Baruumsa

Mata dureewwaan.

Gad ofqabummaa: -  Gad-of qabummaan mallattoo yookiin agarsiistuu xiqqummaa sitti hin fakkaatin. Aangeffamaan guddichi Museen, Gooftaan Kiristoos guddichi kasoo(gad -of-qabdoota)turan yaadadhu. Sooressummaan (duroomummaan)kee kasoomina kee si dhabsiisuuf yoo yaalu eebbifamoon abbaan keenya Abrahaam fi eebbifaamoon abbaan keenya Iyyoob gad-of qabdoota akka ta'an yaadadhu.

Soomaafi gosoota isaa : - Waaqayyo Gooftaan dhala namaa uumama Isaa keessaa kan yaaduu fi jireenya bara baraa jiraatu taasiseetu uume. Kanaafis Waaqayyo “ Nama akka bifa keenyaatti; akka fakkeenya keenyaattis haa uumnu jechuudhaan fakkeenya Isaatiin of fakkeessee uume (Se. Um. 1:26)



No comments:

Post a Comment