JAAlATAMTOOTA
✍ "Miidhaan namni bira na irraan gahe jettu maalidhaa? Dallanee na arabse,maqaa koon ala maqaa biraa naaf baase kan jedhudhaa? Egaa kuni miidhaa maal qabaa? Gonkumaa miidhaa hin qabu.Sababni isaa wantootni kuni miidhaa osoo hin taane obsaa yoo taatan faayidaan isaanii kan baay'ee guddaa ta'edha. Jalqabaayuu miidhaa isin irraan gahuu namni barbaadu wanta raawwatu hin beeku. Wanta raawwatu hundaa jaalatee fi itti yaadee miti. Hanga fedheeyyuu isin akka miidhe itti haa fakkaatu malee of miidhaa jira.Rakkoon baay'ee keenyaa, kan miidhuu fi kan miidhamu eenyu akka ta'e adda baafnee beekuu dhiisuudha.Sababnisaa osoo kana addaan baafnee beekna ta'ee ofii keenya miidhuuf hin kaanu (miidhaa hin raawwannu) ture,miidhaan isaan kaan irra akka gahuuf hin kadhannu ture,eenyuunuu akka miidhuu hin dandeenye nuuf gala ture.Wanti guddaan immoo miidhaa/gidiraa fudhaachuu osoo hin taane gidiraa/miidhaa isaan kaan irraan gahuu dhiisuudha.Kanaafuu har'aa jalqabdanii nama biraa miitanii yoo ta'e ofiin of qeeqaa,garuu isaan kaan miidhaa isin irraan ga'an yoo ta'e wanti isiniif raawwatame gaariidhaatii kadhadhaafii.Hammuma fedhee namichi isin fayyaduuf raawwachuu baatus obsuu keessaniin garuu faayidaa ni argattu.Miidhaa narraan gahe namni isin jettan gochi isaa hamaa akka ta'e namoonnis jechi Waaqayyoos itti murteessa,isin garuu yoo obsitan yeroodhaaf waan miidhaamtan isinitti fakkaatus Gooftaan akka jedhe gatiin keessan samii irratti guddaadha."Madda:(Qulqulluu Yohaannis Afaan waarqee)
Gara Afaan Oromootti Kan Hiike:
Waldaa Sillaasee Wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaafi Hiik-Kuus-Miidiyaa Yaa'ii Mooraa M/Guddichaafi Kollejjiiwwanii (Xoofoo Sillaasee). Amajjii 2017 Jimmaa

Sagalee Jireenyaa Sin Haa dhagessisu Ebbifama
ReplyDelete