𝐐𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐆𝐚𝐥𝐢𝐢𝐥𝐚𝐚 (ቃና ዘገሊላ)
__
___
Qaanan Maqaa Ganda xiqqoo kutaa Galiilaa ishee Israa'el keessatti argamtu yoo taatu. Iyyasuus iddoo raajii isaa kan jalqabaa itti raawwateedha. Akka Mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti ammoo borumtaa ayyaana cuuphaa Ayyaanni raajii jalqabaa kun 𝐐𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐆𝐚𝐥𝐢𝐢𝐥𝐚𝐚 jedhamee kabajama.
Gara Sagalee isaatti Yoo deebinu,taatee kana Wangeelota Afran keessaa kan nuuf katabe Q/Yohaannis qofa. Haalli itti barraa'es baay'ee addafi icciitidhaan kan guutameedha. Akkas jedhee seenaa kana eegale. "𝘎𝘶𝘺𝘺𝘢𝘢 𝘴𝘢𝘥𝘢𝘧𝘧a𝘢𝘵𝘵𝘪𝘴" Guyyaan kun eessaa dhufee sadaffaa jedhee lakkaa'ama yoo jennu Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Amajjii gaafa 11 cuuphamee guyyuma sana gara Kawaala Qoronxoositti deemee guyyaa 40fi halkan 40 erga turee achii ba'een booda guyyoota jiran sadan yookaan gaafa Gurandhala 23 jechuu isaati.
Raajin kun kan raawwate Gurandhala 23 ta'u illee guyyichi guyyaa sooma guddichaan waan wal irra buluuf Abbootni guyyaa lakka'aanii gara kabaja ayyaana bishaanii kanatti waliin akka kabajnuuf nuuf lakkaa'an.
kanaaf guyyaa sadaffaa kan jedhamuu barbaade erga Gooftaafi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Sooma isaa Kawaala Qoronxoos keessatti raawwatee ba'ee booda gaafa guyyaa sadaffaatti jechuu isaati.
Gama Biraatin Guyyaa sadaffaatti yoo jedhu seensa raawwii raajii isaati waan ta'eef: 𝐵𝘢𝑟𝘢 𝘭𝑎𝘱ℎ𝘦𝑒 : - Addaam, Abrahaam, Yisihaaq, ..., 𝘣𝘢𝘳𝘢 𝘴𝘦𝘦𝘳𝘢𝘢 : - Musee hanga dhaloota Iyyasuus ... ; Bara haaraa :𝘉𝘢𝘳𝘢 Wangeelaa dhalootasaa booda Jiru jechuu isaati.
Itti aansee "𝘘𝘢𝘢𝘯𝘢𝘢 𝘪𝘴𝘩𝘦𝘦 𝘎𝘢𝘭𝘪𝘪𝘭𝘢𝘢𝘵𝘵𝘪 𝘤𝘪𝘥𝘩𝘢𝘵𝘶 𝘵𝘶𝘳𝘦," kutaalee Addunyaa kam keessattu akkuma taasifamu guyyaa sadaffaa Gooftaafi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos Kawaalicha keessaa ba'etti ganda Qaanaatti cidhi tokko ture.
"𝘏𝘢𝘢𝘵𝘪 𝘐𝘺𝘺𝘢𝘴𝘶𝘶𝘴𝘪𝘴 𝘢𝘤𝘩𝘪 𝘵𝘶𝘳𝘵𝘦." Haati Iyyasuusis Achi turte as irratti Kitaabni Qulqulluu dhimma kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu isaa ilaalla. Tokkooffaa barreessaan Kitaaba kanaa Yohannis waan ta'eef haadha keenya waliin waggaa dheeradhaaf nama jiraatedha. Haa ta'u malee Q/Yohaannis 𝙈𝙖𝙖𝙧𝙞𝙮𝙖𝙖𝙢𝙞𝙨 𝙖𝙘𝙝𝙞 𝙩𝙪𝙧𝙩𝙚 jechuu osoo danda'u 𝑯𝙖𝒂𝙩𝒊 𝑰𝙮𝒚𝙖𝒔𝙪𝒖𝙨𝒊𝙨 𝙖𝒄𝙝𝒊 𝒕𝙪𝒓𝙩𝒆 jedhee ibse. dakatti jecha barraa'uun namoonni akka hin dogoggorreef jala muree haadha jedhee waame. Kabajni Haadhaa ol’aanaa ta'uu isaa ibsuuf.
