GAD-OF-QABUMMAA(KASOOMINA)
Gad-of qabummaan mallattoo yookiin agarsiistuu xiqqummaa sitti hin fakkaatin.Aangeffamaan guddichi Museen, Gooftaan Kiristoos guddichi kasoo(gad -of-qabdoota)turan yaadadhu. Sooressummaan (duroomummaan)kee kasoomina kee si dhabsiisuuf yoo yaalu eebbifamoon abbaan keenya Abrahaam fi eebbifaamoon abbaan keenya Iyyoob gad-of qabdoota akka ta'an yaadadhu. Aangoon laphee kee yoo ol sitti guddise (yoo oftuulummaa sitti fide)"Mootiidhaaf guyyaa irratti guyyaa ni dabalta"jedhee Daawwitii kan dubbate yaadadhu.Yoo hammamiyyuu moote(mootii taate) ofii keetiif guyyaa tokkooyyuu dabaluu/ kennuu hin dandeessuu.Immoo "Hundumtuu duwwaadha/gatii dhabeessa" kan jedhe beekaa fi kasoo mootii Solomooniin,ogeessa mootii Yididiyaa kan jedhame yaadachuudhan haala uffannaa fi beekumsa keen hin booniin!Humni kee ofiin boonuuf yoo si geessise Soomsoon yaadadhu.
Guddini kee warroota gurguddoo,aangoo kee kanneen qaroominaan fagaatan,beekumsi kee kanneen beektoota jedhaman waliin wal bira yoo qabame baay'ee Wantoota lafarraa qofaan osoo hin taane kennaa afuurawaa keetinis boonuu hin qabdu.ofiin boonuun harka koon qabeenya,tolummaan koo surraa (kennaa) naaf fide jechuu yoo ta'u akka ganummaatti lakkaawwama.Kennaan osoo hin taane abbaa kennaatiin (madda kennaatiin)boonuun garuu eeyyamamaadha.Cubbuun kee yoo baay'achaa dhufu dogongorri namoota kaanii sitti muul'achaa dhufa.Tolummaa fi gaarummaan keessa keetitti mana ijaarachaa yoo deemu dadhabbina keetitu sitti muul'ata.Gad-of-qabummaan akka uffata adii dirree irratti uffadhu. Isa immoo ittiin miidhagda,garuu oftuulummaan si salphisa kan si hin beeknees osoo hin hafin si argee si tuffata.Warreen hojjaa(dheerina) qaban yoo boonan samiin waan mul'atu waan argaan itti fakkaata, warreen gaggababoon yoo susukan bool'a du'aa waan seenan fakkaata.Miidhaginni dheerinaa gad jechuu isaati,oftuulaa yoo taatu namoonni hanqina kee akka sirraa barbaadaniif karaa bantaaf.Gad-of-qabummaan firii of beekuuti.Kan sirriitti of beeku ofjajuu fi namoota irratti gonkumaa murteessuuf hin yaalu.Gad-of-qabummaan kabaja isaan biroo beekudha.Kabajuun kabajamuudhaatii isaan kaan yoo kabajnu kasoominni nu kabachiisti.Gad-of-qabummaan yeroo hunda akka waan barataniitti ta'anii jiraachudha.Gad-of -qabummaan bara badetti hundumtuu barsiisaa ta'a.Namni hunduu qulqulluudha ofiin jechuun isaan kan biroo tuffachuu isaa agarsiisa.Barri gurri badee(kan dhaggeeffatu dhabamee) afaan qofti (kanneen dubbatan qofti) itti baay'ate bara oftuulummaa jedhama.Ebelu hamaadha jechuun kara biraatiin ani gaariidha jechuudhaa kanaaf kunis of-tuulummaadha.Kasoominni dadhabbii guddaa namootaa xiqqeessuun,jabina xinnoo isaan qaban olbaasee nutti muul'isa.Gad-of-qabummaan akka waan hin jiraannee ta'anii muuxannoo namoota biroo irraa qooddachuudha.
Isaan (aangoo qabaniif)iddoo guddaa irra jiraniif gad-jechuun (kabaja laachuun) gad-ofqabummaa miti.Isaan bakka gudda irra jiraniifimmaa angoon/kabajni isaan qabanuu nu dirqamsiisa.Gad-of-qabummaan jaalalaa fi kabaja isaan sadarkaa gad-aanaa irra jiraniif agarsiisnudha.Warroota lafoo(miilan) deemaniif dursa yoo kennitu waa tokko yaadi, "Konkolaataatu namaaf uumame malee namni konkolaataaf hin uumamne." Gad-of -qabummaan dhugaa isaan aangooniis ta'ee,sadarkaa kamiinuu nuun gad ta'aniif ajajamuudha.Namni akka amma jiru kanatti akka hin hafne osoo yaadnee daa'immaan meeqaa fi hiyyeessota meeqa ni kabajna ture.Gad-of-qabummaan cabiinsaa laphee fiduudhan faarfannaa fi gaabbiif nama geessisa.Abaaboon yoo harkaan hin urgeefatin urgaan isaa nutti hin beekamu,biqiltoonni firiin isaanii dhugaatiif fayyadus osoo walitti dabalamanii hin bulbulamin hin dhugaman.Namni kasoo yoo hin ta'in maalummaan isaa hin beekamu.Gad-of-qabummaan waan beekan mormii fi ifannaa tokko malee barsiisuudha malee hin beeku jechuu miti.Osoo beekanii hin beeku jechuun dabummaadha,osoo hin beekin nan beeka jechuun of beekuu dhabuudha.Waan beekan jabinaan dabarsuun gad-of-qabummaadha.Kan barate isaan kaan wallaaltota jettee arabsuuf osoo hin taane isaan dukkana keessa jiraniif ifa labsuufidha.Ifaa gaanii keessaa ta'uu irraa

This comment has been removed by a blog administrator.
ReplyDelete