaafate. Gooftaanis, “Ati kan na ari’attu, Ani Iyyasuusidha” jedheen. Yeroo sanatti kufee raafamee, “Gooftaa, maal akkan siif godhu barbaadda?” jedhee gaafate. Kana booda ka’ee gara Damaasqootti akka seenu itti himame. (Hojii Duuka Buutotaa 9:1-6).
Qulqulluu Phaawuloos ija isaa dhabee gara Damaasqootti geeffame; guyyaa sadiif hin nyaannes hin dhugnes. Waaqayyo duuka bu'aa Anaaniyaa jedhamutti abjuun itti mul'ate, Anaaniyaanis isa cuuphe. Namoonni Damaasqoo fi Anaaniyaan duraan Phaawuloos beeku turan. Ari’atamni kun gidiraa Qulqulluu Isxifaanoos irra ga’e irraa ka’e, Phaawuloos ammoo wareegama Isxifaanoos irratti qooda guddaa qaba ture.
Anaaniyaas Waaqayyo waliin falmuu jalqabe; akka Waaqayyo isa hin beekneetti waa’ee Qulqulluu Phaawuloos ibsuu jalqabe. Garuu Waaqayyo, “Kun meeshaa maqaa koo Ormoota, Moototaa fi ijoollee Israa’eel duratti ba’uuf naaf filatameedha; kanaaf dhaqi” jedhee Anaaniyaa erge. Anaaniyaanis Phaawuloos cuuphee barsiise, Phaawuloos immoo gara biyya Arabaa deeme (Gal.1:17).
Waggaa sadii gammoojjii Arabaa keessatti erga dabarsee booda gara Magaalaa Damaasqootti deebi'e. Achittis, Iyyasuus Kiristoos isa kanaan dura isa ariʼachaa ture Yihudoota gidduutti lallabuu jalqabe. Sana dura Phaawulos inni Fariisummaa fi inaaffaa seera Yihudootaatiif qabuun beekamu, Yihudoonni har’a isaa Wangeela lallabu argaan irraati ka’an. Kanaan kan kaʼes, Kiristaanonni Damaasqoo gara Iyyarusaalemitti isa ergan.
Qulqulluun Phaawuloos Iyyarusaalem yeroo gahu rakkoon lama isa mudate. Tokkoffaa, Yihuudoonni Phaawuloos akka beekanii fi baratanitti hin beekne ajjeesuuf ka’an. Lammaffaa, Kiristaanonni Qulqulluun Phaawuloos deebi’uu isaa amanuu hin dandeenye. Dhumarratti, Barnaabaas gara duuka bu’oota isa geessee waaʼee deebiʼee dhufuu Phaawulos isaanitti hime. Qulqulluu Phaawuloos, Iyyarusaalemitti ija jabinaan barsiisaa ture, Yihudootaan mormiin waan irraa gaheef, Magaalatti dhiisee gara biyya isaa Tarsees Qiisaariyaatti deebi’e.
Ergasiin boodaas qulqulluun Phaawuloos biyyota addaa addaa deemuu Wangeela barsiisera.
Dhumarratti bara 64 Dh.K.B Neeroon quufuu isaatiin Magaalaa Roomaa gaafa gubatu maal akka fakkaattu ilaaluu barbaada jedhee gube. Ummanni Roomaa gubachuu magaalattii irratti gaddaa fi fincila kaasuun waan hundaaf kiristaanota komate. Kanaan kan ka’e, namni Kiristaana ofiin jedhu hundi ari’atamaa, dararamaa fi ajjeefamaa ture. Qulqulluu Phaawuloos bara 65 Dh.K.B Magaalaa Niqoophoolis keessatti osoo barsiisaa jiruu qabamee mana hidhaatti gale. Waggaa lamaa fi ji’a ja'aaf mana dukkanaa keessatti erga hidhamee booda umrii isaa waggaa 94tti karaa Osiishiyaa Roomaa irratti mataan muramee Adoolessa 5, bara 67tti Dh.K.B wareegama ta’ee boqate.
Qulqulluu Pheexiroos Ergaa lama kan barreesse yoo ta’u, Qulqulluu Phaawuloos Ergaa kudha afur barreesse.
Gargaarsi fi eebbi Ergamoota Qulqullootaa hunda keenya waliin haa ta'u; Ameen.
Maddi: Kitaaba Sinkisaarii ji’a Adoolessa 5; Macaafa Qulqulluu-Kakuu Haaraa, Waldaa Sillaasee
