Saturday, March 1, 2025

QULQULLEETTI ቅድስት

Torbaan Lammaaffaa Sooma Gooftaa 

Torban 2ffaa sooma guddicha Qulqulleetti (qidisit) jedhama. Moggaasa maqaa kana kan kennefis Qulqullicha Yaareedidha. Qulqulleettii kan jedhameefis waa'ee Qulqullumma Waaqayyo, waa'ee qulqullummaa namaafi sanbataa waan dubbatuuf.

Qulqulluun Yaareed kitaaba sooma Digguwaa jedhu irratti torban kanaaf faarfannaa akkas jedhu kan inni faarfate.  "Waaqayyoof bitamaa, maqaa isaas waamaa, hojii isaas ormatti himaa, maqaa isaatiifis galata dhiheessaa, sanbata kabaja, waan gaariis godhaa, kan nyaattuun hin balleessine kan hattuun hin agarre galmee samiirraatti walitti qabadhaa, kan qophooftan tahaa, gara kiristoos jiru gara oliis yaadaa" jedha.  

Torban kun egaa torban Gooftaan keenyaa  Iyyasuus Kiristoos isaa kufe ol kaasuf kan dhadhabe utubuf kan Abdii kute abdii itti hooruuf gara addunyaa kanatti erga dhufe booda nu barsiisuf gara gadaamii Qorontoos seenun guyyaa inni sooma itti eegaledha (Maat 4:1_)

Torban kana keessaatti Qulqulleettin mana kiristaanaa keenyaa waa'ee Waaqayyoof bitamu, sagadu, galateeffachuun akka ta'uf fi Qulqulluumma isaa ni barsiisifti. Kana malees amantoota ijoolleeshee waa’ee qulqullummaa gadi fageenyaan yeroo bira caalaa torban kana keessa ni barsiifti. Sirna Qulqulleessa (“qiddaasee”) irrattis lallabni lallabamu, ergawwan dubbifamanis, hojii Ergamootaa fi wangeelli dubbifamanis waa’ee qulqullummaa kan barsiisanii dha. 

Akka walii galaatti torban kana:-  Waa'ee Qulqullummaa amala Waaqayyo, Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos gara lafaa kanaatti kan dhufe furii ta'ee dhiiga isaan nu qulqulleessuuf  akka ta'eefi nutis jireenya Qulqulluumman deddeebi'uu akka qabnu bal'inaan kan itti lallabamudha. 

A. Waaqayyo Amalummaa isaan qulqulluudha. 

Waaqayyo amalummaa isaan Qulqulluudha yoo ta'u qulqullummaan isaa eenyu irrayyuu kan hin arganne qulqullummaan amalaa isaan qabeenya isaati. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo amalummaa isaa  Qulqulluu akka ta'e irra deddeebi'uun ni dubbatu. Isa 6:1-3 Waaqayyo Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluun jedhame  akka galateeffamu nuuf heeraa. 

Qulqulluun Yohaanis "Si duwwatu qulqulluudha" jechuun Ergamoonni sammiirratti faarfanna garbicha isaa Muusedhan akka galatefatan barreesera (mul 14:3_5).  Waaqayyon kan dhageesse  Haannaanis "Akka waaqayyo qulqulluun hin jiru... Isa irraa kan hafee qulqulluun hin jiru"  jechuun faarfatteti.(1ffaa.Sam. 2:2). 

B. Kiristoos gara addunyaa kanatti kan dhufe nuyiif furii ta'e Dhiiga isan nu qulqulleessuf ture. 

Bu'uruma raajiin dubbatameefin barichi yeroo gahu gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos walooman nama ta'uun  dhiiga isaa kabajamaan nu bite, yakka keenya irraas nu qulqulleesse. Kitaabni Qulqulluus

" Akka inni ifa keessa jiru, nuyis ifa keessa yoo deddeebine, nuyi walii keenyaa wajjin tokkummaa qabna, dhiigni ilma isaa Yesus immoo cubbuu hundumaattii nu qulleessa." (1 Yoh 1: 7) jedhuun dhugaa kan mirkaneessa. Duuka bu'aan Qulqulluu Phaawuloosis haqama cubbu kan arganne garummaa Kiristoosiin akka ta'e erga warra Efesooniif erge irratti akkas jechuun caqaseera. "Akka badhaadhummaa ayyaana isaattis Kiristos dhiiga isaa nuuf dhangalaasuu isaatiin furamne, dhiifama cubbuus arganne." (Ef 1: 7) 

C. Jireenya Quqlullaa'aa akka jiraannuuf waamamne. 

"Inni isin waame qulqulluu akkuma ta'e, isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta'aa! Inni caaffata qulqullaa'aa keessatti, "Ani qulqulluu waanan ta'eef, isinis qulqulloota ta'aa!" jedheera. (1Phe 1:15-16) jedhamuun bu'uruma barreeffame jireenya qulqullummaan deddeebi'uufi jiraachuuf dirqama afuura qabna.

Qulqulluun Phaawuloos " Xuraa'ummaatti utuu hin ta'in, qullaa'ummaatti akka jiraannuuf Waaqayyo nu waame." (1 Tasa: 4: 7) jechuun dubbateera. Waan kan ta'eef kan waamamneef xuraa’ummaaf osoo hin taane qulqullummaa, du'aaf osoo hin taane jireenyaaf, qaana'uuf osoo hin taane kabajaaf akka ta'e yeroo kamiyyuu dagachuu hinqabnu.

Waaqayyo gooftaan keenya qaama keenyan cubbuufi hammeenya akka raawwannu hin heyyamu. "Ammas cubbuun warra kajeellaa fooniitiif abboomaman akka isin hin godhannetti, dhagna keessan isa du'e keessatti isa hin moosisinaa! Bu'aa dhagna keessanii mi'a jal'inaa gochuudhaaf harka cubbuu jala hin galchinaa! Garuu akka namoota warra du'a keessaa ba'anii jireenya argataniitti, Waaqayyoof of kennitanii, bu'aa dhagna keessanii mi'a qajeelinaa gochuudhaaf harka Waaqayyoo jala galchaa! (Room 6:12-13) jechuun cubbuu akka jibbinu nu ajajaa.

Dhuma irratti kan waamamnef jireenya Qulqullaa'aa akka jiraannu akka ta'ee beekne yeroo hunda amantii jabadhaan gaabbii gallee jireenya jiraachuun nurra jira.

Galanni Waaqayyof haa ta'u! 


B/saa Guutamaa Goobanaa

 

No comments:

Post a Comment