Haati Ilmoof kabaja waan taatef, Addatti ammoo Maariyaam taatee kanaaf ijoo waan taatef Iyyasuusif haadha isaa walitti qabee waame. Abbaan cidhichaa ,Iyyasuusifi Bartootni isaas ammoo saganticha akka isaan hirmaatan dhaamera. Dabalataan dubbii olii kana waliin hidhata kan qabu.
Yoh 2:3 "𝐃𝐚𝐚𝐝𝐡𝐢𝐢 𝐰𝐚𝐲𝐧𝐢𝐢 𝐦𝐞𝐞 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐚𝐧𝐢𝐢!" ilma isheen jette Durbee Maariyaam.
"Iyyasuusis Deebisee yaa Dubartii nanaa an si waliin maalan qaba?" jedhe.
Gooftan Kasoomina barsiise bartoota isaa illee luka isaanii dhiqe, warra isatti gaa'isan gidduu callisaan kan ture, mooraa loonii keessatti qorra sanaan kan ishee irraa dhalate, Uumaa ta'ee osoo jiru harka uumamaati kan cuuphame inni abbaan kasoominaa haadha isaatin "𝐀𝐧i 𝐬𝐢 𝐰𝐚𝐥𝐢𝐢𝐧 𝐦𝐚𝐚𝐥𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐚?" jedheen kun ammoo namoota kanaaf gufuu ta'e.
kitaaba Qulqulluu Keessatti jechi "Ani si waliin maalan qaba?" jedhu kun baramaadha. Iddoo hundatti ammoo ani si waliin lola maalan qaba? yoom waldhabne? kan jedhu agarsiisa. kakuu duraa keessaa seenaa dubartii tokkoofi Raajicha kakuu haaraa keessatti waa'ee Namicha Seexanaan qabameefi Iyyasuus kaasuu ni dandeenya.
Yohaannis gubbaatti sababa malee miti Maariyaamis jechuu osoo danda'uu haati Iyyasuusis achi turte
Kan jedheef.Haadhummaa ishee sirriitti raggaasisee dubbate. kun ammoo Iyyasuus haadha isaaf akka kabaja kennu nuuf raggaasiisa. kitaabnis Iyyasuus haadha isaaf ajajamaa akka guddate nuuf hima. Luq 2:51
"𝐊𝐚𝐧 𝐢𝐧𝐧𝐢 𝐢𝐬𝐢𝐧𝐢𝐢𝐧 𝐣𝐞𝐝𝐡𝐞 𝐡𝐮𝐧𝐝𝐚 𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚!" Ragaan tokko ammoo inni guddaan isa kana. namni waliif hin galle, bifa kanaan waliitti hin haasa'u. Maariyaam jecha ilma ishee waliin jiru bareechitee beekti waan ta'eef jechichis ammoo ifa waan ta'eef "waan inni jedhe hunda raawwadhaa" isaanin jette.
Innis Huubboo ja'atti bishaan qulqulluu akka naqan isaan ajajee; bishaanicha gara daadhii wayniitti jijjiire. Warreen keessummeessanis daadhicha fuudhanii keessummootaf yeroo hiran Daadhii waynii isa addaa ta'e. kanaaf ajaa'ibsiifatanii maaf kana nu goota ittiin jechaa turan.
Jireenya keenya keessatti waan nu hir'atu haati keenya Qulqulleetti maariyaam ilma isheetti nuuf yaa himtu. Gaafa sana jireenyi keenya kun akka Daadhii waaynii kanatti mi'aawa...
Akkuma gubbaatti kaafne Iyyasuus Raajii isaa jalqabaa kana kan raawwate Gurandhala 23 Mandara Qaanatti yoo ta'u. Guraandhalli 23 yeroo Soomaa irra waan ooluf, Abboonni keenya ayyaana bishaanii waliin kabajuuf ayyaanni cuuphaa gaafa Amajjii 11 kabajamee borumtaa isaa ammoo Ayyaanni Qaanaa kun akka kabajamu seera nuuf kaa'an.
Galanni Waaqayyof yaa ta'u. Araasummaan haadha keenya Q/Maariyaam nu waliin yaa ta'u. Ameen!
Dn Daanyaachoo Hirphasaa (B.TH)
Walitti qabaa kutaa odiitii fi to’annoo waldaa Sillaasee wiirtuu giddu galeessaa.

No comments:
Post a Comment